Wayita namootaan qaamaan wal tuqnu maaltu umamaa?

Madda suuraa, Getty Images
Namoota jaalattan hammattanii nagaa gaafachuu, harka qabattanii nagaa gaafachuu ykn dhungachuu dhaabuu keessaniitti isinitti dhagahameeraa?
Addunyaa gutuutti namoota hedduuf barri 2020 bara fageenya eeggachuun itti jiraatamuufi bara ugguraa ture.
Sababii uggura Covid-19 ittisuuf jecha kaa'ameetiin, walitti dhufeenyiifi haalli waliin jireenyaa kana dura turan haalaa geedaramaniiru.
Haata'u malee, tarii dhiibbaa namootaan qaamaa walitti dhiyaachuufi wal tuxuquu dhaabuun kun isin irratti qabaatu yaadanii beektuu laata?

Madda suuraa, Getty Images
'Wal tuquun baayyee murteessaadha'
Waa tuquun miira jalqabaa wayita daa'imummaa irra jirru jalqaba barannuudha.
Inni haala wayita umurii daa'imummaa sanarra jirru namaa waliin ittiin walii galluu ture. Innis guddina jalqabaatiif baayyee murteessaadha.
''Wal tuxuqaan ilmaan namootaas murteessaadha. Wanta walitti dhufeenya namootaa cimsuudha'' jedhu Deeviid Lindeen, barreessaan 'Unique: The New Science of Human Individuality.'

Madda suuraa, Getty Images
Wayita namoota kaan tuqnutti dhugumaatti maaltu ta'a?
Qorannoowwan dhimmicharratti gaggeefamuun ifa ta'an, nama dhukkubsate tuxuquun nageenya namootaa fooyyeessuun siriiyyuu akka qoricha farra dhukkubaa (painkiller)tti hojjachu danda'a.
Fakkeenyaaf, daa'ima tuxuquu yoo fudhannee, haala ''dhawannaa onneesaanii sirreessuu'' fi ''ulfaatiina akka dabalan'' gochu danda'a, akka qorarattuun Saayinsii riibuu daa'immanii, Pirofesar Rebqaah Islaatar jedhaniitti.
''Qorannoowwan tokko tokko keessatti daa'imman ulfaatiina xiqqaan dhalatan yoo tuxuqaa qaamaa baayyee qabaatan, yeroon isaan hospitaala keessa itti turan ni xiqaata'' jedhuun dabalataan barbaachisummaa tuxuqaa qaamaa ibsu.

Madda suuraa, Getty Images
Tuxuqaan qaama cimaa adeemsa walitti dhufeenya cimfachuuti
Qorataan Xinsammuu tirannaa (Evolutionary psychologist) Roobiin Dunbaar, tuxuqaa baayyeee barbaachisuu gama ilaalatuun ilmaan namaa bineensootaan wal fakkaatu jedhu.
Bineensoonni harma hoosisan wayita waliin oolanitti yeroo %10-20 ta'u wal tuxuquun dabarsu. Kunis qaama walitti dhufeenya hiriyummaa isaanitii jedhu.
''Wayita tuqnutti harki keenya sammuutti 'nama jaalattu tuqaa jirta ykn walitti dhiyeenya qaamaa taasisaa jirta' jechuun itti hima. Innis sammuu keessaatti sirna miiraa kakaasa.''
''Miira bohaaruutu baayyee nutti dhagahama. Keessattu kan tuqaa jirru nama itti amannudha jechuudha. Egaan kunis miira walitti dhufeenyaa uuma jechuudha.''

Madda suuraa, Getty Images
Kanaafu 'tuquu dhiisuun' dhiibbaa attamii qabaataa?
Erga qaamaan wal tuquun miira dhukkubbii hir'isee, nu tasgabbeessee, akka caalaa walitti maxxanu nu taasiseefi hirriyoota akka qabaannu nu dandeessise, haalli jireenya fageenya eeggachuun jiraachuu dhiibbaa akkamii nurratti qaba?
''Inni akka waan battalatti adda baanu miti'' jechuun amana barreessaa Lindan.
''Haata'u malee miiriiwwan walitti dhufeenyaa, gadduu fi wal amanuu suuta suutaan hir'ataa adeema,'' jedha.
"Osoo bineensa akka wal hin tuqne dhorkitee, dhugaatti bineensichi ni dhukkubsata. Yaaddoo baayyeen waan itti dhagahamuuf baayyee hin jiraatan. Akkaumas fayyaa qabeessa hin ta'an,'' jedhu qorattuun biraa Kaaterinaa Fotopoloo.
Jalqaba weerara Covid-19 irratti -osoo biyyoonni baayyeen fageenya eeggachuu hin labsiin dura, akka waan jireenya keessatti tuxuqaa gahaa hin argannee yaadaa turre. Amma ammoo maal akka fakkaatu yaaduun nama hin dhibu.
Bu'aaleen kunneenis qorannoon mata duree kanarratti namoota kuma 40 biyyoota 110 keessatti argaman irratti Amajjii 21 - Bitooteessa 30, 2020tti Yunvarsitii Gooldismiziin hojjatame.

Madda suuraa, Getty Images
Maal gochu dandeenyaa?
Namoota qofaa jiraannuuf obsuu irraa kan hafe ammatti filannoon biraa hin jiru. Tarii dhiibbaan isaa gara fuulduraatti itti fufuu danda'a ta'a.
Pirofesar Islaatar itti dabaluunis, ''Ammaan booda namoonni akka osoo weerarri hin mudatiin duraatti deebii'anii kan waliitti dhufan natti hin fakkaatu,'' jedhan.
Haata'u malee, oggeessi xinsammu tirannaa Roobiin Dunbaar baayyee kanatti hin amanan. Qaamaan wal tuquun yeroo hundumaa qaama walitti dhufeenyaafi hiriyyummaa akka ta'e amana. ''Yoo wanti ta'ee akka haala gaarii ykn caalaa bu'aa qabeessa ta'ee hojjatu hin taasifamne,'' jedhaniiru.
Yoo ''hundi keenyaa walitti dhufeenya jaalalaa kan itti dhiifnu yoo ta'ee malee kun hin hafu'' jechuun mormu.
Yoo tuxuqaa qaamaa akkasiin hin raawwannee ta'e ammoo, nuti ilmaan namaa tutuqaan qaamaa baayyee ittiin gammadnu kamiirree? akka qorataa xinsamuu tirannaa kanaatti?
Qaamni harka namaa, jechuunis ciqileen akka sukkummamu ta'ee umamee. ''Sakandii tokkoof salphaafi suutaan sukummuamee'' saffiisa ta'een baayyee bu'a qabeessadha.
Kanaafuu tarii yoo yoo dandeessaniifi sinitti toleetti, namoota jaalattan tuquun sammuu keessaniifi fayyina qaama keessaniitiif waan gaariidha.
Keessattu nama yeroo dheeraaf qaamaan osoo hin argiin turtan tokko yoo tuqxan boqannaa hedduu akka argatan isin taasisa jedha Dunbaar.
''Dhugaatti namni tokko waa'ee keessan maal akka yaadu baruu yoo barbaaddan... waan isaani isiniin jedhan hin dhagahiinaa, attamiin akka isaan itti isin tuqaniitti gammadaa male.''
















