Ibiraahim Hajii Alii 'insaayikilooppidiyaa Oromoo turan' - Gaazexessaa Idiris Guddatoo

Ibiraahim Hajii Alii

Madda suuraa, YouTube/OBN

Gaazexeessaa fi artistiin gameessi Ibraahim Hajii Alii umurii isaanii waggaa 60 keessa du'aan addunyaa kanarraa boqotan.

FBC kutaa Afaan Oromoo keessatti gaazexessummaan hojjechaa kan turan Ibraahim Hajii Alii dhukkubsatanii yaala irra turuun, Roobii ganama keessa Mudde 23 bara 2020tti addunyaa kanarraa du'aan boqatan.

FBC keessatti gaazexessaan yeroo dheeraaf sagantaa bashanannaa adda addaa waliin hojjechaa turan Zamadkun Misgaanaaw akka BBCtti himetti Ibraahim ji'a lama dura koroonaavaayirasiin qabamee dhukkubsachaa ture.

Sana boodas hospitaala Phaawulos ciisee yaala argataa turuun erga bayyaannatee gara mana isaatti galee ture jedhe.

Haa tahu malee durumaan dhukkuba sukkaaraa waan qabuuf sanaan dhibamee yaala argataa ture jedhe.

Gaazexessaa, weellisaa, qorataa fi abbaa ogummaa hedduu kan ture Ibiraahim Hajii Alii - Ibroo, Mudde 23 bara 2020 sirni awwaalchaa isaanii Finfinneetti raawwateera.

BBC Afaan Oromoo seenaa gameessa afaaniifi aartii Oromoof gumaache kanaa namoota itti dhiyeenyaan isa beekan irraa odeeffachuun, gabaabumatti akka ittaanutti isinii dhiyeessina.

Grey line

Gaazexessaa Ibraahim Hajii Alii koree waaltina Afaan Oromoo keessatti yeroo dheeraaf nama hojjeteefi guddina afaanichaaf qooda olaanaa bahatedha.

Gaazexessaa Ibraahim Hajii Alii bara 1968 keessa namoota gaazexaa Bariisaa hundeessan keessaa tokko yoo tahu, namoota achirratti yeroo jalqabaaf barreessaa turan keessaa tokko ture.

Akka namoonni miidiyaa Afaan Oromoo irratti qorannoo gaggeessan jedhanitti Bariisaan gaazexaa Afaan Oromoo dhuunfaan maxxanfame isa jalqabaati jedhu.

BBCn ganna lamaan dura dhimma gaazexaa kanarratti Ibraahim Hajii Alii wayita gaafatutti, ''Bara sanatti Qubeedhaan kan hin yaadamne ture. Waanuma fedhe yaa ta'u jennee qubee Saabaadhaan eegalle," jechuun jalqabbii gaazexaa kanaa dubbatanii turan.

Yeroo sanatti akka hojjetoota gaazexaa Bariisaatti kan turan Mahaadii Amiid Mudee akka Gulaalaa Ol-aanaatti, Lammeessaa Boruufi Immiree Angoosee akka turan yaadachuun, isaan keessaa anumatu biyyatti hafe jechuun dubbatanii turan.

Haa tahu malee, milkaa'inaafi hirmaannaa yeroo sana ture ilaalanii yeroo sana akka 'saansurii' jalatti deebiyan ta'e jechuun, "ALI bara 1969 irraa kaasee mootummaa jala galee Pireesiidhaan maxxanfamuu eegale," jechuun BBCtti dubbatanii turan.

Bitaa gara mirgaatti: Ibraahim Haji Alii sadaffaarra

Madda suuraa, Oromo Graphya

Ibsa waa'ee suuraa, Bitaa gara mirgaatti: Ibraahim Haji Alii sadaffaarra

Faana Afaan Oromoo 'Faanaa'rratti

Gaazexessaa Idiris Guddattoo, Ibiraahim waliin waggoota 20 oliif FBC keessa hojjechaa turuu BBCtti himan. Ibiraahim hojiiwwan yeroo hundaa ittiin yaadamu hojjetee nurraa adda bahe jedhan.

Sagantaalee bashannanaa kan akka Qabiyyee Sirbaa, ispoortii fi guddina Afaan Oromoof qooda olaanaa kan bahate Faana Afaan Oromoo yeroo dheeraaf hojjetaa ture jedhan.

Sagantaan Faana Afaan Oromoo kun afaanicha wal-teessuu keessatti gahee guddaa taphateera.

''Sagantaan Faana Afaan Oromoo yeroo ka'u yeroo hundumaa jalqaba irratti namni yaadatamu Ibiraahim Haajii Aliiti,'' jedhu Idiris Guddatoo.

''Ibroon nama kan dabe qajeelchu, sireessaa oolu, utubaadha. Inni Insaayikilooppidiyaadha.''

Ibiroon magaalaa Dirree Dhawaatti dhalatee kan guddate yoo tahu ijoollummaa isaattis kubba miilaa taphachuun beekama jechuun namootni isaan beekan ni himu.

Ibiraahim abbaa ijoollee jahaa yoo tahan, hanga lubbuun isaanii darbutti Faanaa Biroodikaasting Korporeet -FBC keessa [freelancer] tahuun hojjechaa turan.

'As koottu asiin jiraa...'

Ibraahim Hajii Alii wayita sirbasaa As koottu asiin jiraa sirbu

Madda suuraa, YouTube Screenshot

Gaazexessaa Ibraahim weelluudhaanis kan beekamu yoo tahu, meeshaalee muuziqaa jaha tahan taphachuu akka danda'u gaazexessaa Zamadkun BBCtti himeera.

Kiboordii, harmoonikaa, akkoordiyoonii, beez gitaar, liid gitaar fi boksi gitaar haalaan bareechee taphachuun artistii beekamudha jedhe.

Jalqaba Baandii Aduu Birraa jedhamu kan Alii Birraan hundeesse keessatti weellisaa akka tures ni himama.

Idiris Guddatoo akka jedhanitti Ibiraahim Haajii Alii namoota Afran Qalloo hundeessan keessaa tokko.

Baandiin kun Oromiyaa guutuu keessa socho'uun Oromoonni akka walbaran, wal hubataniifi aartiin isaanii waltahee guddatu hojii guddaa hojjeteera.

Afran Qalloo akka hundaa'een gara Lixa Oromiyaatti socho'aa yeroo turan, waan jedhee sirbaa turee fi yeroo hundumaa yaadatu tokko qaba jedhan waahilli isaanii gaazexessaa Idiris Guddatoo waa'ee muuziqaa fi Ibiraahim yoo dubbatan.

Barbaannee wal barraa

Ni barra wal irraa

Wajjin tarkaanfanna

Yeroosaatu har'a.... jechuun weellisaa ture jedhan.

Yeroo kana artistootni akka Abbitoo Kabbadaa fa'a Lixa Oromiyaa keessaa akka bahan gargaarera jedhan.

Ibiraahim Hajii Alii sirba isaa akka As koottuu asin jiraa jedhamuun baayyee kan beekamu yoo tahu, ergasiis artistootni akka Abbitoo Kabbadaafi dhiyeenyatti ammoo Nigusuu Taammiraat fa'i sirba kana irra deebiin weellisaniiru.

Itti dabaluun Ibraahim kuusaa aadaa kan waraabamee hin dhumne ture, ragaa inni of harkaa qabu yoo ilaalamu jedhan gaazexessaa Idiris Guddatoo.

Ibiraahim Hajii Alii qophii ispoortii jabeessuuf jalqaba FBC akka gale himama. Xiinxala ispoortii irratti kennuunis beekama.

Yeroo dheeraafis sagantaa ispoortii irratti hirmaachuun hojjeteera.

Beekumsa Afaan Oromoofi gaazexeessummaa qabaniin gaazexeessitoota dargaggoota gorsuuniifi muuxannoo isaanii qooduun, kanneen as bahan jajjabeessunis ni beekamu Ibraahim Hajii Alii - Ibroo.