'Shaneen galgala ummata hiikkachiisa, finxaaleyyiin ganama ummata harka duwwaa jiru ajjeesu'

Madda suuraa, Shimellis Abdisa/Facebook
Yaa’ii idilee caffeen Oromiyaa Dilbataa eegalee Adaamaatti taa’aa jiru irratti Pirezedaantiin Mootummaa nannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, dhimmoota ijoo godhanii irrati dubbatan keesaa tokko dhimma nageenya naannichaati.
Dararaa fi miidhamaa sababa nageenyaatiin goleewwan Oromiyaa adda addaa keessatti gahaa turee fi jiruufis qaamolee hidhatanii socho’an jabeessanii qeeqan.
“ABO Shaneen waggoota darban kana Uummata Oromoo irratti waan sukaneessaa fi qaanessaa raawwateera. Humni kuni Ambulaansii Gubaa ture. haadholii Oromoo baadiyaa keessa jiran ijoolleeshii nyaachisuu qofa osoo hin taane gumbiishii hir’isee ba’aa itti ta’e” jedhan.
Humni hidhate kuni Oromoon bu’aa qabsoo isaa akka hin dhandhamne qe’ee Oromiyaa jeequun Ummata keenyatti madaa mogolee ta’eeras jedhan.
“Humni kuni qe’ee Oromoo qe’ee dhiigni irratti dhangala’u godhee salphina hedduu keessa nugalche. Humna misoomni akka hin hojjetamne taasisu.Humna uummata dukkana keessatti hambisu” jedhan.
Hidhattoonni kunneen kutaalee Oromiyaa adda addaatti uummata hidhannoo hiikkachiisa kan jedhan Obbo Shimallis, kanaanis uummata saaxilamummaa biraaf oolchaa akka jiru eeran.
“Humni kuni uummata keenya hiikkachiisa. Sodaa itti naqa. Humni Finxaaleyyiimmoo dhufee uummata harka duwwaa jiru ajjeesaa bahe. Shaneen galgala hiikkachiisee haala mijeessa, Finxaaleyyiin ammoo ganama dhufanii ajjeesu. Uummanni keenya kana keessa bahe” jedhan.
Waggoota darban kanatti “Humna Abaarsaa kanatu nutti gale” kan jedhan Pirezedaantichi, humni Shanee kuni gaafa Finxaaleyyiin naannoo keenya seenee uummata ajjeesu “Isaan hin du’an jedhee jalaa dheessa” jechuunis qeeqan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Badiin sababa rakkoo nageenyaatiif uummata Oromoo irra gahaa jiru waan sabichaaf malu akka hin taanee fi kaffaltiin qabsoo sabichaa silaa misooma ta’uu male jedhan.
‘Humni hidhatee bariisaa injifannootti dararaa uummataa itti fufsiisuu kaayyeffate kuni naannicha keessaa buqqifamuu qaba’ kan jedhan Obbo Shimallis, mootummaan akkuma duras jecha ture filannoo karaa nagaatiif qophii ta’uu eeran.
“Mootummaan humna badii kana hunda hojjete nagaadhaan simatee nagaadhaan galchee deebisee ijaaruuf qophaa’aadha. Kuni ibsa qofaan miti. Marii nageenyaa Taanzaaaniyaa qopheessuuf tarkaanfii mootummaan fudhate kan uummanni beekudha”
Humni kuni garuu boqonnaa filannoo nagaa dhihaate kana fudhachuu diduun kabaja nagaa kennameef ofirraa darbateera jechuun marichi milkii akka dhabu kan godhe garee hidhate kana ta’u komatan.
“Garicha keessaa karaan nuti qabanne sirrii miti karaa nagaatu nubaasa kan jedhan kumaatamootan marsaa sadiin galanii, leenjii fudhatanii uummatatti makamanii jiru. Isa kanaaf mootummaan dinqisiifannaa olaanaa qaba. Galatoomaa jennaan” jedhan.
“Qe’ee Oromoo salphinaa fi badii hin taane irraa hambisuuf ammas kabajamaa caffee kana duratti kabaja olaanadhaan waamicha keenya dhiheessina. Warra karaa nagaatin galuu barbaadaniif mootummaa keenya qophaa’adha” jedhan.
Qophii filannoo nagaa mootummaan qabu agarsiisuufis “Daandii Kiloomeetira 1000 yoo ta’e mootummaan kiiloomeetira 999 fuulduratti deemnee simachuuf qophiidha” jedhan.
Pirezedaantiinn Mootummaa naannoo Oromiyaa qaamaolee hidhatanii naannicha keessa socho’an karaa nagaatiin akka galaniif waamicha yeroo taasisan kuni kan jalqabaatii miti. Ammaan duras ya’ii caffee kanarratti irra deddeebiin waamicha taasisaa turan.
Waamicha Mootummaan yeroo adda addaatti taasisu kana gareen hidhate garuu “jechumaaf waan jedhanidha” jechuun qabatamaa fi fedhii dhugaa miti jechuun qeeqaa turan.
Filannoo karaa nagaa diduu kanneen filannoo humnaa itti fufna jedhaniif ammoo mootummaan tarkaanfii seeraa akka itti fufus eeran Obbo Shimallis.
“Warra karaa nagaa didee karaa humnaa itti dhiibna jedhan mootummaan tarkaanfii seeraa nikabachiisa. Gama Kanaan hojii jalqabne cimsinee itti fufna.” Jedhan.
Jijjiirama aarsaa dargaggoota Oromootiin dhufe kana tiksuuf ammalleen qeerroo fi qarreen aarsaa kanfalee tiksaa akka jiruu fi fuula duraafis goototni sirna kana itti fufsiisuuf qabsaa’an hedduun jiraachuus himan.

Madda suuraa, Oromia Police, Getty Images
Qe’een Oromoo yoo nagaa ta’e Itoophiyaan nagaa akka taatuu fi boqonnaan badii fi hokkoraa Oromiyaa keessaa cufamuu qaba jechuun irra deddeebiin dubbatan.
“Oromiyaan nagaa taanaan Itoophiyaan nagaa taati. Oromiyaa hokkoran malee Itoophiyaa homaa gochuu akka hin dandeenye qaamoleen kuni nibeeku. Warri abjuudhaan Aratkiiloo bulanis karaan ittiin dhufan fagoo akka ta’e nibeeku” jedhan.
Warra aratkiiloo hawwu kanammoo guyyaa guyyaadhaan Nagaa Oromiyaa buusuun daran itti fageessaa deemna jechuunis dubbatan.
Qaamoleen nageenya Oromiyaa hin barbaaanne Mariin Taanzaaniyaatti ture akka hin milkoofnef hojjechaa turani kan jedhan Pirezedaaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, gaafa milkii dhabe jedhamu gammachuun dhukkasatu ture jedhan.
“Gaafa mariin suni godhamu warri mufatee halkanii guyyaa irratti hojjetee danqetu jira. Gowwaan keenyas hawwii uummatasaa dhagahuu dhiisee diinaan gorfamee hallayyaa seene. Diinan gorfamee diina gammachiise” jedhan.
Pirezedaantichi mariin kuni akka gufatu gama mootummaaa keessaa qaama ‘gowwaan keenyas diinan gorfamee hallayyaa seene’ jedhan kana eenyummaasaa maqaan hin ibsine.
Marii araaraa Taanzaaniyaatti mootummaa Itoophiyaa fi hidhattoota Waraana bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO Shanee jedhee waamu gidduutti gaggeeffamaa turee gareen lamaanuu gufata isaaf quba walitti qabaa turan.
Deetaa Ministira nagaa Kan turanii fi amma mana hidhaa kan jiran Obbo Taayyee Danda’aa milkii dhabuu marii Taanzaaniyaatiif gufuu kan uume mootummaa isaan keessa jiran ta’uu qeeqaa turan.
Kanuma Hordofuunis aangoorraa erga kaafamanii hidhamanii amma ji’oota jaha ol ta’eera.












