Qopheessaan sagantaa TV buleessi Laarii Kiing boqote

Laarii Kiing

Madda suuraa, Getty Images

Qopheessaan sagantaa TV buleessi Laarii Kiing boqote. Laarii Kiing namoota siyaasaafi bebbeekamoo addunyaa kanaa waliin gaaffiifi deebii taasisuun beekamtii kan horate yoo ta'u, umurii ganna 87 irratti boqoteera.

Gaazexeessaan kun turtii waggaa 60 ogummaa kana keessa turetti namoota 50,000 ol waliin gaaffiifi deebii taasisuu danda'eera.

CNN irra ammoo waggoota 25f sagantaa isaa Laarii Kiing Laayiv jedhamuun beekama.

Laarii Kiing Jeeraald Foord irraa kaasee hanga Baaraa Obaamaatti pirezedaantota Ameerikaa waliin gaaffiffi deebii taasiseera.

Gaggeessitoota Ameerikaatiin alattis, gaggeessitoota addunyaa waliin yeroo garaa garaatti gaaffiffi deebii taasisuu danda'eera.

Dabalataanis, namoota seenaa gurguddaa addunyaa kana irratti hojjetan warra akka qabsaa'aafi falmaa bilisummaafi walqixummaa warra gur'aachotaa Dr. Maartiin Luuter Kiing, qabsaa'aa Sirna Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa Niilsan Maandellaa, akkasumas Dalaay Laamaa waliin gaaffiifi deebii gaggeessuu danda'eeera.

Gaazexeessaan kun wiirtuu wallaansa fayyaa Seedaars Siinnaay jedhamu Loos Anjalas keessatti akka lubbuun darbe dhaabbanni isaa Oraa Miidiyaa jedhamu beeksiseera.

Baatii darbe keessa koronaavaayirasiin qabamee hospitaala galee fayyee akka bahe miidiyaaleen Ameerikaa gabaasaniiru.

Gaazexeessaan kun harka shamizii ol-dachaafachuun, manatsarii godhataniifi fiddoo/surrii dirattoon uffataniin faashina ofii isaatiin beekama.

Gaazexeessaan kun waggoota dhihoo as dhukkuboota adda addatiin rakkachaatureera jedhama. Yeroo dhiyoo keessas dhibeen onnee irra deddebiyyee isa mudatee tureera.

Gaazexeessaan buleessi kun dubartoota torba walfuudheera.

Gaa'ela isaa kana keessaa ammoo ijoollee shan horateera. Ijoollee isaa shanan kana keessaa lama ammoo waggaa darbe garaa garummaa torban tokkoo keessatti lubbuun isaanii darbeera.

Mucaan intalaa isaa daranyoo sombaan kan duute yoo ta'u, ilmi isaa ammoo dhibee onneetiin lubbuun darbe jedhama.