Dhalli namaa dhungoo hidhii maaliif, akkamiin eegale?

Madda suuraa, Michal Bialozej
Hiidhirra wal dhungachuun akka yaadamu waan addunyaa guutuutti beekamu miti. Kanaaf akkataa namootni itti wal dhungatan adda addaa ilaaluun shaakalli kun maaliif namootaaf barbaachisaa akka ta’ee baruu dandeenyaa?
Akka qorannoo aadaalee addunyaa 168 irratti taasisame mul'isutti hawaasa hunda keessaa walakkaa gaditu hidhiirra wal dhungata.
Piroofeesarri antiroopoolojii Nevaadaa, Laas Veegaas, Wiiliyaam Jankowiyaak, akka qorannoo isaan argatetti jalala ibsuuf ammoo %46 qofatu hidhiirra wal dhungata.
Dhalli namaa dhungoo barbaaduun isaanii maal irraa madde kan jedhuuf yaada daa’ima yeroo turretti hidhiirra xuqamuu jaallanna jedhurra ka’uun tilmaama lamaatu jira.
Yaadi inni jalqabaa, xuxuqqaa hidhii harma hodhuurraa eegaluun hidhii xuqamuu jaalachuun uumamaan nama hunda keessa kan jirudha kan jedhudha.
Akkasumas hariiroo addaa wayita haati nyaata alanfattee hidhi ishii, hidhii daa'ima ishiitti qadaaduun laattuuf ('premastication food transfer') uumamu jedhus jira.
Bara durii haadholiin nyaataa ofii alanfachuun daa’ima isaaniif kallattiin afaaniin nyaachisaa turan. Shaakalli kun bineensota qacceen sanyii isaanii dhala namaatti siqu kan akka chimpaazii fi gosa jaldeessotaa biroo keessatti argameera.
Tilmaamni biraa maaliif dhalli namaa dhungoo eegale kan jedhu tokko uffannii sababa ijoo ture kan jedhudha.
Tilmaamni kunis qaama keenya biroo uffatni waan haguuguuf - qaama miira qabu salphaatti argamu hidhii waan ta'eefi kan jedhudha.
“Akkan yaadutti dhungoon dhala namaa biratti beekamuun isaas ta’e beekamuu dhabuu isaaf wanti ijoon, miira ofii ibsuuf hidhii fayyadamuun ala malli biraa hedduun waan jiraaniifi,” jedha Wiiliyaam.
Aadaalee shaakala hiidhiirra wal dhungachuu hin qabne mala ittiin jaalala waliif ibsan biraa barbaaddatu, jedha barreessaan Sheeril Kirshenboom.
“Malli dhungoo 'Malay' jedhamu kan Daarwiin ibse jira, kun dubartiin gadi qucuummattee inni dhiiraammoo dhabbatee irra hobobsuun suufuu – foolii jaalallee isaani ofitti akka fudhaachuuti.”
Oddoloota Tirobriyaand, lixa Papaa Niiw Giiniitti argamu irratti, jalaalleewwan kan wal dhungatan fuulaa fuula taa’uun baallee ijaa walii dhungatu, “har’a hedduun keenya kun jaalala hin ibsu jennee yaadna isaaniif garuu hojjateera,” jedha Kirshenboom.
Hidhiirra wal dhungachuu fi dhuungoon mala adda addaa barbaachisaa kan ta’eef, jalalaa ykn miraa walii dhiyeenyatti waliif qooduufi.
Hiidhirra wal dhungachuun shaakala dhala namaa biratti qofa beekamudha. Utuu dhungoon wanta guddinaa ykn jijjirama uumaa kessatti kaayyoo qabaatee, maaliif bineensotni hedduu yemmuu wal dhungatan hin agarruu?
Meliisaa Hogenboom gaaffii kana bara 2015'tti sagantaa BBC Earth’f deebii kenniteetti. Sababni tokko tarii jaalallee keenya sirritti suunfachuun baay'ee itti siquu barbaadne ta’uu danda’a.
Fooliin odeeffannoo barbaachisoo hedduu kennuu danda’a: nyaata nyaannu, dhibee qabnu, miira keessa jirru, dhiyeenya fi kan biroo.
Bineensoti hedduun miirri foolii isaanii kan keenyarra cimaa waan ta’eef, baay'ee walitti siquun isaan hin barbaachisu.













