'Abbaa warraakoo waggotaaf qoricha sammuu hadoochuun na gudeedaa ture'

Madda suuraa, Getty Images
Keetii fi abbaan warraashee galgala tokko taa'anii osoo waliin haasa'aa jiranuu, waan natti hima jettee gonkumaa hin eegiin tokko itti hime. Innis qorichaan of ishee walaalchisuun bara dheeraaf gudeedaanii akka ture itti hime.
"Si gudeedaan ture. Waggootaaf qorichaan of si walaalchiseen si gudeedaa suuraa si kaasa ture," jedheen.
Keet (maqaa ishee dhugaa kan hin taane) waan dubbattuu walaaltee turte. Goggoogdeetuma teessee dhaggeeffataa turte. Waan inni jedhaanii ture hubachuu hin dandeenye.
"Akkuma waan salphaa ta'etti tokkotti natti hime, beektaa: 'Boru irbaata paastaa nyaachuuf jirra, yoo daabboo bitanne gaariidhaa?'" akka jedhamee haasa'amuutti natti hime jetti.
Akeekkachiisa: Odeessi kun ibsa miidhaa saalaa nama jeequ of keessaa qaba
Balbala cufame duubatti, abbaan manaashee waggootaaf ishee toʼachaa fi arrabsaanii ture. Inni ammoo, ajaja oggeessaa qorichaaf kannamu sarbaa fi haala hin taaneetti fayyadamaa ture.
Waggoota darban keessatti yeroowwan Keetiin hirribarraa wayita dammaqxuutti abbaan warraashee ishee waliin saalqunnamtii raawwachaa osoo jiruu itti argatte turan.
Sababii osoo isheen rafaa jirtuu hayyama ishee malee irratti raawwataa tureef, kunis gudeeddii ture.
Booda gaabbii qabaachuu, rafee akka turee fi waan hojjetaa ture akka hin beekne ishee amansiisa ture. Dhukkubsataa waan tureef wanti ta'e isa mudachuu akka hin ollee jechuun itti himee ture.
Keetiinis ogeeyyii fayyaa irraa gargaarsa akka argatuuf isa deeggarteetti.
Garuu yeroo sanatti qoricha hirribaatiin halkan shaayii sheetti dabalaa waan tureef yeroo isheen ciiftu ishee gudeedaa ture isheen quba hin qabdu turte.
Erga abbaan warraashee gochaa isaa kana himeen booda Keetii buufata poolisii dhaquxu illeen, of ajjeessuu akka malu sababii itti himeef osoo iyyata hin galfatiin hafte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee waan abbaa warraa isheerraa dhageesse sababii baatiiwwaniif ishee jeeqeef dhiibbaa qaama isheerratti uumuu eegale.
Baayyee ulfaatina hirriisuun dhukkubsachuu eegalte. Kana malees dhiphina sammuutiin rakkatu eegalte.
Abbaan ishee akka ishee gudeedaa ture itti himee waggaan booda dhimmicha obbooleettii sihseetti himte.
Obboleettiin ishee ammoo erga haadhasheetti himteen booda haatii bilbiluun poolisii gurra bufte. Abbaan warraa Keetii ammoo isaan booda to'annoo jala oolfame.
Keeti abbaan warraashee hidhamee guyyaa afuriin booda poolisiitti bilbiluun himannichaan itti fufuu akka hin barbaadne itti himte.
''Qophii hin turre. Gaddiichi ana qofaaf osoo hin taane ijoollee kootiifis ture. Abbaansaanii isa isaan beekan ta'e itti hin fufan'' jetti.
Haata'u malee isaan booda abbaan warraa akka ishee waliin itti fufu hin barbaadne.
Baatii jahaan booda gara poolisiitti deebiite dhaqxe. Qorannoonis gaggeeffamu eegale.
Yakka cimaa irraa afushees qorataan dhimmichi hordufu itti hime. ''Akkan dandeettiin qabu naaf deebii'u na gargaare. Annisaa koo narraa fudhatamu hin hubanneen ture. Qorataan kunis gudeedamaa akkan ture naaf mirkanneesse'' jechuun ibsiti.

Madda suuraa, Getty Images
Amma abbaa warraasheetiin adda baatee jirti. Keeti erga dhugaan itti himameen booda ogeessa gorsa xin-sammuu dubbisuu eegalte. Bu'aa wallaansichaaf akka ragaatti dhiyeessite.
Oggeessi xin-sammuus abbaan warraashee qorichaa of wallaachisee guddeeddii irratti raawwataa akka ture ibse.
Garee namoota araada qorichaarraa bayyanatanii keessattis kana amaneera. Garee kana keessatti haasaa wayita taasisuuf Keetiis dhaggeessee jirti.
Poolisiin odeeffannoo walitti qabe abbaa alangaatiif dhiyeessulleen himannaan irratti hin bamnamne. Keetii kun maaliif akka ta'e hin beektu.
''Gochiicha raawwachuu amanee hanga ragaa gahaan jiruutti himannaan irratti banamu qaba ture. Dhimmikoo akkasiin yoo harikifate kan kaanii maal ta'u dana'a?'' jechuun gaafatti.
Keetii himannichi akka irra deebiin qoratamu gaafatte. Baatii jahaan booda mana murtiitti akka dhiyaatu itti himame.
''Murteen kanaan dura abbaa alangaatiin darbe dogongora ture'' jetti. Dubbii himaan kutaa qorannoo ''yeroo baayyee marsaa jalqabaatiin himannaa ni dhiyeessina. Dhimma kanaatiin kana raawwachu dhabuu keenyatti miidhamtuurra dhiibbaa gaheef dhiifama gaafanna'' jedhan.
Dhimmi kunis maan murtiitti kan dhiyaate abbaan warraa keeti duraanii gochiicha amanee waggaa shaniin booda bara 2022tti ture.
Jecha mana murtiitti kenneen Keeti rafaa osoo jirtuu hidhamtee yoo damaqxu fedhiisheetiin quunnamtii saalaa raawwachuuf ni barbaaddi turte jedhe.
Kan ishee of wallaalchisaa tures gudeeduuf osoo hin taane osoo hin dmmaqiin dura harkashee hidhuuf akka ta'e dubbatus mana murtichaatiin hin amanamne.
''Dubbiinsaa kan nama aarsuudha. Kan jireenyasheetiinmudate waan cimaa ta'e osoo jiruu kan fedhiisheetiin raawwattee fakkeesse'' jedhan qorataan kun.
Torban tokkoon boodas abbaan manaashee duraanii kun gudeeddii, miidhaa quunnamtii saalaa fi qorichaan of wallaalchiisuun balleessaan irratti murtaa'e.
Abbaan seeraas murticha wayita dabarsaniitti, ''nama of jaalatuufi bu'aa ofiisaa qofaa barbaadudha. Gaabbiin irraa hin mul'atu'' jedhan.
Balleessaa irratti argameenis hidhaa waggaa 11 fi dhorkaa umurii guutuu irratti murteessan.

Madda suuraa, University of Bristol School for Policy Studies
Murtichi dabarfamee waggaa sadiin booda Keetii ijoollee shee waliin jireenya hogganachuuf yaalaa jirti.
Dhibee taatee naasisaan booda mudatu (post-traumatic stress disorder (PTSD)) akka qabamte itti himameera.
Lammiin Faransaay Shiizeel Peeliikoon abbaa warraa shee duraanitii qorichaan of wallaachifamuun dhiiroonni 80 waggootaaf akka ishee gudeedan taasisuun mana murtiitti dhiyaatee itti murtaa'uun ni yaadatama.
Keetii jireeny ishee kan lammii Faransaayi ta'aan wal fakkaatu dubbatti. ''Shizeel akka deeggarsii fi gargaarsi ishee barbaachisu taasifamuuf kadhataan ture'' jetti.
Qorichaan of wallaalchisuun gudeeduun ykn miidhaa saalaa qaqabsiisuun konitrolii keemikaalaa (Chemical control) jedhama.
Pirofesar Maariin Heestar qorichaan of walaalichiisuun gudeeduun baramaa dhufaa jira jedhu.
''Qaamooleen miidhaa qaqabsiisan karaa ittiin fayyadaman keessaa tokkodha. Mana keessa qorichi jiraannaan itti fayyadamu'' jedhu.
Dhugaatii alkolii keessatti qoricha dabaluun yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka dhufe Komishiinii miidhaa mana keessaa Inglizii Weelsi, Niikol Jaakoobsi ibsaniiru.
''Dubartoota miidhaarraa ittisuudhaaf seeroota bahan hojiirra oolmaa jiraachuu beekuun polisiitti gabaasa taasisuun miidhaa mana keessaa yoo sirnaan galmaa'eedha'' jedhu.

Madda suuraa, PA Media
Namoonni miidhaa kana raawwatan akka itti gaafataman taasisuun alatti, miidhamtoonnis deebiisanii jireenyasaanii akka eegalaniif deeggarsa barbaadu.
Poolisiin UK qoricha sammoo adoochoo dhugaatii alkoolii keessatti makaman hordofuuf qajeelfama haaraa qopheessaa jira.
Kanaan dura dhugaatii alkoolii keessatti qoricha dabaluun yakka yoo ta'u, qajeelfama haaraadhaan hidhaa hanga waggaa 10 akka adabsiisu ta'eera.
Miidhamtoonni poolisiif eeruu akka kennan jajjabeessuudhaaf qajeelchiichi akka gargaaru amanama.
Dubartoota miidhaarraa ittisuudhaaf waajirri hundeeffametti ministira kan ta'an, Jas Fiiliipsi akka jedhaniitti, dhugaatii alkoolii keessatti qoricha sammuu hadoochu dabaluun, ''yakka cimaa nageenyaa fi miira bilisummaa namoota sarbuudha'' jedhan.
Keeti amma haqa argattee jirti. "Namoonni biroo miidhaa ati yaaddu caalaa calliisa baayyee keessatti akka raawwatamu akka hubatan nan barbaada," jetti Keet. "Hanga ammaatti waan na mudatee fi sun akkamitti akka na miidhe sirriitti barachuuf yaalaan jira."












