Shamarree jaalallee sobaa Feesbuukiin waggaa sagaliif gowwomfamte

Madda suuraa, Netflix
Waan hundi kan jalqabee Feesbuukii irratti hiriyyaa taanaa gaaffii jedhuuni.
Kiraat Asii nama magaalaa Landan jiraattu yoo tahu nama simboo qabuufi hakiima onnee Boobiidhaan gaaffiin hiriyyummaa dhiyaateeef adda ture.
Yeruma sana ture haasa'uu kan jalqaban.
Boobiin akka keessummaa hin turre. Lamman isaaniyyuu Lixa Landanitti hordoftoota amantii warra Hindii Siik jedhamuuti.
Feesbuukii irrattis hiriyyoota waloo qabu ture.
Hiriyaa waloo qabaachuu mirkaneessuun booda Kiraat gaaffii hiriyyummaa Feesbuukii Boobii fudhatte.
Hiriyyuummaan waan garaa ofii walitti himuurraa darbee gara hariiroo jaalalaatti geeddarame.
Hariiroon isaanii cimee wal-fuudhuuf kaayyeeffatanillee intarneetii irratti odeessuun ala qaamaan wal arganii hin beekan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wal arguu dhiisuu isaaniif ammaa sababa addaa Boobiin kennaa ture dha.
Yeroo tokko dhiigni mataa keessaa na dhangala'ee istirookiin na qabeera jedhe.
Yeroo kaan ammoo rasaasni itti dhukaafamee madaa'e. Sagantaa abukaatoo irratti raga bahumsaaf waamameeraa jedhe.
Waan inni jedhu kana immoo isa qofa osoo hin taane firootisaa ergaa Feesbuukiin irra deebi'anii dubbatu.
Yeroo hundumaa halkan guutuu odeessu.
Boobii waliin qaamaan wal hin arginiyyuu malee kennaa ni ergaafi.
Sin jaaladhaa, siin du'aa jechoota jedhaniifi, gaaffii natti heerumtaallee karaadhuma intarneetiin dhiyeesseefi.
Waan inni itti hin tolle gochuu waan hin barbaanneef hojii sagantaa raadiyoo dhiyeessuullee ni dhiiste.
Kiraat jireenyashee fuulduraa nama kanaa wajjin ijaarrachaa turte, waa'ee egeree isaanii, waa'ee ijoollee fa'i haasa'u.
Maatiinshee waa'ee qooddataa jireenyashee fuulduraa dhagahan.
Maatii gaarii irraa waan taheef ija hamaan isa hin ilaalle.
Har'a bor otoo jedhuu otoo wal hin argiin waggaan sagal lakkaa'ame.
Dubbii kanaan kan burjaajofte Kiraat ''si arguun barbaada'' jechuun kutatte.
Innis yaadasheerratti waliigalee, boodarra garuu yaada geeddare.
Sababii isaan waan baayyee kan argite Kiraat ''jaalalleeshee'' arguuf iyyaafattee manasaa deemte.
Boobiin inni dhugaa fuulaa fi fuulatti aragite Kiraat eenyu akka taate hin beeku, waan isheen odeessitus bitaa itti tahe.
Namni isheen jaalallee koo jettee itti haasa'aa baate Boobii hin turre.
Haala akkaan nama naasisuufi hineegamneen eenyummaasaa Feesbuukiirraa fudhattee itti haasa'aa kan turte durbishee Simraan jedhamtu dha.
Yeroo Boobiin sagaleedhaan itti haasa'aa ture intaluma eesumasheetu appii sagalee geeddaru fayyadamteetu gowwomsaa ture.
Simraan Feesbuukii firoota Boobii akka haaraatti banteetu to'achaafi Kiraat waliin haasa'aa baate.
Kiraat amma dhimma kana duubatti deebitee yeroo ilaaltu ''hangam na duraa dhokate,'' jechuun of gaafatti.
Seenaanshee kuni miidiyaalee irratti dhiyaatee dhageettii guddaa kan argate yoo tahu, marsariitiin fiilmii Netflix jedhamus ''Sweet Boby: My catfish nightmare'' seenaashee filmiitti baaseera.
Seenaashee himuun ''akkamiin namni kanaan gowwoma?'' jechuun namoonni akka gaafatan godheera.
Seenaashee himachuu kan dinqisiifatan jiratanillee akka doofaatti kan ishee ilaalanis hin dhibne.
''Namoota doofaa dha naan jedhaniin homaa miti sun yaadasaaniiti,'' jechuun BBCtti dubbatteetti.
''Ani doofaa miti. Seenaa koo himuuf anatu filate kanneen haala wal-fakkaataa keessa dabarsan seenaa isaanii akka himatan abdiin qaba,'' jetti.
Dhimma akkasii kana hawaasa Hindii Punjaabii keessatti haasa'uun ''qaanii guddaa'' waan taheef namoonni baayyee as bahanii otoo hin dubbatiin gidiraa arguu jetti.
Akka fakkeenyaatti abbaanishee illee waan isheerra gahe kana dhagahuu akka hin barbaanne himti.
'Akka miidhamtuutti of hin ilaalu'
Seenaanshee filmiidhaan bahuun booda ilaalcha gaarii hin taane baayyee keessummeessuu himtus. ''Waan dhufu hunda fudhachuuf qophii dha,'' jette.
Filmiin kuni bahuun haara galfii argateettaa jedhamtee gaafatamnaan ''waan natti dhagahamu iyyuu hin beeku,'' jette.
Durbiinshee seenaa kana hunda duuba jirtu filmii irratti hin hirmaadhu waan jetteef dubartii biraan bakka buufamteeti filmichi hojjetame.
Kiraat durbishee kana himattee mana murtiin ishee injifachuun beenyaafi dhiifama irraa argateetti.
Tahus ibsa Simraan filmicha keessatti dabaalameen, ''gochaa kana kanin raawwadhe dhimmoota ijoollummaatti mana barumsaatti narra gaheeni jechuun, kuni dhimma dhuunfaadha garuu himannaa qaba,'' jechuun mormiteetti.
Kiraat himannaan yakkaa tokkollee irratti hin dhiyaanne jechuun waa'ee Simraan dubbatti.
''Itti gaafatamummaa qabdi nagaan socho'uun ishee natti hin tolu.'' jetti.
Intalli eesumashee kuni maaliif akkatti garaa jabaatteefi shira irratti raawwatte hin beektu.
Maaliif? Waan jedhuuf deebii hin qabdu.
''Sababa kamiyyuu kennuun na mansiisuu hin dandeessu, maaliif akka hin dhaabneefi dhukkubbii koon gammadde naan galle,'' jechuun BBCtti himteetti.
Waan irratti raawwate kanaaf deebii argachuu baattullee jireenya haaraa jiraachuurraa ishee hin dhaabne. Ammallee nama tokko waliin hariiroo jaalalaa jalqabdee jirti.
''Jireenya koo akka haaraatti ijaaruuf hojjechaan jira. Miidhamtuu qofa dha jedhee hin yaadu. Kaayyoo jireenya koo fiixaan baasuuf ammallee nan hojjedha,'' jetti.












