Namoonni sababa miidhagina isaaniif hiree caalu ni argatuu?

Moodelistii Afrikaa Kibbaa Marikee

Madda suuraa, Yulia.S Hugo

Ibsa waa'ee suuraa, Moodelistii Afrikaa Kibbaa Marikee

Miidhaginaaf looguu: Miidhagduu ta'uun kee hiree caalu argachuuf maaliif akka si gargaaruu danda'u.

Namoonni sooreyyii ta'an babbareedoodhaa? Qorannoowwan baayyeen akka agarsiisaa dhufanitti namoota babbareedoo ta'aniif jireenyi salphaafi mijataa, akkasumas galiin caalaa mishaadha.

Moodelistiin faashinii beekamtuu Keep Taawon Marikeen yeroo baayyee namoonni bilisaan akka nyaattee dhugduu ishee akka affeeraniifi qophiiwwan gara garaa irratti akka argamtuuf tikkeettiis tola akka kennaniif himti.

Bakka gara garaatti namoonni mararfannaa addaan ishee akka keessummeessanis dubbatti.

Garuu maaliif?

Wanti isaa akkasi: "Yaa Rabbi bifa naaf qajeelchi, ogummaa ollaarraan baraa jette.......n" jedhama mitiiree.

Moodelistiin beekamtuu Afrikaa Kibbaa Marikeenis maaliif kan jedhuuf deebii yeroo kennitu: 'Bifuma kiyya ilaalaniiti waan biraa miti' jetti.

"Tarii hiree akkasii kana namoonni tokko tokko waan sirriidha jedhanii hin yaadan," jetti moodelistiin logaa, mudhiin kan soonsaa fakkaatuufi dabbasaan ishee dugdarra ciisu gaaffiifi deebii raadiyoo the BBC Business Daily taasifterratti.

"Haata'u malee, akkam akka bareeddu of ilaaltee ittiin boonaa bareedina kee ammoo ofirra bulfachuuf irratti hojjettee jennaan simannaafi fuula gaarii, wantoota bilisaan siif kennaman hunda kan akka maallaqaafi kennaa gara garaa ni argatta...Ani namuu kennaa akkasii kana fudhatee itti gammaduu qaban jedha," jechuun ibsiti.

Amma bareedinaaf looguun ulaagaa duraa ta'uun industirii fiilmii akka Holiiwuud, miidiyaa hawaasaafi beeksisawwan keessatti qofaa daangeffamee hafaa hin jiru.

Qorannoowwan baayyeen akka agarsiisaa dhufanitti namoota babbareedoo ta'aniif jireenyi salphaafi mijataa, akkasumas galiin caalaa mishaadha.

Namoonni sooreyyii ta'an babbareedoodhaa? Mee haa ilaallu.

Humna miidiyaa hawaasummaa

Namoonni 'bareedina qaban' akka miidiyaa hawaasummaa gubbaa beeksisaniif tolaan oomishaaleen ni kennamuuf

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni 'bareedina qaban' akka miidiyaa hawaasummaa gubbaa beeksisaniif tolaan oomishaaleen ni kennamuuf
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo dhiyoo as addunyaarratti namoonni dhimma miidhaginaafi carraa ykn hiree isa waliin dhufu waltajjii miidiyaa hawaasaa ijoo godhanii irratti haasa'aa jiru.

Namoonni mudannoowwan isaanii sababa bareedina isaaniitiin waan hedduu bilisaan argatan miidiyaa hawaasaa kana irratti baasanii dhugaa ba'aas jiru.

Addatti dubartiin tokko kan jette fakkeenya gaarii ta'a.

Dubartiin kun hojii ulaagaa barbaachisu hin guutneef akka af-gaaffiirratti dhiyaattee qacaramtu hiree argatte. Kun ammoo namni/qaamni ishee qacaru sun bareedduu waan isheen taateef ta'uu dubbatte.

Miidiyaan hawaasaa yeroo ammaa namoota baayyee - dhalaafi dhiira osoo mana isaaniitii hin ba'iin bifuma isaaniitiin biddeena akka baafatan godheera.

"Sababa bareedinaan hiree argachuun dhugumatti dabalaa jira. As irratti miidiyaan hawaasaa Instagram waltajjii adda-dureedha," jetti Marikeen.

Dhaabileefi biraandiiwwan bebbeekamoon yeroo ammaa miidiyaa idilee caalaa dargaggoota miidiyaa hawaasaa hordofan bira ga'uuf kufanii ka'aa jiru.

"Biraandiidhuma ta'e tokko irraa meeshaawwan bilisaan siif ergamuu danda'u; yeroo kanatti wanti ati gochuu qabdu beekamtii qabdu sanaan meeshaa/omisha sana Instagram irratti qooduun akka beekamu taasisuudha," jechuun ibsiti miidhagduun Afrikaa Kibbaa Marikeen.

Qophiiwwaniifi sagantaawwan adda addaa akka sirna baniinsa mana nyaataafi dhugaatiifaa irratti akka hafeeramtu dubbatti shamarreen kun.

"Callistee achittu argamuudhaan yeroo gaarii dabarsita. Akka isaan [warri sagantaa qopheesse] miidhagan taasisa sababiin isaas suuraawwan isaan keessaa yeroo shamarran babbareedoo nyaataafi dhugaatii restoraantii isaaniitti gammadan qabaatu ykn argatu."

Akka dhuunfaa isheetti qalbii namaa hawwachuuniifi kennaafi meeshaalee bilisaan argachuun akka ishee gammachiisu dubbatti moodelistiin kun.

"Miidhagduufi moodelistii ta'uudhaan simannaafi hireewwan kanneen hunda argachuun waan akkaan gaariidha. Sababiin isaas baasii hedduu ittiin cufattu ni jiraatu magaalota gurguddoo keessa waan jiraattuuf."

Kanaaf sooreyyoota meeqatu babbareedoodha?

Daani'eel Hamermesh hayyuu Yunivarsiitti Teksaas dhimma dinagdee dafqaan bulaa qoratudha. Namni kun waggoota dheeraatiif dhimma "miidhaginaaf/ bareedinaaf looguu" jedhu irratti qorateera.

Qorataan kun akka jedhutti, namoonni babbareedoo/mimmiidhagoon kaffaltaa caalu argatu, salphaatti ammoo liqaa baankii irraas argatu, akkasumas carraaawan hojii foyyee qabuu, maallaqaafi faayidaawwan gara garaa ni argatu.

"Warri nuti akka bareedoo ta'anitti ilaallu jireenya gaarii jiraatu, waan hojjetan irraas waan gaarii argatu," jedha Daani'eel.

Taatoo beekamtuu Holiiwuud Iskaarlet Johaansan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taatoo beekamtuu Holiiwuud Iskaarlet Johaansan

"Yunivarsiitii keessatti barsiifamu kan miidhaginni bakka ni qabaata jedhamee hin yaadamne keessattillee bareedinni gahee qaba. Dinagdee keessattis namoonni caalaa babbareedoo ta'an galii caalaa argatu."

Qorataan kun hojjetaan/hojjettuun bareedaa/bareedduu taate bara jireenya ishee/isaa keessatti miindaa hanga kaffalamuufiin alatti maallaqa dabalataa $230,000 argatti/argata.

Shallagni kun nama miindaa sa'aatii tokko keessatti $20 argatu irratti hundaa'uudhaan kan qoratamedha.

Akkaataa kanaatiin namoota miindaa gurguddaa qabaniifi sadarkaa manaajaraa irra jiraniif yoo ilaalame, warri babbareedoo ta'an warra babbareedoo hin taane hedduu caalu jechuudha.

Daani'eel qorannoo isaa keessatti kaffaltaa gaarii, galii ykn hiree caalaa argachuu keessatti dhimmoonni nameenyaa, barnoota, qaroo ta'uu, umurii, saala, sanyiifi ulaagaaleen kaan murteessoo akka ta'an dubbata, garuu bareedinni ammoo ulaagaa kanneen irraa addadha jedha.

Bareedina akkamiin ilaalla?

Bareedinni akka abbaan ilaaludha

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo baayyee bareedinni akka abbaan ilaaluutti jedhu. Kana jechuun kan tokkotti bareedu kaanitti bareeduu dhiisuu mala jechuudha. Qorataa Daani'eel garuu yaada akkas jedhu kanaan walii hin galu.

Namoonni baayyeen "eenyuti bareeda, eenyuti ammoo hin bareedu" kan jedhu irratti waliigaluu ni danda'u jedha hayyuun kun.

"Atiifi ani osoo daandiitti baanee namoota 10 ilaallee, namni tokko ykn lama bareedoo ta'u. Ilaallee kaanee namoota miidhagoo ta'an irratti sirriitti waliif ni galla."

Sanyiin garuu miidhaginaaf looguu keessatti jijjiirama hin fidu jechuun falma Daani'eel.

"Ilaalchi miidhaginaaf qabnu har'a sanyii namaa hunda keessatti wal fakkaata. Dubartiin Afrikaa bareedduu tokko namoota guutuu addunyaa biratti miidhagduudhumadha. Dubartii Eshiyaafis, akkasumas dubartii Kaawukeeshiyaatiis akkasumadha."

Fuulawwan miidhagoofi sodaa furdinaa

Doktorri yeroo hidhii shamarree akka furdatuuf wallaanu

Madda suuraa, Getty Images

Miidhagina fuulaafi qaamaa akka dabalu godhachuuf wallaansawwan Kosmootiks jedhamu kan akka [daallee/teessuma] fi hidhii furdifachuu dabalaafi baratamaa dhufeera.

Haata'u malee , Daani'eel Hamermesh wallaansi akkasii kun miidhagina namaaf dabala jedhee hin amanu.

"Namoonni nu gargaara jedhanii yaadu. Uffannaa gaarii qabaachuu, kosmootiksii gaariifi rifeensa/dabbasaa gaarii qabaachuuf yaaduu malu. Garuu qorannoon Shangaahi keessatti gaggeeeffame dubartiin yeroo dheeraa midhagina of isaanii fidachuuf baasii guddaa baasan warra xiqqaa baasan caalanii laga hin ce'an."

Bareedinniifi hojiin yeroo ilaalamutti - loogiin ulfaatinsa qamaa ilaaluun uumamu baayyee guddaadha jetti barreessituun Emlii Laawuran Diik ammoo.

Seerawwan hojjetaa biyyoota hedduu keessatti loogiiwwan qacarrii hojii dhimmoota akka sanyii, saala, sabummaa, hir'ina qaamaafi umurii irratti hundaa'uun taasifaan dhorkaa ta'us, yeroo bareedina ta'u garuu loogii gochuun kun hin oolu jetti Emiliin.

Kanaaf, dhimmi miidhaginaaf looguun kun leenjiin, imaammata bakka hojii foyyeessuun, jijjiiramuu feesisa jetti. .

"Furdina sodaachuun kan isaan 'Fat phobia' jedhan ammoo innumaattiyyu jibbaafi sanyummaadha," jechuun falmiti barreessituun kun.

Jijjiirama

Bareedina ykn miidhagina ilaalanii looguun waan haaraa miti.

Addunyaadhumatu dhaloota dhufaa darbaan kana qaba. Kun industiriiwwan fiilmii bebbeekamoo akka Holiiwuud irraa kaasee hanga jireenya guyyuu keessatti waan mul'atudha.

Haata'u malee, moodelist Marikeen akka jettutti amma hawaasa keessatti bareeda qofaa araaduun ilaalcha mormiin mudate ta'aa dhufeera.

Industirii faashinii keessatti osoo hin hafiin ilaalchi bareedina qofaa ija irra godhatan jijjiramaa dhufeera.

Dhugaadha, 'bareedina maalan itti godha, dhiqee hin dhugu' jechamni jedhu hawaasa keenya keessatti baramaadha. Kana jechuun nameenyaan, beekumsi, ciminniifi barumsa dura dhufa jechuudha.

Dorgommiiwwan faashinii, moodelistiifi industiriiwwan kanaan walqabatan amma amma miidhaginaan alatti ulaagaaleen kanneen gara filachuutti caalsisaa jiru.