Namoota tibbana Giddaa Ayyaanaatti 'Faannoon butaman' keessaa jaha hanga ammaatti hindeebine- Aanga'aa

Nama kiyyeeffatee dhukaasuuf jiru

Madda suuraa, Getty Images

Namoota hidhattoonni Faannoo Dilbata darbe ALI Ebla 26, 2017 Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti butan keessaa jaha hanga ammaatti eessa buuteensaanii akka hinbeekamne ibsame.

Itti Gaafatamaaa Waajjira Bulchiinsaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa, Obbo Seeqqataa Galataa hidhattoonni kun guyyichatti ganama keessaa tilmaamaan sa'aa 1:00 yemmuu ta'u aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Dooroo Boorraa naannoo Gaara Dichoo jedhamutti imaltoota gara magaalota Naqamtee fi Finfinneetti imalaa turan akka butan BBC'tti himan.

Buttiin kun kan raawwatame konkolaataa deddeebisa ummataa 'TATA' jedhamee beekamurratti akka ta'e kan himan Obbo Seeqqataan, "ummata nagaa imalaa turedha kan dhabame. Dubartoota qofa keessaa deebisanii kaan oofanii akka deemanidha odeeffannoo kan qabnu" jedhan.

"Konkolaataan yeroo kaan qaama nageenyaatiin 'ajjabameeti' bahaa kan ture" kan jedhan Obbo Seeqqataan, "Guyyaa sanammoo akka carraa ta'ee bariidhaan bahe waan ta'eef qaamni nageenyaas wajjin hinbaane" jedhan.

Kaartaa Wallagga Bahaa

"Halkan sa'aa 10:00 irratti miliqne"

Jiraataa aanaa Giddaa Ayyaanaa kan ta'an Obbo Giddumaa Gomooroo namoota hidhattoota kanneeniin butamanii miliqan keessaa tokko.

Beellama mana yaalaaf gara Magaalaa Finfinneetti imalaa akka turan BBC'tti kan himan Obbo Giddumaan, "iddoo Dichoo jedhamutti fiiganii karaatti wayita bahaniitti konkolaataan ni dhaabbate" jedhan.

Sana boodas imaltoonni konkolaaticha keessaa bu'uun akka hiriiran erga taasisanii booda dubartootaafi maanguddoota keessaa hanbisuun namoota 17 gara bosonaatti fudhatanii seenuus himan.

Kana malees, imaltoonni wayita konkolaataa keessaa bu'an bilbila harkaafi maallaqa isaanii korojoo qophaa'e keessa akka kaa'an taasifamuus Obbo Giddumaan himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Kan nu qabee deeme nama 17. Uffannaan isaanii kan Faannooti, hundi isaaniis meeshaa (waraanaa) Turkii isa gurraacha kan makkalaakayaa baatanii jiru" jedhan.

Hidhattoonni kun namoota 17 butanii deeman keessaa namoonni saddeet karaadhaa akka deebi'an erga gadhiisanii booda namoota hafan sagal imala sa'aatii jaha booda iddoo Sootalloo jedhamu akka geessan himan.

"Gaafa achi nu geessan 'ijoolleen keenya namoonni 17 Baakkootti qabamanii jiru waan ta'eef ijoolleen kun yoo gadi lakkifaman isinis ni baatu' nuun jedhan" jedhan.

Dabaluunis "Akkamiin akkas jettu nuti waan kana maal beekna jennaan 'mootummaa keessantu qabe waan ta'eef gadi lakkisiisuu qabu' nuun jedhan" jechuunis himan.

Iddoo Sotolloo jedhamu kanatti guyyoota sadiif buluu kan himan Obbo Giddumaan, guyyaa Roobii obboroo sa'aa 10:00 irratti, "namni nu eegan sadi rafaa turan. Namni tokko ammoo nu eegaa ture. Ibiddi qaarmii gubaa dhufe jennaan mucaan nu eegaa ture ol ba'e. Gaafa inni ol bahu walitti himnee kaanee gara lagaatti fiigne" jedhan.

Battala miliqanitti dhukaasni irratti akka baname kan himan Obbo Giddumaan, isaan waliin namoonni muraasni fiiguu malee lakkoofsa namoota miliqanii akka hinbeekne dubbatan.

Haata'u malee, kunneen isaan waliin miliquuf fiigan keessaa namni tokko galuusaa himaniiru.

Gama biraatiin namoota sagal harka hidhattootaatti hafan keessaa Obbo Giddumaa dabalatee, namoonni sadi miliquun Roobii ALI Ebla 29, 2017 gara magaalaa aanaatti deebi'uusaanii himaniiru.

Gama biraatiin, "Qabatamaa ta'uu baatus jarri bilbilanii 'ammas namni sadi harka keenya jiru' jedhanii akka kaasan qaama hawaasaa keessaa ka'aa jira. Garuu ammoo hangam dhugaadha kan jedhu qulqulleeffachuu hindandeenye" jechuun Obbo Seeqqataan BBC'tti himaniiru.

"Dhimmicha hordofaa jirra..."

Guyyaa taateen kun raawwatamee eegalee qaamni nageenyaafi qaamni bulchiinsa aanaa Giddaa Ayyaana dhimmicha hordofaa akka jiru Obbo Seeqqataan himu.

"Battala taateen sun uumametti raayyaan ittisaa, poolisiin aanaa, milishaafi qaamni siyaasaa aanicha gaggeessu guyyaa tokko guutuu hordoffii taasisullee waan sana faana dhahanii argachuu hin dandeenye" jedhan.

Dabalataan, guyyoota darban keessa raayyaan ittisaafi qaamoleen nageenyaa biroo aanaa ollaa kan ta'e Limmuu keessas sakatta'insa taasisaa jiraachuu himaniiru.

"Hanga ammaatti garuu bu'aan argame, wanti beekameefi argame hin jiru" jedhan.

Hidhataa

Madda suuraa, Getty Images

Fedhiin hidhattoota kunneenii maali?

Hidhattoonni Faannoo imaltoota butan kunneen naannoo isaaniitti 'Fnxaaleyyii Amaaraa' jedhamuun kan beekaman akka ta'e kan dubbatan Obbo Seeqqataa Galataa, "yeroo adda addaatti qabeenyafi lubbuu nama nagaarratti rakkoo geesisaa turan" jedhan.

Haaluma kanaan kanaan dura namoota butuun maallaqa fudhatanii gadhiisaa akka turaniifi gandoota aanichaa tokko tokko keessa baay'inaan socho'uunis qabeenya saamaafi uummata irra deddeebiin buqqisaa akka turan dubbatan.

Kana malees, hidhattoonni kun sabummaa irratti xiyyeeffachuun namoota nagaarratti haleellaa raawwachaa akka turan kan himan qondaalli kun, qaamoleen kunneen kaayyoo siyaasaa akka qabanis himu.

"Yoo danda'e daandii asii Naqamtee geessu kutanii ummata diinagdeessaarraa kaasuudha. Naannoon gammoojii kun lafa omishaa guddaadha. Kanaaf lafa kana Oromoon dhaqee akka hinfayyadamne, galiin Oromoo akka xiqqaatu, sochii Oromoo daangeessuufi diinagdeedhaan laaffisuun olaantummaa saba tokkoo mirkaneessuufi kan isaan kaayyeffatanii ka'an" jedhan.

Gama biraatiin qaamoleen kunneen gandoota gammoojjii keessa socho'uun miidhaa akka qaqqabsiisan kan himan Obbo Seeqqataan, hidhattoonni kunneen hawaasatti makamuun nama nagaa fakkaachuun qaamoleen nageenyaa tarkaanfii waaraa akka hin fudhanneef rakkoo ta'uu dubbatu.

"Tarkaanfii fudhachuuf wanti danqaa ta'e uffata loltuu hin uffatan. Yeroo ilaaltu qonnaan bulaa fakkaatu. Guyyaa biraa ammoo meeshaa kaasanii rakkoo geessisanii yeroo ummata naannoo sana jiraatu keessa dhokatantu jira" jedhan.

Kana malees haalli teessumaa naannichaa sakatta'anii tarkaanfii fudhachuuf rakkisaa akka ta'es kaasaniiru.

Hidhattoonni Faannoo mootummaan finxaaleeyyii Amaaraa jechuu waamu kanneen sababii qaama jidduu galeessaan isaan bakka bu'uu hin qabneefuu, BBCn gabaasa kanaaf himannaa irratti dhiyaatee kanarratti yaada gamasaanii argachu hin dandeenye.