Wallagga Bahaa, Kiiramuutti hidhattoonni 'finxaaleyyii Amaaraa' hojjettoota mootummaa ajjeesan

Wallaga Bahaa

Haleellaa “finxaaleyyiin Amaaraa” Sanbata Duraa ALI Fulbaana 4, 2017 ganama naannoo sa’aa 4:00’tti Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu keessatti hojjettoota mootummaa imalarra turanirratti raawwataniin hojjettoonni mootummaa lama ajjeefaman.

Hojjettoonni mootummaa caaseeffama gandaa dhiyeenya Mootummaan Naannoo Oromiyaa ifoomse hordofuun hojiif gara gandaatti imalaa turan tasa haleellaan irratti banamuu BBC’n odeeffateera.

Namoota sadii doqdoqqee tokkoon imalaa turan keessaa tokko kan ta’anfii rasaasaan rukkutamanii lubbuun hafuu kan himan Obbo Margaa Alamuu, dhiyeenya kana bulchaa gandaa ta’uun ramadamuu himan.

“Caaseffama gidduu kana akka Oromiyaatti gadi bu’een bulchiinsa ganda Marga Jireenyaa naaf kennan. Guyyaa Sanbata Duraa magaalaa Kiiramuutii kaanee ganda Ashuu Kusaayee keessa iddoo Kuttii jedhamtu yemmuu geenyu dhukaasni nurratti baname,” jedhan.

Namoonni lamaan isaan waliin doqdoqqeerra turaniifii haleellichaan lubbuunsaanii darbes Manaajara ganda Siree Dooroo kan ta’an Obbo Alaamirroo Rattaafi hogganaa paartii magaalaa ta’uun kan ramadaman Obbo Akliiluu Fiqaaduu ta’uu himaniiru.

“Dura motorumarratti qolee gara mirgaa na rukkutan. Waaqayyo na hambisee fiigee naannoo sanaa baqadhee yemmuun fiigu karaa duubaan harka bitaa na rukkutan” jedhan.

Gama biraatiin Obbo Alaamirroo Rattaa battalatti lubbuunsaanii darbuufii Obbo Akliiluu Fiqaaduu immoo lubbuun oolanillee buufata fayyaatti wal’aanmaa turuun lubbuunsaanii guyyaa Dilbataa darbuu himaniiru.

Hidhattoonni mootummaan 'finxaaleyyii Amaaraa' ittiin jedhu kunneen aanaalee godina Wallagga Bahaa akka Giddaa Ayyaanaafi Kiiramuu, akkasumas aanaalee godina Horroo Guduruu Wallaggaa Jaardagaa Jaartee, Amuruufi Abee Dongoroo keessatti waggoota sadan darban keessa yeroo garagaraatti namoota nagaafi hojjetoota mootummaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachaa turaniiru.

Waggaa lama dura, haleellaa hidhattooti 'finxaaleyyii Amaaraa' kun raawwataniin jiraattotni Aanaa Kiramuu gandoota 19 keessa jiran Giddaa Ayyaanaatti baqachuu aanichi beeksisee turuu BBCn gabaaseera.

Gandoota Aanaa Giddaa Ayyaanaa gandoota Nageessoo, Haroo Ayyaanaa, Dooroo, Aliifi Andoodee Dichoo keessa jiraatanis waggoota sadan darban keessa sababa haleellaa 'finxaaleyyii Amaaraa' kanaan qe'eerraa buqqa'anii dararamam keessa jiraachuu dubbatu.

Humnoonni haleellicha raawwatan kun eenyu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hojjettoota mootummaa haleellaa Sanbata Duraan miidhaan irra gahee keessaa kan lubbuun oolan Obbo Margaan qaamoleen haleellaa irratti raawwatan “finxaaleyyii Amaaraa” ta’uu himu.

“Finxaalessa Amaaraadha jennee yaadna. Lubbuunis nakeessa jira, ofin beeka waan ta’eef akkan argetti (dhalattoota) saba Amaaraa natti fakkaata. Sabni Amaaraa naannoo sana jirus kan nutti birmate hinjiru” jedhan.

Qaamoleen isaan ‘Finxaaleyyii Amaaraa’ jechuun ibsan kunneenis dhalattoota saba Amaaraa aanichuma keessa jiraatan ta’uu kan himan Obbo Margaan, “yoo barbaadan gara mootummaa fakkaatu, yoo barbaadan immoo nagaas ni booressu” jedhan.

Qaamoleen kunneen caaseffama gandaa mootummaan naannoo Oromiyaa dhiyeenya hojiirra oolches kan morman ta’uu himu.

“Uummanni Oromoo Shaneedha, Shaneen nun jaalatu, Shanee nutti harkisa’ jechuun uummata Oromoo Buqqisaa turan” kan jedhan Obbo Margaan, kanaan dura dhalattoota saba lamaan gidduu araarri taasifamee akka ture himan. “Haa ta’u malee duuti Oromoo dhaabbachaa hinjiru” jedhan.

Gama mootummaatiin milishaafii gachana sirnaa ijaaruun rakkinicha furuuf yaalamuu kan himan Obbo Margaan dhimmichi garuu furmaata osoo hinargatin turuu himaniiru.

'Qaamoleen kun hidhattoota Faannooti'

Jiraataan aanaa Kiiramuu BBC’f yaadasaanii laataniifii maqaansaanii akka hin eramne gaafatan immoo hidhattoonni haleellaa Sanbata Duraa raawwatan kunneen hidhattoota Faannoo ta’uu himu.

Hidhattoonni kun erga ALI bara 2014 as aanicha keessatti haleellaawwan garagaraa raawwachuun uummata buqqisaa turuus himan.

Hidhattoonni kun aanaa Kiiramuu keessa magaalaa Haroo fi ganda Baadin jedhamu guutummaatti to’atanii jiraachuufii gara gandoota Amuruu fi Giddaa Ayyaanaa ce’uunis haleellaa akka raawwatan jiraataan kun BBC’tti himaniiru.

Dhimma kanarratti yaaliin yaada angawoota aanaa Kiiramuu argachuuf taasifne ammaaf hinmilkoofne.