Mootummaan hidhattoota waliin dubbataa jiraachuu himus, WBOn dubbataa hin jirru jedhe

Hidhattooti WBO kan mootummaan Shanee jedhu waggoota shanan darban humnoota mootummaa loluutti jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattooti WBO kan mootummaan Shanee jedhu waggoota shanan darban humnoota mootummaa loluutti jiru

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad hidhattoota naannoo Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessa socho'an waliin nagaa buusuuf dubbataa jiraachuu himanis, qaamni hidhatee Oromiyaa keessa socho'u, WBOn, mootummaa waliin dubbataa akka hin jirre ibse.

Haasaan Ministira Muummee Abiy qaama hidhatee Oromiyaa keessa socho'u- Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaansaanii ''Shanee'' jedhee waamus ni ilaallata.

Waraanni Bilisummaa Oromoo haasaa Ministira Muummee Abiy irratti deebii karaa X [duraan tiwiitarii kan ture] irratti kenneen, ''Mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduu haasaan deemaa jiru homtuu hin jiru,'' jedhe.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad dhimma hidhattoota WBO kan isaan Shanee jedhan gaafa kaasan murni garagaraa akka jiru dubbataniiru.

Bulchaan Itoophiyaa waa'ee hidhattoota waliin dubbataa jiraachuu kan kaasan riifoormii imaammata diinagdee biyyattiin torban kana hojiirra oolchuu eegalteerratti ibsa yeroo kennanitti.

Riiformiin diinagdee kun akka hojiirra oolu nagaafi tasgabbiin baay’ee barbaachisaadha jedhan Ministirri Muummee Abiy.

Kanaaf mootummaan federaalaa hidhattoota Naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessa socho'an waliin itti fufinsaan marii gaggeessaa jira jedhan.

''Hanga yoonaa hin ibsine. Har’a akka beektan humnoota Naannoo Amaaraa keessa socho'an waliin marii erga eegallee oollee bulleerra.''

MM Abiy hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo waliinis garaagarte jiru mariin furuuf mootummaan carraaqqii gochaa akka jiru dubbatan.

''Haaluma wal fakkaatun humnoonni Shanee tokko miti. Gareewwan muraasa waliin marii itti fufinsan gochaa jirra,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Torban lama dura Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa yaa'ii idilee Caffee Oromiyaa irratti rakkoo nageenyaa naannocha keessatti hammaateef hidhattoota WBO kan mootummaansaanii ''Shanee'' jedhee waamuun himatan.

''ABO Shaneen waggoota darban kana Uummata Oromoo irratti waan sukaneessaa fi qaanessaa raawwateera. Humni kuni Ambulaansii Gubaa ture. haadholii Oromoo baadiyaa keessa jiran ijoolleeshii nyaachisuu qofa osoo hin taane gumbiishii hir’isee ba’aa itti ta’e,'' jedhan.

Humni hidhate kuni Oromoon bu’aa qabsoo isaa akka hin dhandhamne qe’ee Oromiyaa jeequun Ummata keenyatti madaa mogolee ta’eeras jedhan.

''Humni kuni qe’ee Oromoo qe’ee dhiigni irratti dhangala’u godhee salphina hedduu keessa nugalche. Humna misoomni akka hin hojjetamne taasisu.Humna uummata dukkana keessatti hambisu,'' jedhan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo- WBO walumaagalatti aanga'oonni mootummaa ''sobas facaasaa oolu,'' jechuun himate.

''Garuu WBOn yoomillee gaaffii ummata keenyaa otoo hin sharafiin haasawaa rakkoo hundee furuu dandahuuf qophii dha,'' jechuun marii nagaaf qophii ta'uusaas ibse.

Pirezidant Shimallis kora Caffee Oromiyaarratti wayita haasaa taasisan hidhattoota keessaa kanneen qabsoo karaa nagaa filatan simachuu ibsuun, warra karaa nagaa didan irratti tarkaanfiin mootummaa cimee akka itti fufu ibsan.

Hidhattoota waliin marii Taanzaaniyaatti marsaa lamaan taasisan akka firii hin godhanne kan gufachiise hidhattoota ta'uu himatan Pirezidant Shimallis.

Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo ammoo mootummaan dhugaadhaan marii nagaa buusuuf kutannoo hin qabu jechuun himatu.

Mariin araaraa Taanzaaniyaatti mootummaa Itoophiyaa fi hidhattoota WBO gidduutti gaggeeffamaa ture nagaa waaraa buusa jedhamee akkaan abdatamee ture, garuu gareen lamaanuu gufachuu marii kanaaf quba walitti qabaa turan.

Deetaa Ministira nagaa kan turanii fi amma mana hidhaa kan jiran Obbo Taayyee Danda’aa milkii dhabuu marii Taanzaaniyaatiif gufuu kan uume mootummaa isaan keessa jiran ta’uu qeeqaa turan.