Hoggantoonni hidhattoota Faannoo Amaara keessa socho'anii eenyu fa'i?

Hoggantoota garee Faannoo kutaalee Amaaraa adda addaa keessaa

Madda suuraa, Miidiyaa Hawwaasaa

Naannoo Amaaraa keessatti walitti bu’insi humnoota nageenyaa mootummaa fi Faannoo gidduutti jalqabe erga eegalee waggaa tokkoo ol lakkoofsiseera.

Mootummaan naannoo Amaaraas sochii hidhattoonni Faannoo naannicha keessatti taasisan human isaa ol tahuu erga ibseen booda mootummaan federaalaa gidduu galuun haalicha tasgabbeessaa ture.

Labsii yeroo muddamaa erga labsamees ji’oonni kudhan darbaniiru.

Hidhattoonni Faannoo aanga’oota mootummaa irratti yakka ajjeechaa raawwachuun himatamu.

Walitti bu’insa hidhattoota Faannoo fi humnoota mootummaa kanaan uummanni naannichaa rakkoo hedduuf saaxilameera.

Lubbuu namoota hedduu badeera. Qabeenyi manca’eera.

Hidhattoonni Faannoo akka naannoo naannoo isaaniitti wal gurmeessuun kan socho’an yoo tahu haaluma ijaarsa naannoo isaaniin hogganaa mataa isaanii qabu.

Hidhattoota Faannoo kanneen hoggansa tokko jalatti walitti qabuuf ji’oota darban keessa yaaliin jiraatus hanga ammaa waan milkaa’e hin fakkaatu.

Yaalii garee Faannoo kanneen hoggansa tokko jalatti walitti qabuu taasifameen Iskindir Naggaa hogganaa wlaiigalaa gochuun filachuun himamus gareen murtee kana hin fudhanne akka jirus dhagahameera.

Kanaaf hoggansaa fi ijaarsa wal fakkaataa hidhattoota Faannoo ijaaruuf yaaliin godhame osoo hin milkaa’iin hafeera.

Gama biraan hidhattoota Faannoo Shawaa keessa socho’an keessaa tokko kan tahe koloneel Assagid Mokonnin humnoota mootummaan to’atamuu miiidyaalee irratti dhiyaachuun dubbateera.

Kun ammo hidhattoota gidduutti akka isaan wal yakkan taasisuu miidyaalee hawwaasaa irratti ergaawwan darban irraa hubachuun danda’ama.

Haa tahu malee, garee hidhhattoota Faannoo kanneen eenyufaatu gaggeessa?

Iskindir Naggaa: Waraana Uummata Amaaraa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Iskindir Naggaa magaalaa Finfinneetti kan dhalate yoo tahu bara 1980’oota keessa gara Ameerikaa deemuun barnoota isaa hordofaa ture.

Kufaatii mootummaa Dargii hordofuun gara biyyaatti kan deebi’e Iskindir ogummaa gaazexeessummaan hojjetaa ture.

Gaazexaawwan adda addaa abbummaan maxxansiisuu fi qopheessaa olaanaa tahuun hojjetaa ture.

Hojii kanaan wal qabatee yeroo hedduu mana hidhaa bu’eera.

Jeequmsa filannoo bara 1997 booda gara waggaa tokkoof mana hidhaatti dabarseera.

Bara 2004 ammoo adeemsa mana murtii waggaa tokkoo ol fudhateen booda hidhaan waggaa 18 itti muramuun mana hidhaa ture.

Hidhaa waggaa afuriin booda yeroo MM Abiy Ahimed gara aangootti dhufan hidhamtoota siyaasaa biyyattii keessaa gadhiifaman waliin mana hidhaatii bahuun gara hojii gaazexeesummaatti deebi’e.

Garuu osoo hin turiin dhimma magaalaa Finfinnee ajandaa isaa duraa godhachuun ''Mana Maree Baaldaraas'' jedhamu hundeesse.

Booda ammoo gara paartii siyaasaatti jijjiiruun ''Baaldaraas Dimokiraasii Dhugaaf'' kan jedhu hundeessuu beeksise.

Yeroo kana mootummaa waliin wal dhabdee keessa galuu jalqabe.

Bara 2012 deebi’ee mana hidhaa galfame. Gara waggaa lamaa hidhamee yoo gadhiifamu akka duraa isaa gara hojii isaa gaazexeessummaattis tahe hoggansa paartiitti hin deebine.

Ji’ootaaf naannoo Amaaraa keessa erga tureen booda ''Adda Uummata Amaaraa'' kan jedhu hundeessuun qabsoo hdihannoo gaggeessuu jalqabuu ibse.

Addi waraanaa hundeesse kun osoo hin turiin diigamuu dhagahame. Ji’ootaan booda ammoo ''Waraana Uummata Amaaraa'' kan jedhu hundeessuu ibsame.

Torbanootaan dura ammoo ijaarsa Faannoo wal fakkaataa ijaaruuf yaalii godhameen Iskindir naggaa hogganaa ''Izzii Ajaja Gidduugalaa Faannoo'' tahuun filamuun dhagame.

Gareen kaan ammoo ijaarsa haaraa hundeeffamee fi Iskindir Naggaa hogganaa godhee filate kanaaf beekamtii akka hin kennineefi hin ajajamne ibsuun ijaarsichaan ala akka tahan beeksisan.

Mirree Wadaajoo: Hogganaa Faannoo Walloo

Mirree Wadaajoo dhalatee kan guddate Raayyaa Qobboottidha.

Maqaan isaa hidhattoota Faannoo waliin ka’uu kan jalqabe yeroo waraana Tigiraay, yeroo humnootni TPLF naannoo Amaaraatti galuun waraanni hamaan gaggeeffamaa ture sanaa jalqabeeti.

Isa dura bara bulchiinsa TPLF keessa meeshaa waraanaa harkaa qabu mootummaatti akka deebisu yoo gaafatamu eeyyamaamaa hin taane ture.

Kana irraa kan ka’e humnoota mootummaan barbaadamuu yeroo jalqabu gara Sa’ud Arabiyaatti baqatee ture.

Karaa seeraan alaa Sa’ud Arabiyaa kan gale Mirree Wadaajoo waggaa tokkoo ol achi turuu hin dandeenye.

Poolisii biyyattiin qabamee gara Itoophiyaatti deebifame.

Haa tahu malee, humnoota mootummaan nama barbaadamu waan tureef ammas deebi’ee gara Sa’ud Arabiyaatti baqate.

Hamma bara 2010tti erga biyyicha jiraatee MM Abiy Ahimed gara aangootti dhufuu hordofee gara biyyaatti deebi’e.

Yeroo sana sochiin Faannoo jedhu jalqabee waan tureef naannoo dhaloota isaa Wallootti ijaarsa kana jabeessuu jalqabe.

Sochii Faannoo Gondar, Goojjamii fi Shawaa waliinis qunnamtii jabeessaa ture.

Bara 2013, A.L.Itti yeroo waraanni Tigiraay babal’achuun naannoo Amaaraa keessa gahuun humnootni TPLF Raayyaa Qobboo qabatan humni Faannoo naannicha ture waraana sana irratti hirmaachaa turuu himama.

Yeroo sana meeshaa waraanaa gahaas akka argatan himamaa ture.

Waraanichi gara Kaabaa fi Kibba Wallootti haguma babal’ataa adeemeen sochiin Faannoo naannichaas babal’ataa dhufe.

Haala kanaan Mirree Wadaajoodhaan kan hogganamu gareen Faannoo ''Faannoo Baha Amaaraa'' jedhamu hundaa’e.

Waraanni Tigiraay waggaa lamaa booda waliigaltee Piriitooriyaan yeroo goolabamu hidhattoonni Faannoo Mirree Wadaajoo jala turanis bakka tokkotti walitti qabamuun gara jireenya idilee isaaniitti deebi’uuf waliigalanii ture.

Mootummaan humna addaa naannoo Amaaraa bittinsuun irra deebiin hundeessuu fi hidhattoota irraa meeshaa waraanaa hiikuuf yeroo murteessu hidhattoonni Faannoo Baha Amaaraa Walloo keessa turan Raayyaa Ittisa Biyyaa naannicha jiran waliin walitti bu’aniiru.

Walitti bu’insicha tasgabbeessuuf jaarsolii biyyaa naannichaan hojii hojjetameen Mirree Wadaajoo Faannoo bakka bu’uun argamuun araara buusee ture.

Haa tahu malee, naannoo Amaaraa bakkeewan adda addaatti walitti bu’insi Faannoo fi humnoota mmootummaa dabalaa dhufnaan Mirree Wadaajoos hidhattoota isa jala turan qabatee bosona gale.

Amma Mirree Wadaajoo Hoggaaa Faannoo Amaaraa naannoo Walloo yoo tahu, kolonel Fantaahun Muhaabbaa ammoo itti aanaa ajajaa tahuun socho’aa jiru.

Zammanee Kaasee-Hogganaa faannoo Goojjam

Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Goojjam keessatti dhalatee kan guddate Zammanee Kaasee hogganaa Faannoo Goojjam tahuun socho’a.

Yuunvarsiitii Haromaayaa irraa digirii isaa kan argate Zammanee Kaasee waajjiraalee mootummaa adda addaa keessatti hanga hoggansaatti tajaajilaa tureera.

Akkasuma pirezdaantii dargaggoota Naannoo Amaaraa tahuun hojjeteera.

Jeequmsa filannoo bara 1997 mudate hordofee Ginbot 7 qabsoo hidhannoo gochuuf yeroo hundaa’u Zammanee Kaasee gara Eertiraa deemuun isaanitti makamee ture.

Sana boodas gara biyyoota adda addaatti deemee ture. Erga MM Abiy Ahimed gara aangootti dhufanii gara Itoophiyaatti kan deebi’e Zammaneen yeroo mootummaan miseensota paartii mormituuf aangoo kennu naannoo Amaaraatti warra aangoon kennameef keessaa tokko ture.

Naannoo Amaaraatti Biiroo Eegumsa Naannootti gorsaa tahuun aka hojjetu bakki kennameef.

Haa tahu malee, Waxabajji 15 bara 2011 yeroo qondaalota naannichaa olaanoo irratti ajjeechaan raawwatu Zammaneen hojii isaa gadhiisuun naannichaa miliqe.

Ajjeechaa pirezidaantii naannichaa kan turan Dr Ambaachoo fi kaan irratti raawwate keessaa akka hin qabne erga mirkanaa’ee booda siyaasa keessatti hirmaannaa gochuu kan jalqabe yeroo humnoonni Tigiraay gara naannoo Amaaraatti galanidha.

Yeroo humnoonni TPLF kutaalee naannoo Amaaraa hedduu to’atan ''Humna Uummata Amaaraa'' kan jedhu hundeessuun walitti qabaaa tahee filamuun sochii gochuu jalqabe.

Goojjam bakkeewan tokko tokkotti keessumaa ammoo gara Lixa Wallootti hidhattoota Faannoo isa waliin jiran qabachuun raayyaa ittisa biyyaa waliin hiriiruun humnoota TPLF waraananiiru.

Haa tahu malee, mootummaan naannichaa hojii seera kabachiisuu jedhuun Zammanee Kaasee qiyyeeffannaa isaa keessa galchus osoo hin turiin nagaan bu’ee ture.

Booda poolisiin naannichaa Zammanee Kaasee Baahirdaaritti hidhuun ji’ootaan booda hidhaatii gadhiise.

Yeroo humnoonni nageenyaa mootummaa fi hidhattoonni Faannoo wal dhabdee keessa galan Zammanee Kaasee ''Humna Uummata Amaaraa'' jechuun kan ijaaree ture qabachuun bosonatti gale.

Goojjam bakkeewan adda addaa keessa kan socho’an walitti qabuun ''Faannoo Amaaraa Naannoo Goojjam'' jechuun ijaaranii Zammanee walitti qabaa gochuun socho’aa jiru.

Habtee Waldee- Izzii Faannoo Amaaraa naannoo Gondar

Gondaritti dhalatee kan guddate Habtee Waldee hidhattoota Faannoo naannicha keessa jiran lamaan keessaa Izzii Faannoo Gandar kan jedhamu hoggana.

Habtee Waldee sochii Faannoo naannichatti jabaachuun dura sochii siyaasaas tahe hidhannoo kamiyyuu keessa galee hin beeku ture.

Haa tahu malee naannoo Amaaraan ala haleellaa dhalattoota Amaaraa irra gahu haa dhaabbatu jechuun dargaggoota kaan waliin socho’aa ture.

Bara 2012 as ammoo rakkoon Amaara irra gahu furmaata kan argatu qabsoo hidhannooni jechuun Gondaritti sochii Faannoo qindeessuu jaqlabe.

Yeroo waraana Tigiraay sanas hidhattoota isa jala turan qabachuun humnoota mootummaa waliin hiriiruun lolaa ture.

Erga humnoota mootummaa waliin walitti bu’anii ammoo Izzii Faannoo Gondar of jechuun Habtee Waldee hogganaa gochuun socho’aa jiru.

Makataaw Maammoo- Izzii Bulchiinsa Shawaa

Humni Faannoo kun ammoo Shawaa Kaabaa aanaa Xaarmaa Barri keessatti kan dhalate Makataaw Maammoodhaan kan dursamudha.

Makataaw magaalaa Shawaa Roobit keessatti daldalaa ture. Duraan daldalaan ala sochii siyaasaa fi hidhannoo keessa galee akka hin beekne himama.

Dhiyeenya keessa haleellaa Axaayyee fi aanolee naannaa ishee keessatti mudatan hordofee dargaggoota kakaasuun gara sochii hidhannootti akak gale himama.

Waraana Kaaba Itoophiyaa naannoo Amaaraatti babbal’ate keessattis humnoota mootummaa cina hiriiriin akka hirmaate himama.

Booda erga waraanichi dhaabatee ammoo naannoo isaaniitti haleellaan gaggeeffamu dhaabbachuu dinnaan hidhattoota isa waliin turan waliin Shawaa Roobitii bahuun gara aanoolee daangaa irra socho’aa turuu himama.

Amma Shawaa Kaabaa keessa kan socho’u yoo tahu garee isaa ‘’Izzii Faannoo Bulchiinsa Shawaa’’ jechuun ofii isaa hogganaa tahuun socho’aa jira.

Bayyee Qannaaw-Faannoo Gondar

Ga’eessii waggaa 42 Baayyee Qannaaw walakkaa umurii isaa kan dabarse bosona keessattidha.

Gondar Kaabaa aanaa Wegeraa jedhamtu keessatti kan dhalate baayyee Qannaaw gara qabsoo hidhannootti kan gale bara 1993dha.

Sabani isaa ammoo bulchiinsi naannichaa yeroo sanaa ilaalcha siyaasaa qabaniin maatii isaa hidhuu fi dhiibbaa irraan gahaa turaniin akka tahe himama.

Wggaa afuriif erga bosona tureen booda araara buusuun gara jireenya idilee isaatti deebi’ee ture.

Bara 1997 garuu mana hidhaa gale. Waggaa lamaaf erga hidhameen booda mana hidhaatii baafame.

Yeroo sana garuu akka mana hidhaatii baheen bosona galuun ammas qabsoo hidhannootti makame.

Waggootaan booda Gondaritti kolonel Dammaqaa Zooduu poolsii federaalaan marfamuu isaanii hordofee humna qabatee socho’aa ture qabachuun dhukaasa banee ture.

Sana booda gara bosonaatti deebi’uun hanga bara 2013tti bosona ture.

Yeroo waraana Tigiraay garuu wamicha mootummaan godheen bosona ture keessaa bahuun humnoota mootummaa cina hiriiruun humnoota TPLF waraanaa ture.

Ergasii Kibba Gondar, Gidduugaleessaa fi Kaaba Gondar keessa hidhattoota Faannoo socho’na hogganaa ture. [Yeroo gabaasni kun qophaa’utti Faannoon Amaaraa naannoo Gondariitti 1jijjiirama hoggansaa taasisuu kan himu xalayaan tokko miidiyaa hawwaasaa irra naanna’aa ture].

Dhuma irratti sochii Faannoo naannoo Amaaraa kana gara ijaarsaa fi hoggansa tokkootti fiduuf torbanoota keessa yaaliin godhame waan milkaa’e hin fakkaatu.

Yaalii Kanaan Iskindir naggaa hogganaa waliigalaa garichaa tahuu himamus hoggantoota garee Faannoo kaaniin waan fudhama argate hin fakkaatu.

Walitti bu’insi hidhattoota Faannoo fi humnoota mootummaan naanoo Amaaraa bakkeewan adda addaa keessatti tajaajilli mootummaa, maneen barnootaa, dhiyeessii fi tajaajila fayyaa rakkoo keessa galeera.

MM Abiy Ahimed turban darbe keessa hidhattoota Faannoo fi ABO-WBO waliin walitti fufinsaan waliin dubbataa jirra jedhanis ABO-WBO ibsa baaseen mariin gageefamaa jiru akak hin jirre ibseera.

Gareen Faannoo kunis hoggansa adda addaa jala waan jiraniif mariif mijataa akka hin taane MM Abiy eeraniiru.