Daa’ima Heevanii hanga haadha ijoollee lamaa Ayyaantuutti miidhaa saalaa dubartootaa ‘dhaga’uuf gurratti ulfaatan’

Madda suuraa, miidiyaa hawwaasaa
Dubartoonni kunneen ja’an sadarkaa umurii, hawaasummaafi dinagdee garaagaraa keessatti kan argamanidha. Kutaa biyyattii [Itoophiyaa] garagraa keessattis argamu. Wiirtuu magaalaa Finfinneetii hanga Harargee Bahaa, Baahir Daarirraa hanga Jigjigaatti.
Daa’ima waggaa torbaa Heevan irraa hanga haadha ijoollee lamaa Ayyaantuutti hundi isaanii warra miidhaan haleellaa saalaa irratti raawwatamedha.
Daa’imni reefuu burraaqxee taphattee hin quufiin jirtu Heevan dhiyeenya kana nama beektuun gudeedamtee ajjeefamte. Haannaa Lalaangoofi Faaxumaa Ugaas haala sukkanneessaa ta’een dabootiin gudeedamanii ajjeefamaniiru.
Dubartoonni kunneen wal hin beekan. Waliin caabii [maaddii] tokko hin qooddanne. Gidiraan isaaniirra gahe garuu wal isaan fakkeessa.
Walitti bu’insawwan waggoota muraasaa as Itoophiyaa keessatti uumaman, wal waraansiifi nageenyi boora’uun miidhaa saalaa dubartootarratti raawwatamu hammeesseera.
Waraana hamaa waggoota lamaaf Tigraay keessa ture keessatti miidhaan saalaa akka meeshaa waranaatti hojiirra ooluusaa dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) ifa godhee ture. Erga waraanichi dhaabbatee boodas naannicha keessatti miidhaan dubartootarratti raawwatamu hin dhaabbanne.
Naannoo Amaaraa bakka walitti bu’insi humn oota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduutti gaggeeffamuttis yakkawwan gudeeduu dubartootarratti raawwataman baayyachuu poolisiin naannichaafi Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasasaanii keessatti eeraniiru.
Haata’u malee, Itoophiyaatti miidhaan saalaa dubartootarratti raawwatamu bakka waraanniifi walitti bu’insi jiru keessatti qofa miti. Yeroo walitti bu’insi hin jirrettis Itoophiyaa keessatti irra deddeebiin miidhaan saalaa dubartootarratti raawwatamaa jira.
Miidhaa biraa…yaaddoo biraa…
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Adaanaawwit Yiheyyes yeroo ajjeefamte umuriin ishee wagga 17 ture. Yeroo umuriin ishee wagga kudhan turerraa kaasee abbaa biddeenaa isheetiin yeroo garagaraatti yakki dirqamaan gudeeduu irratti raawwatamaa tureera.
A L I bara 2015 jalqaba gochi dirqamaan gudeedamuu abbaa biddeenaasheetiin irra deddeebiin isheerratti raawwatamaa ture gurra haadhashee bu’e; boodarra ammoo poolisii bira gaha.
Osoo poolisiin himatamaa kana qabuudhaaf socho’aa jiruu namni yakkicha raawwate Mikaa’el Shimmallis jedhamu naannootii fagaate.
Saatii muraasaan booda gara manasaatti kan deebiye namni kun haadhashee waliin kan turte , Adaanaawwit Yiheyyesiin “poolisiitti na eeree kan na salphise si’idha” jechuun billaatiin waraanee ishee ajjeese.
Taateen kun miidhaawwan saalaa biro baayyee waliin wal fakkeenya qaba. Dubartoonni miidhaa isaanirra gahe dubbachuu isaniif qofa lubbuun isaanii yaaddoo keessa gala. Firootasaanii itti dhiyoo osoo hin hafiin nageenyasaaniif yaadda’u.
Waggaa tokko dura mucaa intalaashee angafaa nama mana isheef kireesseen gudeedamtee kan jalaa ajjeefamte Abeqyellesh Adabaa kanaaf agarsiiftuudha.
Yakkamaan daa’ima wagga torbaa Heevan Haweetiin gudeedaa ajjeese Geetinnat Baayyee jedhamu osoo abbaa alangaatiin himanni irratti hin banamiin dura mana-hidhaatii miliqee ture.
Kana hordofees Abeqyellesh fi mucaan ishee lamaffaa dhokachuuf dirqamanii ture.
Geetinnat mana-hidhaatii kan miliqe hidhattoonni Faannoo mootummaa waliin lolatti jiran miseensotasaanii hiiksisuudhaaf jecha mana-hidhaa inni keessa ture erga cabsaniin boodadha.
Mana-hidhaatii kan miliqe Geetinnat hidhatee haadha Heevan barbaaduu jalqabe. Namni kun ji’a tokkoof hin hidhamne ture.
Humnoonni nageenyaa magaalaa Baahir Daaris Geetinnatiin deebisanii hidhuurratti akka dhibaa’an kan dubbattu haati Heevan, akka irra deebiyanii qabaniif kadhachuun isheerra ture. Yeroo kun ta’u hunda Geetinnat ishee doorsisaa ture.
Mucaashee dhabuurratti dabalataan doorsisa yakkamaan kun irraan gahu rakkoo dacha kan itti ta’e Abeqyellesh, mana tokkorraa gara mana biraatti jijjiiramuu, akkasumas hojiisheellee irra deddeebiin gadhiisuuf dirqamteetti.
Waggaa shan dura ji’a Amajjii keessa haadha ijoollee lamaa kan taate Ma’aazaa Kaasaa nama ishee wajjin hojjetuun billaan waraanamte.
Ma’aazaan ji’oota lamaaf wallaanamaa turtee booda garuu lubbuun ishee darbeera.
Namni Ma’aazaa akka lubbuunshee darbu miidhaa irraan gahe ammoo erga to’atameen booda mana-hidhaa keessaa wallaansa fayyaatiif bahee miliqeera. Isaan boodas maatii Ma’aazaatti bilbilee doorsisaa akka ture yeroo sanatti gabaafamee ture.
Dhibaa’ummaan dhaabbileen nageenyaarratti mul’atu kun miidhamtoota deebisee balaaf saaxilaa jira.
Kanaaf agarsiiftuu kan ta’u dhimma yakkamaa waggoota 17 dura A L I bara 1999 jala-bultii Ayyaana Qilleerratti Kamiilaat Mehiidiirratti asiidii dhangalaasaa adabbiin itti murtaa’eedha.
Namni Damisoo Zarihun jedhamu erga murteen du’aa itti murtaa’een booda ol iyyannootiin gara murtii hidhaa umurii guutuutti foyyaa’’eraaf. Haata’u malee, namni kun wagga 12 fi ji’a torba erga hidhameen booda , mana-hidhaatii hiikameera.
Namni Damisoo Zarihun jedhamu kun dubartoota 30 ol waliin dhahuudhaan to’annoo jala oolfamuu isaa televizhiniin biyyaalessaa ETVn gabaasee ture.
Yeroo sanatti Itti-gaafatamaan qorannoo yakkawwan malaammaltummaa Poolisii Federaalaa Komishnara Gargaaraa Taaddasaa Ayyaaloo, “naannoo mana-sirreessaattiyyu rakkoo qaba ture. Irra deddeebiin hidhameera, bakka garagaraatti qorannoowwan irra deddeebiin jiru garuu karaan ittiin cimsanii akka gara seeraatti dhiyaatu taasifame sirrii hin turre,” jechuun buufata TV irratti yaadasaanii kennanii ture.
Warra yaka miidhaa saalaa raawwatanirratti adabbiin darbu kan barsiisu[kan jiilchu] ta’uu dhabuun isaa akka miidhaan saalaa caalaa hammaatuuf sababa ta’uu isaa ogeessonni seeraa ni dubbatu.
Kaamilaat Mehidii wagga ja’a dura , “miidhaan anarra gahe akka salphaatti ilaalamee warra kaaniifillee fakkeenya gadhee ta’eera. Amma miidhaan Asiidii akka qoosaa ta’ee hanga agartuu ijaa ittii balleessuutti gaheera. Yeroo sanatti osoo murteen keessa deebii hin qabne fudhatamee turee dubartoonni Asiidiidhaan miidhamne hin baayyannu ture,” jechuun BBCtti himtee turte.
Miidhaawwan saalaa hedduu isaanii kan wal isaan fakkeessu warri miidhaa geessisan nama dhiyoon ta’uu isaaniiti.
“Kanneen [miidhaawwan] dhiirota hawaasuma keenya keessa jiran, obbolaanuma keenya, abbootiidhuma keenya ykn hiriyyootuma keenyadha; bakka biraatii dhufanii nu hin gudeedne,” jedhu Dr. Sihiin.
“Qaawwi seeraa jiran yeroo tokko tokko abdii nama kutachiisu”
Ogeessonni seeraafi namoonni sochii dhimma koorniyaa keessatti hirmaatan BBCn dubbise sirna haqaarra qaawwii jiru miidhaan saalaa akka hammaatuuf sababa ta’uusaa dubbatu.
Hundeessituufi daarektarri spchii dhimma dubartootaa kan taate Dr. Sihiin Tafarraa, “Qaawwi guddaan kan jiru adeemsa haqaarrattidha,” jedhu.
“Warra balleessan osoo dhugumaan qabamanii, osoo dhugaatti adabamanii adeemsa haqaa jiru qaawwa waan qabuuf namoonni baayyeen waan miliqaniifi adabbii malee waan jiraataniif sadarkaa kanarra geenyeerra,” jechuun ibsu.
Dubartoonni miidhaan saalaa irra gahe “gabaasa hin godhan” rakkoon jedhu ka’aa akka ture kan eeran daarektarri sochii Seetaawwit jedhamu kanaa; “Qaawwa baayyee argaa jirra. Yeroo baayyee miidhaa saalaan wal qabsiisanii poolisii bira yeroo deeman deebiin argatan dhugaatti kan abdii nama kutachiisudha. Poolisoonni itti kolfullee; faayila banuufis dhibaa’ummaan ni mul’ata. Daa’imman gudeedamanii yeroo deeman amanuu dhabuun jira,” jechuun dubbatu.
Poolisiifi Abbaa alanagaa gidduu “qaawwi guddaan” akka jiru Dr. Sihiin ni himu. Qaawwi kun ammoo qorannoon yakkoota miidhaa saalaa yeroo gaggeefamanitti wal dubbisuu dhabuufi “atakaaroon” akka jiru kaasu.
Abokaatoofi gorsaa seeraa Addis Mohaammed haaluma walfakkaatuun “adeemsa haqaarratti qaawwi jira” yaada jedhurratti waliigalu. Waggoota saddetiif abbaa alangaa dubartootaafi daa’immannii ta’uun kan tajaajilan Addis, seera yakkichaarratti miidhaa saalaa ilaalchisee tumamee kan jiru “fooyyaa’uu qabu” jedhu.
Gorsaan seeraa kun itti dabaluun, “raawwiin yakkaa baayyee sukkanneessaa yeroo ta’uufi miidhaan qaqqabe kan bakka hin buune yeroo ta’u adabbiin isaa barsiisaa ta’uu qaba,” jechuun BBCtti dubbatan.
Addis Mohaammed seera yakkaarratti foyyaa’uu qaba dhimmoota jedhan keessaa labsiiwwan jiran caalaa ifa akka ta’an gochuun isa duraati.
Dabalataan, “Haalli adabbii isaas osoo fooyyaa’ee humi akeekkachiisuu isaa baayyee olaanaa ta’a” jechuun adabbii yakkamtootarratti darbu seerri murteessu foyyaa’uu akka qabu ogeessi seeraa kun ni kaasu.
Erga adabbiin murtaa’een boodas raawwiisaarratti fooyya’insa taasisuun akka barbaachisu Addis eeraniiru. “Raawwiisaa ilaalchisee dubartootaafi daa’imman ilaalchisee yakkawwan baayyee sukkaneessoo ta’an raawwatamanii [yakkamaan] yoo baayyate hidhaa umurii guutuun adabama; kana ta’uun isaa ammoo hawaasichi akka hin baranne taasiseera,” jedhu.
Dr. Sihiin gamasaaniin “qaawwa” seeraa kana fooyyeessuun kophaasaa “rakkoo kana ni fura jedhee hin amanu” jedhu.
Itti dabaluun, “seerichi ni hanqata namoonni jedhan [warri balleessan] hanga seerichi hayyamuun adabaa akka hin jirre osoo hin hubatiinidha” jechuun falmu.
Daarektarri Seetaawwit kun itti dabaluun, “qaawwa jiran adeemsa hojmaataati sirreessuu kan qabnu; jalqaba seera isa jiruun yoom hojjenne?” jechuun gaafatu.
“Qaawwi seericharra jiran yeroo tokko tokko abdii nama kutachiisu” kan jedhan Dr. Sihiin, “seerri abbaan alangaa ittiin himatu tumame isa kamidha? Kan jedhuyyu hiree himatamaa sana kan murteessudha. Qaawwa seeraa jiru madaaluudhaaf ni ulfaata,” jechuun ibsu.
Ogeessi seeraa Addis Mohaammedis, “Seerota qofaa fooyyeessuun furmaata miti; haata’u malee, yakkawwan gosa akkanaa akka hir’atan carraa uuma,” jedhu.
Labsiiwwan seeraa fooyyeessuu biratti garuu namoonni yakkicha qoratanirraa kaasee hanga warra murtee kennaniitti “leenjii adda ta’e fudhachuu qabu” jechuun tarkaanfii fudhatamuu qaba jedhan kaasu.
Addis Mohaammed, “qorattoonni itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amne, abbootii alangaa itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amne, abbootii seeraa itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amne yoo ta’an adeemsa haqa kennuu hanqate akka kennamuuf carraa uuma jechuun BBCtti dubbatan.
“Dubartiin miidhaan qamaafi qoor-qalbii irra gahe akka jirutti ta’ee gaafii miidhaa dabalataa geessisu abbootiin seeraa gaafatan ni jiru,” kn jedhan Addis; miidhaa saalaa kan ilaallatu “dhaddachi addaa hundeeffamuu qaba” jechuun ibsu.












