Wal'aansa bareedinaaf jecha du'a dubartootaa dabalaa jiruuf UK fi Tarkiin marii taa'uuf

Meeliisaa Keer

Madda suuraa, NATASHA KERR

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoota UK sababii wallaansa bareediinaatiin wal qabatee du'an keessaa tokko kan umuriin waggaa 31 Meeliisaa Keer

Sababii wallaansa baqaqsanii yaaluu bareedinaaf jecha Tarkiitti taasifamuutiin walqabatee, lakkoofsi dubartoota lubbuunsaanii darbu waan baayyateef mootummoonni UK fi Tarkii marii taa’uuf.

UK'tti dubartoonni lakkoofsi xiqqaadha hin jedhamne qaama teessummasaanii guddisuuf erga wallaansa baqaqsanii yaalamuu (Brazilian butt-lift) Tarkiitti taasisanii booda lubbuunsaanii darbeera.

Kana hordofuunis aanga’oonni UK qajeelfamoota wallaansaa baqaqsanii yaalamuu bareedinaa (kosmotiksii) fi dambiiwwan turiziimii ilaalchisee gitasaanii Tarkii waliin akka mari’atan ibsan.

Meeliisaa Keer, kan umuriin wagaa 31 bara 2019tti ture hospitaala dhunfaa Medikaanaa Hazineedaar jedhamuufi Istaanbul keessatti argamutti qaama teessumaashee guddifachuuf erga wallaansa baqaqsanii yaalamuu taasifteen booda kan lubbuunshee darbe.

Qaamni mootummaa UK du’a Meeliisaa Keer qoratees, dubartiin waggaa 31 tun osoo gara Tarkiitti imaluun wallaansa bareedinaa kana hin taasisiin dura, miidhaa hordofsiisuu danda’urratti odeeffannoon gahaan hin kennamneef jedheera.

Ministirri Fayyaa UK Maariiyaa Koolfiild mootummaan isaanii dhimmichaaf xiyyeeffannaa olaanaa kenneera jedhan.

Koolfiild aanga’oonni ministeera fayyaafi tajaajila hawaasummaa dhimmicha irratti gitasaanii Tarkii waliin mari’achuuf dhiheenyatti gara Tarkii akka qajeelan dubbatan.

Meelisaa Kar

Madda suuraa, NATASHA KERR

Qaama du’a Meeliisaa Keer qorateef, wallaansi baqaqsanii yaalamuu bareedinaaf jedhamee taasifamu, hunda caalaa kan qaama teessumaa guddifachuuf taasifamu balaafamaa tahuun dhiyaateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sababiin du’a shamarree tanaatiis wayita wallaansi baqaqsanii yaaluu taasifamuutti dhiigni ititee gara sombashee seenuun himameera.

Mootummaan UK lammiileen osoo odeeffannoo gahaa hin qabaatiin bareedinaaf qofa jecha wallaansa baqaqsanii yaalamuu gochuuf gara biyya alaatti imaluu itti fufaniiru jedhe.

Bara 2020tti dubartiin haadha ijoollee sadii taatee tokko baayyina coomaa qaamashee keessaa xuuchiisuuf gara Tarkiitti imaltee achumatti lubbuunshee darbeera.

Kana malees lammiileen Ingliiz ulfaatina qaamasaanii hir’isuuf jecha Tarkii keessatti wallaansa baqaqsanii yaalamuu taasisanis, lubbuunsaanii darbuu BBCn gabaaseera.

Ministirittiin qajeelfamniifi dambiin kenninsa fayyaa biyyoota tokko tokkoo kan sadarkaa UK waliin akka wal hin ginne mootummaan ni beeka jechuun, gara fuulduraatti saaxilamummaa wallaanamtootaa hir’isuuf ‘‘hojiimaata iftoomiina qabuufi sadarkaa baasuun ni barbaachisa’’ jedhan.

Dubartoonni qaama teessumaasaanii guddifachuuf jecha wallaansa baqaqsanii yaalamuu taasiisuuf murteessuu isaanitiin dura, miidhaa boodeerra wallaansiichi hordofsiisuu danda’u ilaalchisee hubannoo guutuu qabaachuu qabu jedhan.

Wallaansa baqaqsanii yaalamuu bareedinaaf jedhamee taasifamu hunda keessaa, kan qaama teessumaa guddisuuf taasifamu (Brazilian butt-lift ykn BBL) dachaa 10n balaa du’aa qabaata jedhan.