Ofii jaalalli 'araada' namatti tahaa?

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaatti sa'atii dheeraaf waa'ee nama ta'ee yaadaa, abjoochaa dabarsitee beektaa?
Nama sanas akka tasaa yoo agartu ykn ergaa gabaabaa karaa bilbilaatiin ergiteefii yoo sii deebisuu/ttu gammachuun addaa sitti dhagahame beekaa?
Yaada keetiin isaan/isheen 'ala jiraachuu hin danda'u' jedhu ittuu jaalala qabdu sii jabeessa. Akkasi taanaan dhuguma jaallalli nama sanarraa si qabeera jechuudha.
Kanas namoonni baayyee akka jaalala gowwaa abdii hin qabnetti ilaaluu danda'u.
Haatahu malee, yaadni kee kun gara yaaddootti yoo geeddarame hoo? Jireenya dhuunfaa fi hojii kee irratti dhiibbaa yoo qabaachuu jalqabe hoo? Akkam goota?
Limerence gosa hawwata jaalalaa araadni irraa nu qabuuti. Taatee kana yeroo jalqabaaf dhuma bara 1970 keessa kan ibse ogeessa xiinsammuu Ameerikaa Dorootii Teenoovidha.
Jaalala ijaa isa takka dhufee deemu dhiibbaa xiinsammuu badaa hin qabneefi jaalala waloo qaamni lameen qixxee hirmaataniin faallaadha.
Limerence machii fedhii jaalalaa araada nama qabsiisuuti. Teenoov namoota maqaan isaanii hin eeramne 500 waliin af gaaffii taasisee, namni araada jaalalaa akkasii qabu amaloota ijoo agarsiisu adda baaseera:
- Waa'ee nama jaalala irraa qabdu sanaa yaaduufi abjoochuu, weedduun dhageessuu hundi ishee/isaan si yaadachiisa.
- Maayii koo jettee namoota kaan wajjin waa'ee ishee/isaa haasa'uu barbaadda.
- Abdii ishee/isan argaattii oolmaa kee akkaan itti yaaddee karoorsita.
- Abjuu keetti ifumatti isa/ishee argita.
- Miirri sitti dhagahamu nama jaalattu sanattis akka dhagahamu barbaadda.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ergaa gabaabaa isa dhumaa ergiteefii dhiisuu barbaadda taha yookiin ammoo suuraa ykn 'meme' argite tokko itti erguu feeta.
Dhumarratti yeroo irraa deebii dhageessu miirri xiqqoo suga argachuu sitti dhagahama.
Akka basaastuutti akka isheen/innis jaalala siif qaban baruuf cicata ykn mallattoo xiqqoo barbaadda.
Haasaa dabalatee hariiroo waliin taasifte mara akka malee xiinxalta ykn irra deddeebistee yaadda.
Jecha isaanii, seeqa, sochii harkaa fi libsuu ijaa fa'i waan yaada kee qabatudha.
Kana booda mudaa namni sun qabu hunda ati akka huubaattiiyyuu hin lakkooftu.
Walumaagala namni kuni siif addunyaarratti qixxee fi fakkaataa hin qabu. Waan badii tokkollee dalaguu hin danda'u jettee yaadda.
Kuni hundinuu jiruu kee dadhabsiisaa fi ulfaataa si jalaa gochuu mala.
Jireenyaafi hojii kee wal madaalchiftee deemuun otoo sirra jiraatuu, hiiktii fi kaayyoon jireenyaayyuu fedhii jaalalaa nama sanaaf qabdu qofa taha.
Teenoov nama jaalatamu sana Limerent Object jechuun waama. Araada jaalalaan yeroo qabamtu namni jaalattu suni kan jaalala si wajjin qooddatu otoo hin taane, miira sitti dhagahamu kan irratti bahattu taha.
Araadni jaalalaa kuni haala garaagaraan mudachuu danda'a isaan keessaa inni barataamaa tahe, namni jaalatamu jaalallee qabaatee ykn gaa'ela godhatee kan hin argamne yeroo tahudha.
Inni jaalatu yoo inni jaalatamaa faara wal-makaa tahe akka itti agarsiisu yoo amane 'jaalatameera' jedhee ijaa yaaduuf miirri jaalalaasaa ittuu jabaata. Kunis ji'ootaafi waggaafillee turuu danda'a.
Qorannoo Teenoov irratti hundaa'uun Albart Weekiin Ameerikaa keessa namoonni dhibbeentaa shan tahan rakkoo araada jaalalaa akka qaban tilmaamu.
Haala kana walitti hidhamninsa araadaa fi yaada irra deddeebi'aafi muddaa (obsessive-compilsive disorder) akka tahe ibsu.

Madda suuraa, Getty Images
Falli maali egaa?
Araada jaalalaaa kanaan qabamtee jirta yoo tahe ykn nama kanaan rakkatu beekta yoo tahe akkamiin gargaaruu dandeessa? Inni jalqabaa of qabuu danda'uudha.
Akkuma gosa araadaa biraa rakkoo kanaafis jalqaba beekamtii kennuu qabda.
Madda miira nama sanaaf qabdu ittuu hammeessu of eeggannoodhaan ofirraa kutuun tarkaanfii jabaadha.
Nama araada jaalalaa irraa qabdu wajjin hariiroo hundumaa addaan kuti. Miidiyaa hawaasaa irrati isaan dhoksuu, alatti irraa baqadhu.
Yoo wajjin waajira tokko hojjetta taheefi garee hiryyoota kee keessa jiru taanaan isaan kutuun akkaan si rakkisuu mala.
Inni biraa immoo xiyyeeffannoo kee gara nama sii tahuu danda'uutti geeddari. Yeroo keessa araadni si qabee ture baduu eegala.
Inni dhumaa garuu, deebii gaarii argachuuf abdachuun miira sitti dhagahamu itti himuudha.
Gaaffiin kee deebii gaarii argates hafes, kana booda gara yaada qajeeltoon fuulduraatti tarkaanfachuu dandeessa.
Miirri araada jaalalaa burjaajessaa fi kan nama humna dhorku tahuu mala.
Waan sammuu kee keessa adeemu hubachuun garuu tokko akka miira kee mo'attu ykn araada jaalalaan qabamuu kee akka bartuu fi fuulduratti bafatti si gargaara.












