'Abbaan gaazexaa Bariisaa' Piroofesar Maahdii Hamiid Muudee boqotan

Madda suuraa, Ethiopian Press Agency/Bariisaa
Hundeessitoota gaazexaa Afaan Oromoo Bariisaa kan ta'an keessaa angaftichi Piroofesar Maahdii Hamiid Muudee boqotan.
Piroofesar Maahdii gahee gaazexaa Bariisaa keessattii qabaachaa turan irraa kan ka'e 'Abbaa Bariisaa' jedhamuunis beekamu.
Abbaan Bariisaa magaalaa Ciroo ganda Madhichootti dhalatan. Barnoota isaanii sadrkaa jalqabaa fi Lammaffaa Cirootti xumuruun Yunivarsiitii Finfinnee galuun barnoota Fiiziksiin eebbifaman.
Barsiisaa, Gaazexessaa fi waloos kan ta'an Piroofeesar Maahdii galmee jechoota Afaan Oromoo Ingiliffarraa hiikaniis maxxansiisaniiru.
Kitaabni yeroo duraatiif Afaan Oromoo Itoophiyaa keessaatti ittiin barsiifame Kitaaba isaan ALI bara 1967 qopheessan ta'uu wagga lama dura gaaffiifi deebii OBS waliin taasisan irratti dubbataniiru.
Hojii barsiisummaaf Bulchiinsa Goojjaam duriitti ramadamanii wayita magaala Baahirdaaritti waggoota lamaaf barsiisan gaazexoonni Amaariffaa fi Afaanota biyyoota alaan maxxanfaman hedduun Finfinnee keessa jiraatanii kan Afaan Oromoo dhibuun yaada ka'umsaa gaazexaa Bariisaa akka ta'es dubbatan.
ALI bara 1964 Minsteera beeksisaa dhaquun ''Afaan Oromoon gaazexaa maxxansuun akka naa hayyamamu yoon gaafadhu 'hangam na tuffattu 'gaalLinyaan' gaazexaa naa hayyami kan jettu' jedhe na ari'e,'' jedhu.
Bara Hayilasillaasee keessa yaaliiwwan sadii taasisan kufaatii sirna Haayilasillaasee boodas itti fufuun Dargiin galee waggaa tokkoffaatti gaazexaan kun guyyaa tokkoof akka maxxanfamu hayyama argatee san booda adda cite.
Hayyama yeroo tokkoof kenname itti fayyadamuun torbee lama lamaan baha jedhanii raabsuu isaaniitiin qabamanii hidhamuus dubbatanii turan.
Gameessii kun Herreegaa fi Fiiziksii barsiisaa biyya alaa akka turaniifi dhibee onneen yaalamaa turanii boqochuu isaanii miidiyaan biyyaa keessaa OBN gabaaseera.
Piroofesar Maahdii Hamiid waggoota 17'f gulaalaa olaanaa Gaazexaa Bariisaa ta'uun tajaajilaaniiru.

Madda suuraa, Ethiopian Press Agency/Bariisaa
Kutaan qophii gaazexaa Bariisaa du'a hundeessaa isaa kanatti gaddi itti dhagahamuu ganama kana fuula feesbuukii isaa gubbaatti maxxanseera.
Namootni hedduunis miidiyaa hawaasaa gubbaatti du'a beekaa Oromoo kanatti gadduu isaanii ibsaa jiru.
ALI bara 2011'tti gaazexaan Bariisaa Profesar Maahdii waliin gaaffiif deebii taasisee ture keessaa gariin fuula fb isaa gubbaa kaaheera.
Gaaffiifi deebii san keessatti Piroofeesar Maahdii ''Ani hanga dhimmi Oromoo furmaata argatutti hirriba hin qabu,'' jechuun dubbatanii turan.
Hundeessitoota Bariisaa keessaa gameessi biroon gazexeessaa Ibraahiim Haji Alii ji'a darbe du'aan boqote.














