Osoo walhammachuu, waldhungachuufi qaqqabuun hafee fayyaa keenyarraa maaltu hanqata?

Dhalli namaa uumamaan wal-hammachuun miirri gaarii akka itti dhaga'amu godha jedhu qorattoonni

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Dhalli namaa uumamaan wal-hammachuun miirri gaarii akka itti dhaga'amu godha jedhu qorattoonni

Barri torbanoota muraasa dura xumurame walumaagaltti yoo ilaallu, gaarii hin turre. Walirraa nufageesse malee walitti nu hin fidne. Ofii osoo wal-hammachuun, waldhungachuufi waltuttuun oolee maaltu nutti hafa?

Yaadnee beeknaa? Maaliifan harka fuudhuu dhiise jedhee kan garaan boora’e jiraa?

Akkamitti ijoolleefi jaalallee keenya dhungachuu, abbaa warraafi haadha warraa keenya hammachuu yaaduu hafna?

Barri 2020 bara wanti hundi itti cufamee darbedha. Covid-19 osoo hin dhufin dura, eenyutu harka fuuchuun dhorkamee wal-hammachuun ammoo lubbuu dabarsuu mala jedhee yaadee beeka?

Gochaalee hawaasummaa baraman kunneen hafuun isaanii rakkoo mataasaanii qabaatuu laata?

Qorattoonni, eeyyee jedhu. Waltuquun/walqaqqabuun waan salphaa miti.

Ijoollee osoo jirruu jaalalaan tuqamuufi hammatamuun afaan dursinee barredha. Afaan jaalala ittiin barannu. Gara laafummaa, nama jaalachuu, uumamaaf amantii laachuu kan ittiin leenjinu, ‘mana barnootaa wal-hammachuu’ keessattidha.

Turtii keessa daganneetu ta’a malee, dur dur maaf hammatamuu hafne jennee boonyeerra. Amanuu baannaan harmee keessan gaafadhaa.

Akkuma harmi haadhaa guddinaaf barbaachisaa turetti, hammatamuunis akkasuma.

"Namoonni walitti dhiyaachuun wal-hammachuun isaanii waan salphaa miti, akka haphee hawaasummaatti walitti numaxxanseera. Nama jaalannu waliin walitti nuhidheera, akka namaatti wanti walitti nudhiyeesu yoo jiraate waanuma kanadha’’ jedhu Deevidd Liindan.

Abba Deeviid barreessaa kitaaba ‘Za Niiw Saayinsi Hiiwuman Indiviijuwaaliitii’ jedhuuti. Saayinsii wal-tuttuqqaa irratti hedduu qorataniiru.

Dhimmi kun badaa hin qoratamne, waan busheessine wayiitis jedhu.

Ofii namoota biro yoo tuqnu, sammuu keenya keessatti maaltu uumama?

Qorannoowwan muraasni tuqamuun, hammatamuun, akkuma qorsa dhibee namarraa salphisuuf fudhatamuutti dawummaa qabu jedhu.

Kuni hima akka malee jajame isinitti fakkaannaan, daaimni tokko wayita hammatamu maaltu akka itti dhaga’amu hubachuuf yaalaa.

Daa’imni tokko haadha isaatiin mataansaa yoo dhidhiibamu, dha’annaan onneesaa nitasgabbaa’a. Kana kan jedhan qorattuu sammuu daa’mmanii kan ta’an Reebeekaa Islaatar dha.

Qorannoowwan muraasni ammoo dhimmicha Sanaa olittis geessu.

Fakkeenyaaf daa’imman ulfaatinni isaanii kan ta’uu qabuun gadi ta’anii dhalatan, harmee isaaniitiin yoo hammatamanii tuttuqaman ulfaatinnisaanii sirraachaa akka deemu irra ga’ameera.

Nama tokko yeroo jalqabaaf yoo tuqnu, barruu harkaa keenyarra narvoonni jiran gara sammuu keenyaatti ergaa dabarsu. Miirri sunis qaamni keenya dhangala’aa heedduu akka omishu isa taasisa.

Sammuun keenya tuttuuqaa keessa nibohaara. Keessumaa namni nutuqaa jiru sun kan amannuun yoo ta’e, aaragalfii sammuu kenna jedhu qorataan ‘evolution’ Roobin Danbar.

Erga tuttuqaan hiika akkasii qabaatee, wal-tuquu hafuunoo maal gochuu mala?

Tuttuqamuufi hammatamuun sammuu keenyaaf faayidaa qaba jenneerra. Nutasgabbeessa, nugammachiisa, jiriinya keenyas akka jaalannu nutaasisa. Darbee darbees dhibee keenya nurraa maqsa.

Waan soba miti. Tuttuqaadhaan dhukkubni nifayyifama. Wal’aansi tuttuqqaa kan jiruufis kanumaaf ta’uu oolaa?

Ammarra wal hin tuqinaa, harka wal hin fuudhinaa, wal hin dhungatinaa gaafa jedhamnu, wanti ta’e nurraa miidhamaa jira.

‘‘Dhugumatti akkas wayita jedhamne borumtaasaa dhibeen nurratti hin mul’anne ta’inna, of-wallaallee uumamuu keenya hin jibbines ta’a,’’ jedhu barreessichi Liindan.

‘‘Garuummoo hidhatni dhala namaa waliin qabnu, nutti mul’achuu baaus citeera, miiraan adda baaneerra, suutuma miidhamuu keenya osoo hin beekin miidhamneerra,’’ jedhu.

Maaltu nuuf wayyaree?

Akka piroofeesar Isleetar jedhaniti taanaan, kana booda vaayirasichi osoo badeellee akka duraatti namoota gidduu tuttuqaan hin jiraatu. Jaalalli namootaa harka wal-fuuchuun dagaagu bakka turetti hin deebi’ee itti hin fufu.

Garuu qorataa ‘evolution’ fi ogeessa xiin-sammuu kan ta’an Roobin Danbar wanti kun isaan hin amansiisu.

Wal-jaalachuufi tuttuqqaan amala dhala namaati. Amalli namoomaa ammoo haala kam keessattuu bakka dhaabbaterraa itti fufa.

Barruun keenya yoo uumamu, aka tuquuf, akka dhidhiibuuf taasifameeti. Baay’inni narvootaa irra jiraniis kan mul’isan kanuma.

Nuti beekuu baannus, qaamni keenya akkuma funyoo elektiriikaa wal-xaxaati. Tuttuqqaan dafee ergaa sammuu keenyatti dabarsa. Kanaafuu tuttuqqaan ala fayyaan keenya gaarii hin ta’u.

Dawaan akka tuttuqaa nama jaalataniin argamu hin jiru.

Akka nama yeroo dheeraa adda baanerraa hammatamuu wanti nama gammachiisu hin jiru. Nama yaadneefi irraa fagaannee turrreen hammatamnee sekondii muraasaaf turuun, akkuma mana jannata keeessa iruutti seenanii ba’uuti.

"Namni tokko waa’ee keessan maal akka yaadu baruu yoo feetan, waan isinitti himu dhaga’uurra, akkamiin akka isin tuqu hubachuuf yaalaa’’ jedhu qorataan kun.