TikTokarii beekamtuun 'Live' irra osoo jirtuu rasaasaan ajjeefamte

Maaleeriyaa Maarkeez

Madda suuraa, Reuters

Shamarreen Meksiikoo umuriin ishee waggaa 23 taate miidiyaa hawaasaarratti dhiibbaa uumuun beekamtu tokko osoo TokTok irratti tamsaasa kallattiirra (Live) irra jirtuu rasaasni itti dhukaafamee ajjeefamuu abbaan alangaa kuta abulchiinsaa isheen keessa jiraattuu beeksise.

Akka ibsa waajira abbaa alangaatti, shamarreen Maaleeriyaa Maarkeez kan ajjeefamte namni tokko gola miidhaginaa TikTookara tanaa erga seenee shugguxii itti dhukaaseen boodadha.

Sababa ajjeechaan kun itti raawwatamerratti hanga ammaatti wanti beekamu bira gahamuu baatus ajjeechaa dubartii (femicide) keessatti makamee qorannoon irratti taasifamaa jiraachuu abbaan alangaa ibseera.

Ramaddiin ajjeechaa kanaa dubartoonniifi ijoolleen durbaa sababa saala isaaniitiin ajjeechaa irratti raawwatamu kutaa yakkaa qoraturridha.

Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii guyyaa guyyaan dubartoonni 10 michuuwwan/jaalalleewwan isaaniitiin ykn miseensota maatii isaaniitiin akka ajjeefaman kan himamu Meksiikoo keessatti, miidhaan saala irratti hundaa'u baayyee baramaadha.

Maaleeriyaa Maarkeez ajjeefamuusheetiin daqiiqaawwan muraasa dura magaalaa Zappopaan jedhamti kan manni bareedinaashee keessatti argamu keessa teessee TikTok irratti kallattiin tamsaasaa turte.

TikTokeriin kun akkuma rasaasni itti dhukaafameen osoo hin turiin lubbuun kan darbe yoo ta'u, viidiyoon kallattiin darbaa ture kan addaan cite ammoo namni tokko bilbila shamarree kanaa kaasee erga dhaabsiseeti.

Akka sabaa-himaaleen Meksiikoo gabaasanitti, shamarreen kun kan ajjeefamte nama waan akka kennaa isheef fidee dhufeetti fakkeessuun ishee argeen haleellaa raawwatamedha.

Haleellaan kun erga raawwatameen booda kan qaqqabe poolisiin Maaleeriyaa Maarkeez lubbuun ishee darbuu mirkaneessuu abbaan alangaa ibseera.

Abbaan alangaa hanga ammaatti maqaa nama ajjeechaa kana raawwateera jedhamee shakkamee hin ibsine.

TikTok fi Instagram irratti walumaagalatti hordoftoota kuma 200 kan qabdu Maaleeriyaa Maarkeez, dinqisiifattoonni ishee ajjeechaa sukkanneessaa isheerratti raawwatame kanaan hedduu rifataniiru.

Kantiibaan magaalaa Zaappopaan Huwaan Hoozee Firenjii, Maarkeez yaaddoo kanaaf ishee geessisu qabaachuu ilaalchisee gargaarsi aanga'ootarraa akka isheef taasifamu wanti gaafatameeru gabaasni akka hin turre AFPtti dubbataniiru.

Kantiibichi ajjeechaa kana ilaalchisuun, "ajjeechaan ijoollee durbaa baayyee fokkisaadha," jechuun gocha kana abaaraniiru.

Ogeessonni foorensikii ajjeechaa kana qorachaa jiraachuu abbaan alanaa kutaa bulchiinsa kanaa beeksisra.