Dubartoonni waan harmasaanii guddisu awwaallatan baasaa jiru, maaliif?

Kaataariinaa Kiruupiikaa implaantii harmashee baabaafteetti

Madda suuraa, Katerina Krupkina

Ibsa waa'ee suuraa, Kaataariinaa Kiruupiikaa implaantii harmashee baabaafteetti

Lammiin Yukireen kan umuriin ishee waggaa 32 Kaataariinaa Kiruupiikaa harmashee guddifachuuf jecha baqaqsanii wallaanuun waan harmashee keessa awwaalchifatte (implants) akka baasiifte miidiyaa hawaasaarratti yoo dubbattu hedduu dinqisiiseera.

Implaantiiwwan boca ykn guddina qaamaa jijjruuf gara qaamasaanii galfatan gosa garaa garaa kanneen qaamasaanii keessaa baasan baayyataa dhufeera.

Kaataariinaa kan insitaagiraam irratti barreessite namoonni miiliyoona 7.5 dubbisaniiru. Dubartoonni qaamasaanii keessaa implaantii baafachuu barbaadan kumaatamaan lakkaa'amanis ergaa erganiifiiru.

''Harmi guddaan akka gammadduu na hin taasiifne hubadheera. Bareedduu fayya qabeettii na hin taasisu. Intallikoos akka kiyyatti harma guddaa qabaachu akka barbaaddu yoo dubbattuun impilaanticha baasiisuuf murteesse. Intalkoof fakkeenya gaarii ta'uun barbaada'' jetteetti.

Impilaantiiwwan baasisuun maaliif barbaachise?

Dhaabbanni bareedina qaamaa beekamaan addunyaa 'International Society of Static Plastic Surgery' akka jedhetti, baayyinni dubartoota harmasaanii keessaa impilaantii baasiisanii bara 2019tti gara parsantaa 46.3tti ol guddateera.

Wallaansi baqaqsanii yaaluu harmaa bara 1990motaa hanga 2000motaatti parsantaa 5.4n yoo dabalu, bara 2022 hanga 2023tti ammoo parsantaa 13n hir'ateera.

Dubartoonni wallaansa baqaqsanii yaalamuu pilaastikii harmaa bareedinaaf jecha taasifamu kanaatiin harma xiqqaa kan umamaa fakkaatu hojjachiifachu barbaadan jiru.

Ittigaafatamaan Waldaa Wallaansa Baqaqsanii yaaluu Pilaastikii Ameerikaa, Dr Kiristii Hamiiltan, ''bifti dubartoonni bara 2025tti barbaadan kan waggaa 10 dura ture irraa addadha'' jetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naannawa bara 90motaafi 2000tti harma guddaatu barbaadama ture. Amma garuu harma xiqqaatuu barbaadamaa jira.

Cooma harma keessa galchuu ykn harmi akka guddatuuf wallaansa baqaqsanii yaaluu pilaastikii taasisuun kan baramedha.

Pirezidantiin Waldaa Wallaansa Baqaqsanii Yaaluu Pilaastikii Biraaziin, Dr Biruunoo Harikoonoof akka jedhanitti, baayyinni dubartoota harma guddaa barbaadanii hir'ateera.

''Dubartoonni tokko tokko irra deebiin impilaantii galfachuu hin barbaadan. Impilaantiiwwan erga waggaa 10 hanga 20 tajaajilanii booda qaama keessaa baafamuun impilaantii gara biraatiin bakka buufamu'' jechuun ibsu oggeessi kun.

Rakkooleen fayyaa wallaansa baqaqasanii yaalamuu pilaastikii harmaatiin wal qabatan irratti hubannoon dabaluusaatti hedduun impilaantiiwwan qaamasaanii keessaa akka baasaniif sababii ta'eera.

''Waa'ee dhukkubbii siilkan fi Awutoomiyuunii irratti hubannoon jiru cimeera. Dhukkubbiin buusaa, rifeensi harca'uu fi ulfaatiinni qaamaa dabaluun dhukkuba siilkan waliin wal qabatee kan mudatanidha'' jedhu Dr Biruunoon.

"Naannwa impilaantiiwwanii kaapsuuliin ni jiraata. Yoo dukkubbiin jiraatu kaapsuulii sana baasuun dirqama'' jetti Dr Kirsitiinis yoo ibsitu.

Kaataariinaan kaansaniin qabamuun itti himamu baatulleen harmashee keessaa impilaanticha baasuuf murteessite jirti.

''Dubartoonni baayyee wallaansa baqaqasanii yaalamuu kan raawwatan fayyaaf osoo hin taane bareedinaaf'' jetti.

Kanaan dura maashaa harmaa jala impilaantiin galfamaa ture. Kunis boca umamaa hin taane kennuusaatiin alattis, sochii harmaas ni jijjira.

''Dubartoonni impilaantii yeroo baayyeef ture qaban wayita sochii qaamaa taasisaniitti harmisaanii gartokkeetti adeema'' jetti Kaataariinaan.

Wallaansi baqaqsanii yaaluu pilaastikii harmaa yeroo ammatti hojjataman sababii impilaanticha maashaa harmaa irra kaa'aniif, harmi akka boca umamaa qabaatu taasisa.

Guddina harmaa sirreessuuf gosawwan implaantii adda addaatu hojiirra oolfama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Guddina harmaa sirreessuuf gosawwan implaantii adda addaatu hojiirra oolfama

Jijjiirama mul'ataa jiruuf ka'umsi maalidha?

Hakiimoon akka jedhaniitti, jijjirama boca qaama umamaa fudhatama qabu fidaa jira.

''Funyaan, fuulli, harmiifi qaamni biraas umama akka ta'u barbaadama. Yoo guddinsaanii dabaluu, danaan umamasaanii akka jijjiramu amanama'' jetti Dr Kiristiin.

"Fuullisaanii kan miirawwan garaagaraa calaqisiisan osoo hin taane danaa gosa tokko qofa kan qabu ta'unsaa sababii tokkoffaadha'' jedhu oggeessi wallaansa fayyaa Dr Biruunoon.

Wallaansi baqaqsanii yaaluu pilaastikii sababii qiyyeefameetiin alaaf olaa jiraachusaa hubachuudhaan, namoonni wallaansicha raawwachu dhiisuuf murteessaa jiraachu dabaluun dubbatan oggeessi kun.

''Yoo filariin guddina qaamaa dabalu baatii sadii ykn jahaan akka isaan barbaachisu itti himamu namoonni yaadasaanii jijjiran jiru'' jetti Dr Kirisiitiin.

Wallaanamtoonni filamaata wallansa baqaqasanii yaalamuu hanga tokko bahee hin mul'anne hordofu.

Kolaagan Istiimuleeshin (collagen stimulation) kan danaa gogaa sirreessu filamaata tokko.

Kolaagan gosa pirootiinii baayyinaan qaama keessatti argamuu yoo ta'u, lafee, gogaa, maashaa fi eddoowwan biraatti ni argama. Yoo umuriin dabalu ammoo baayyinsaa dabalaa adeema.

Bakka wallaansi itti kennamu

Madda suuraa, Getty Images

Uumama hordofuu

Kaataariinaan umama hordofuu akka barbaaddu dubbatti. Hidhiishee guddiftee turte gara umamasaatti deebiifteetti. Qaama qoncooraa fuulasheerra jiru haguuguuf Bootoksi (Botox) itti fayyadamaa turte dhaabdee jirti.

''Dubartoonni waa'ee bifasaanii cinqaman ana ilaalanii ni baratu jedheen abdadha'' jetti.

Bareedina umamaa eegaachuun haaraafi adeemsa baramaa dhufeedha.

''Amma oomishaaleen bareedinaa gurguramaa jiru. Danaa umamaa jijjiruu osoo hin taane eeggatanii turuutu barbaachisa'' jechuun gorsan oggeessi damee kanaa tokko.

Kaataariinaan hidhiishee jijjirtee turte gara isa umamaatti deebiifte jirti

Madda suuraa, Katerina Krupkina

Ibsa waa'ee suuraa, Kaataariinaan hidhiishee jijjirtee turte gara isa umamaatti deebiifte jirti

Bara 2023tti daldalli damee faayyaa ykn bareedinaa gara doolaara biiliyoona 44tti guddateera.

Dubartoonni of faayyeessuu dhaabuu baatan illeen, danaa qaama isaanii caalaa eeganii tusiisu barbaadu.

Oggeessoonni wallaansa baqaqsanii yaaluu akka jedhaniitti, fedhiin dabaa umamaa eeggattanii turuu, kan wallaansa baqaqasanii yaalamuu pilaastikii hambisu miti. Kan wallaansa baqaqsanii yaalamuu pilaastikii sadarkaa olaanaadhaan danaa qaama umamaa jijjiruu kan hambisuudha.

Odeeffannoon oggeessoota wallaansa baqaqsanii yaaluu pilaastikii idil-addunyaa akka agarsiisuutti, bara 2023tti qofa wallaansi baqaqsanii yaaluu pilaastikii miiliyoona 15.8 raawwatameera.

Kunis kan bara 2022tti galmaa'e irra parsantaa 5.5n caalmaa qaba.