Waantota ja'a waa'ee jaalalaafi qarshii beekuu maltan

Jaalalleewwan waliin taa'aa jiran.

Jaalallee ykn haadha warraafi abbaa warraa keessan wajjin waan hunda qooddattu taha, kuni qarshiis dabalataa?

Jaalalleewwan waliin jiraatanis tahe namoonni gaa'ela keessa jiran baayyeen baasii qooddatanillee herreega baankii mataa ofii qabu.

Jaalalleewwan sababa maallaqaan hariiroon isaanii karaa irraa akka hin maqneef maal gochuu qabu?

Looraa Suutar ogeettii faayinaansii dhuunfaa dhaabbata UK, AJ Bell jedhamuuti, Naayijiil Sheepperid ogeessa seeraa maatii, Wiiliyaam Haansan leenjisaa naamusaafi poodkaastariidha.

Jaalalas tahe maallaqa ofii tiksuuf dhimmoota gochuu qabnu ja'a nutti himu.

1. Hariiroo jaalalaa otoo hin jalqabiin dura

Hariiroo jaalalaa otoo hin jalqabiin dura, walargaaf yeroo beellama qabattanitti gaaffiin eenyutu kaffala jedhu jira.

Kanaaf yeroo wal-argaa jaalalaa kana kaffaltii dhufu qooddachuu moo namni inni tokko isa kaan gammachiisuuf dursee kaffaluutu filatama? Wiiliyaam Haanisan leenjisaa naamusaafi qopheessaa poodkaastii yoo tahu dhimma kana akkasiin ibsa.

Dhimmi inni guddaan namni inni kaan hangam isinirratti baasuu akka danda'u hubachuu baruu dha jedha.

''Guyyaa jalqaba nama jaalalaaf beellamte tokko iddoo qananii tahe dhaqattee yeroo ittaanu lafa idilee deemuu hin qabdu,'' jechuun madaala eeguun gaarii dha jedha Wiiliyaam.

Beellama jaalalaaf wal-arguu irratti kaffaltiin qixxee hirmaachuun filatama jedha. ''Yoo wal-arguun booda hariiiroon akka gaaritti deemaa jira taheef namni tokko amma yoo kaffale, namni kaan immoo beellama isa ittaanutti dabareesaa kaffala jechuu dha. Dhimmi guddaan tokko dabaree dabareen kaffaluun murteessaa tahuu baruu dha,'' jedha.

''Yoo nama hariiroo wajjiin uumuuf yaadde yeroo jalqabaaf beellamtee iddoo qananii baasii akkamaleef si saaxilu bira deemuun, hamma qarshii bahee booda itti gaabbuu mannaa, kaaffeefi iddoo baasii guddaa hin qabne birraa deemuun bunaafi waan salphaadhaan jalqabuun bayeessa,'' jedha Wiiliyaam.

2. Darbee, darbee waa'ee maallaqaa marii'achuun murteessaa dha

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jaalallee kee wajjin jechoota mi'ooftuun wal leellisuu qofa osoo hin taane dhimma faayinaansii irratti marii'achuun murteessaa dha.

Ogeettiin faayinaansii dhuunfaa Looraan ''jaalalleewwan marii dhimma maallaqaa dafanii jalqabuu qabu,'' jetti.

''Fakkeenyaaf lafa bashannanaa deemuuf jettan tokko humni maallaqaa kee yoo sii hin eeyyamne deemuu hin qabdu, garaagarummaan galii guddaa tahe gidduu keessan gaafa jiraatus isaaf beekamtii kennuun barbaachisaa dha.''

Akka Looraan jettutti dhimma qarshii booda marii'achuun rakkoo akka hin taaneef dursanii haasa'uu jalqabuun walitti mufachuu booda dhufu hambisa.

Hamma galii of haqaan dursanii himachuun nama gargaara, ''kiraa manaa itti fuftee kaffaluu hin dandeenyeef waadaa seenuu mannaa, suuta marii'achuun barbaachisaa dha'' jetti Looraan.

Dabalataan qarshiin wal-qabatee yaada qabdu takkaatti walitti himuun walirratti ba'aa baayyisuurra dursanii haasa'uun haasaa wal-xaxaa booda dhufurraa si fura jetti.

3. Seera gaa'elaa fi jaalalaa baruu

Jaalalleewwan otoo wal hin fuudhiin waliin jiraachuun baramaa kan dhufe tahus maallaqa ofii tiksuu irratti seerri maal akka jedhu baruun murteessaa dha.

''Namoonni wal jaalatanii mana tokko waliin qooddatan akka namoota wal fuudhanii mirgoota seeraan isaaniif eegamuu malan hin qaban,'' jedha Niiyijiil Sheeperid ogeessi seeraa maatii.

''Yaadi sirrii hin taane gatiima waliin jiraatteef akka namoota wal-fuudhanii mirga wal-fakkaataa qabda waan jedhu dha.''

Haa tahu malee namoonni jaalalaan mana tokko keessa waliin jiraachuu qofa murteessan qabeenya isaanii maqaa ofiin godhachuu dabalatee faayinaansii isaanii seera qabsiisuu danda'uu qabu.

Looraan dabaluun,''namoonni bu'aa maallaqaaf jedhanii otoo itti hin qophaa'iin jaalalatti seenan, wal hiikuunis waan salphaa akka hin taane beekuu qabu, adeemsa dheeraafi baasii guddaa qaba dha,'' jetti.

4. Baasiin kee gaafa qofaa taatu caala

Namoonni gariin nama jaalatanirratti qarshii baasuu, affeeruu jaalatu, garuu jaalallee yeroo hinqabne irra caala jireenya qaalii jiraatu.

Baasii ofii kan akka nyaataa fa'i namni waliin qooddatan yoo hin jiraanne qarshii guddaa baasu.

Akka qorannoon dhaabbata uSwitch jedhamu baasetti, ''UK tti namni jaalallee hin qabne tokko waggaatti Yuroo 9,769 baasa.

''Namoonni qofaa jiraatan kanneen jaalallee qabaniin gaditti dha kan isaan qarshii qusatan. Sooruma isaaniifis hin yaadan, egeree isaanii irratti hojjechuu irrattis ofitti amanamummaa guddaa hin qaban,'' jechuun ibsiti Looraan.

5. Liqaa jaalallee keef gaafatama fudhachuu hin qabdu

Jaalalli onnee qofa miti kan walitti fidu, baasii, liqaafi kaffaltiillee walitti fida.

Jaalallee kee wajjin herrega baankiidhaan liqaa waloo yoo fudhatte gahee keef gaafatamuu dandeessa, liqaa jaalallee keefis kaffaluu qabda jechuu garuu miti.

''Liqaa jaalallee keef gaafatama hin qabdu,'' jedha Naayijiil. ''Yoo herrega baankii waloodhaan liqaa fudhattanii jiraattan baankiin unka guutameerraa eenyuun, maal gaafachuu akka qabu beeka,'' jedha.

6. Galma maallaqaa waliin karoorsuun jaalala dagaagsa

Ogeessonni kunneen namoonni jaalalaan jireenya walii keessa jiran maallaqa dhuunfaafi waloo isaanii akkatti baasuu qaban irratti tokko, tokkon marii'achuu qabu.

''Yoo lamman isaanii akkuma dhimma biraa fiixaan baasuuf galma qaban, galiifi baasii isaaniirrtti galmaafi karoora baafachuu qabu,'' jedhu.

Kuni ammoo galii argataniifi maal irratti baasuu akka barbaadan dabalata.

Namni inni tokko qarshiisaa mana bituuf yoo qusata tahe, inni kaan baasii isa kaan utubuuf akka itti fayyadaman ifatti waliin dubbachuun waliigaluu qabu jedhan.

''Yeroo hiyyummaan kara balbalaa dhufu, jaalalli kara foddaa lufa'' jechama jedhuun jaalalleewwan amanan qusannoo isaanii dursanii walgalteedhaan jalqabu jedhan.