Namticha kanfaltii qaaliidhaan teessuma dubartoota furdisuuf qoricha balaafamaa waraanu

Namtichi maamiltoota bebbekamoo dabalatee, dubartoonni hedduun bira dhaqaniifi ofiisaatii 'gorsaa bareedinaa' jechuun waamu, maamiltoota isaatiif adeemsa miidhaginaa balaa geessisuu danda'u dhiyeessuu fi qoricha seeraan alaa kennaa jiraachu qorannoon BBC agarsiise.
Riik Soowuyar kan adda ta'e dhangala'aa Biraazil butt-lifts (BBLs) jedhamu fi qaama teessuuma (udduu) dubartootaa guddisu lilmoodhaan kennudhaan beekama.
BBC News maamiltoota isaa kanneen erga inni yaalii taasiseefiin booda yaalii hospitaala seenanii wallaanamuu hatattamaa isaan barbaachise shan dubbiseera.
Akkasumas dubartoonni gara biraa 30 ol ammoo rakkoolee ciccimoo kanneen akka sepsis fi necrosis (tishuun du'uu) wal qabatu mudachuu BBC hubateera.
Dubartiin tokko ammoo wallaansa nama kanaatiin booda dhukkubbii ishee mudate baayyee cimaa fi kan "du'a" isheef hawwiisiisee akka ture BBC'tti himteetti.
Angawoonni naannichaa hedduun namni kuni akka wallaansa rakkoo fayyaa hordofsiisu kana naannoo isaaniitti hin kennine dhorkaniiru.
Viidiyoon BBCn dhoksaadhaan waraabee, namni kun qajeelfama wallaansaa sirrii hin taaneen qoricha farra baakteeriyaa (antibiotic) yoo kennu agarsiisa. Kana gochuun yakkaadha. Kana malees namni kun qoricha ajajuudhaaf hayyama wallaansa fayyaa hin qabu.
Akkasumas, ogeessi qoricha ajaju osoo hin jiraatiin qoricha qaama hadoochu doozii baayyeedhaan dabaluun waraanuudhaaf yaale. Kunis seeraan ala osoo haala ulfaatina gabaastuu BBCwallaanamtu fakkaachuudhaan bira dhaqxe kennuuf ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gabaastuun BBC akka waan teessoo isaa toora instagiraamii irraa argatte fakkaachun hirriyaashee waliin wallaansa qaama teessummaa guddisu BBCL argachuuf Obbo Saawyeer waliin beellama qabachuun dhaqan.
Isaanis dhangala'aa BBL ml200 (7fl oz) kan gatiinsaa Paawundii 1,200 (ykn gara birrii Itoophiyaatti miliyoona 2tti kan siqu) lilmoodhaan fudhachuuf kanfaltii duraa paawundii 200 kanfaluun beelama qabatan.
Wallaansi qaama teessuma (udduu) dubartootaa guddiisu kun ''oggeessoota fayyaa ykn hakiimoota beekumsaa fi muudannoo gahaa qabaniin'' kennama jedhamee beeksiifamus, kilinikicha keessa garuu namni tokkoyyuu hin turre.
Kilinikiin xiqqaan dubartoonni wallaansa kanaaf dhaqan kunis baha Landan keessatti argama. Naannoon kilinikichaa kan wallaansaaf hin mijannee ta'usaatiin wal qabates balaan infekshiniif saaxilamu olaanaadha.
Namni kunis gabaastuu BBCtiin turii daqiiqaa shaniif isa waliin taasifteen, ''maaliif paawundii 2,000 kanfaltee milii litira 500 hin waraanane?'' jedhee yoo gaafatu mul'ata. Boodarra gaazexessituun waraanamu akka hin barbaadnee fi hojii gabaasa qorannoo irra ta'u wayita itti himtuutti akka baatuuf gaafachuudhaan karra cufate.
Oggeessi yaalii baqaqasanii wallaanuu pilaastikii waraabbii viidiyoo BBC kana qoratan Daalvii Humzaah, wanti argan kan ''baayyee isaan naasise'' ta'u dubbatanii, wanti namni kun raawwataa jira ''baayyee balaafamaadha'' jedhan.
"Yeroo tokkichaan qoricha hanga sanaa teessuma dubartii tokkoo keessa galchuun, dhuguma balaa qaba," jedhan Aab Humzaah.
"Hudduun ykn qaamni teessumaa bal'aa waan ta'eef, yoo infekshiniin mudate qaama nama sanaa guutuu walgahuu danda'a, akkasumas tishuun du'uu ykn lubbuun darbuufillee saaxilamu danda'u."

Asidiin wallaansi BBL jedhamu kanaaf kennamu, kan wallaansa baqaqasanii hodhuu fuulaatiifis ooluudha. Asidiin kun baayyinaan yoo waraaname fayyaa irratti dhiibbaa olaanaa qabaachu bira darbuun kantaruu dhiigaa fi rakkoolee fayyaa wal xaxaa gara biraatiif ni saaxila.
Saawyer guyyaatti hanga maamiltoota torbaaf akka hojjatuu, torbanitti guyyaa jaha akka hojjetan kaameeraa durfamee kaa'ameerratti ni mul'ata. Beellama tokko qabachuuf paawundii kumaatamaan lakkaa'amu kaffalchiisuu danda'a.
Dubartoota erga Saawyer irraa dhagala'aan BBL kenameefiin booda rakkoolee walxaxaan akka isaan mudate dubbatan keessaa tokko Jo'aan jedhamti.
Haati ijoollee lamaa kibba Weels irraa dhufteefi maqaa ishee jalqabaa qofa akka fayyadamnu kan BBC gaaffattee, yaalii kana argachuudhaaf sa'aatii torbaaf gara Essex imalte.
Kanaan duras wal'aansa miidhaginaa biroo kan raawwattee yoo ta'u, beeksisa baayyee fi namoota beekamoodhaan mirkanneeffamusaatti Riik Saawyer amantee dhagala'aa BBL waraannachuunshee waan rakkoo akkasii isheetti fidu itti hin fakkaatu ture.
Wanti isheen barbaadde "ejjannaa dubaan bareedu" qabaachuu qofa akka ta'e dubbatti. Joo'aan erga achi geesseen booda garuu yaada biraa yaaduu jalqabde.

Koodiin poostaa qofa ergamee waan tureef, waan naanoo industirii keessa deemtu itti fakkaatte turu dubbatti.
Dhumarrattis, balbala xiqqaa gara bilookii mana jireenyaa tokkootti geessuu argatte, gara sa'aatii walakkaatiif akka "daandii xiqqoo qulqullina hin qabne" keessatti akka eegdu natti himame jetti.
"Silaa booddeetti garagalee fiiguun qaba ture, garuu maallaqa qabdii Paawundii 600 kaffalee daandii kana hundas imalee dhaqeen ture" jetti.
Kutaa xiqqaa "siree, teessuma xiqqaa fi bakka hojii isaa ture" tokkotti geeffamte. Egaan, bakka sanatti ture kanjalqaba Riikii Saawyer waliin akka wal barte dubbattu.
Maallaqa hafe, walumaa galatti paawundii 2,000 erga lakkooftee kanfalteen booda teessoorra taa'e ishiin ammoo isa fuuldura akka dhaabattu natti hime jetti.
Xumura yaalii kanaa irratti Joo'aan dhiphina keessa turte: "Dhukkubbii baay'een cimaatu natti dhaga'ama ture, teessuummni koos guutummaatti bifa jijjiire."
Taa'uu akkuma ta'etti taa'u ni dandeessi turte. Yeroo mana geessu dhiita'uu waan jalqabeef deemuun ishee rakkisaa ture.

"Yeroo baayyee Riikiif ergaa erguun hammam akka natti dhaga'amuu fi hammam akkan yaadda'e itti himeera. Inni garuu qoricha farra baakteeriyaakoo akkan fudhadhu qofa natti hime."
Yeroo kanatti sepsis (infekshiniin qabamu) seenuu jalqabee ture.
"Ho'i qaamaa koo ol ka'aa waan tureef miira hamaatu natti dhaga'ame ture," jetti Joo'aan. "999tti bilbiluun qaba ture. Dafqi akka bishaanii narraa dhangala'aa fi iyyaan ture," jechuun haala keessa dabarte yaaddatti.
Hospitaala keessatti qoricha farra baakteeriyaa karaa hidda dhiigaatiin kennamuf irratti hirkattee turte.
Sababii infekshiniin sun saffiisaan babal'achaa turef, ogeessi baqaqsanii hodhuu tokko hudduu ishee irraa muruun isaan barbaachisuu akka danda'u agarsiisuuf qaama teessumashee bakka muran qopheessaa ture jetti.
Riikii Saawyer dhukkuba seepsiitiin hospitaala akka seente erga ergaa ergiteefiin booda, akkaawuntii inistaagiraamii isaa irraa akka ishee uggure dubbatti.
Akka carraa taʼee, Jooʼaan opereshiniin ishee hin barbaachisne ture.
Maamilli Mr Saawyer kan biraa, Luwiis Moolaar garuu luddushee olchuudhaaf yaaliin baqaqsanii hodhuu hatattamaa barbaachise ture.
Onkoloolessa bara 2023 kilinikuma walfakkaatu keessatti BBL erga fudhatee guyyaa afur booda, dargaggeettiin ganna 28 tun hospitaala galte.
Kutaa A&E Salford Royal irraa haadha ishee Jaaneetitti bilbiltee: "Harmee, waanan du'u jiru natti fakkaata" jetteetti.
Luwiis dhukkuba seepsis kan qabamte yoo taʼu, daqiiqaa kamitti iyyuu duʼuu akka dandeessu ogeeyyii baqaqsanii hodhuutiin akeekkachiifamte.
Infeekshiniin kun qaama ishee keessa akka hin facaane gochuuf, naannoo qaama teessumashe bitaa irraa tishuu du'aa haguugee guutuu haala jechuun danda'amuun muranii baasu.

Madda suuraa, Janet Taylor
Aaddee Jaaneet intala isheen kun nama biraa irratti akka hin mudanne waadaa galtee, Riikii Saawuyer waajjira poolisii naannoo isaanii Booltanitti argamutti gabaaste.
"Akkamitti nama ajjeesuu akka danda'u beekaa itti fufa?" jechuun BBC'tti himteetti.
Haata'u malee, dhimmi Luwiis kunis ogeeyyii fayyaa kan akka nama kanaa itti gaafatamoo galchuuf rakkisaa ta'uu isaa kan mul'isudha.
Jaaneet akka jettutti, poolisiin Booltan bakka isaan jiraatanitti argamuu, galmeen isaanii gara Poolisii Essex, bakka taatee kun itti raawwatameetti darbuu akka qabu itti himame.
Himannaansaa rakkisaa ta'uu danda'a, haara'u malee Luwiis wayita wallaansicha fudhachuutti unka hayyamaa sababii mallatteessiteef akeekkachiifamte.
BBC News dhimma kanarratti odeeffannoo haaraa argachuuf Poolisii Greater Manchester fi Poolisii Essex lamaanuu gaafateera. Lamaan isaanii iyyuu qorannoo biraa gaggeessaa jiraachu himan.

Ija seeraatiin yoo ilaalle, Mr Saawyer akka hin hojiicha itti hin fufneef dhorkuf kan taasisamu xiqqaadha.
Guutuu gogaa keessa qoricha lilmoodhaan naqachuun akka yaalii baqaqsanii hodhuu hin taaneetti kan ilaalamu yoo ta'u, qajeelfama kan hin qabnedha. Kana jechuunis namni kamiyyuu gochuu danda'a akkasumas miidhaa dhaabuun hin danda'amu jechuudha.
Fulbaana bara 2024 keessa Aliis Weeb UK keessatti BBL erga waraanattee booda nama jalqabaa du'e ta'uunsheetu amanama. Wallaanishee Riikii Saawuyeriin hin raawwatamne.
Du'a isheetiin booda, Save Face, gareen adeemsa yaalii baqaqsanii hodhuu hin taane hammachuuf dambii bal'aan akka bahu duula godhu. Seera haaraa yaalii BBL ogeeyyii baqaqsanii hodhuu Mana Maree Yaalaa Waliigalaa (GMC)tiin ta'e nama kamiinuu akka hin raawwatamne dhorku akka bahu gaafate.
Hundeessituun dhaabbata 'Save Face' Ashton Kolins, dhaabbanni ishee dubartoota 39 irraa waa'ee Riik Saawyer irratti iyyata qaqabe dubbatti.
Dubartoonni hundinuu wal'aansa hospitaalaa hatattamaa akka isaan barbaachisu itti himaniiru jetti. Tokkoon tokkoon isaanii BBL kan fudhatan yoo ta'u, rakkoolee akka sepsis, necrosis fi jijjirama qaamaa isaan mudate jetti.
"Dubartoonni kunneen muuxannoo isaanii poolisiitti akka gabaasan jajjabeessineerra," jetti. "Garii gabaasaniiru garuu wanti hojjetame hin jiru."
Hanga ammaattis, tarkaanfiin bu'a qabeessa ta'e aanga'oota naannootiin kan fudhatame yoo ta'u, isaan keessaa sadii, Manni Maree Magaalaa Glasgow, Mana Maree Aanaa Epping Forest fi Manni Maree Brentwood, ummata miidhaa cimaa irraa eeguuf seera Fayyaa fi Nageenyaatiin beeksisa dhorkaa baasuu isaanii mirkaneessaniiru.
Haata'u malee, "gara naannoo biyyattii adda addaatti socho'uudhaan itti fufa" jetti Aadde Kooliins.

Ragaa keenyas Kutaa Fayyaa fi Eegumsa Hawaasummaa kan "filannoowwan dambii cimaa ta'an hatattamaan ilaalaa jira" jedhetti kaa'anneerra.
Argannoon keenya ''kan nama rifachiisudha'' jechuun ibsuun, namoonni ''heyyama malee qoricha kennuudhaan to'ataman humni seeraa guutuun itti dhaga'amuu qabaata'' jedheera.
Himata keenya, kilinika isaa baha Landanitti isa arguudhaan qaamaan Riik Saawyer'f dhiheessuuf yaalle.
Akkuma kaameraa argeen balbala nutti cufuudhaan duuban dhokkachuu yaale.
Qoricha ajaja ogeessa fayyaa qofaan kennamu qaban kennuudhaan seera cabsaa jiraachuu, akkasumas dhimma dubartoota miidhaan cimaanmudateen kunuunsa hatattamaa barbaachisuu dubbatan irratti waan jedhu yoo qabaate jennee gaafanne.
"Lakki" jechuun akka deemnu nutti hime.
Balaan baqaqsanii hodhuu miidhaginaa qajeelfama malee raawwatamu sirriitti cimsamee ilaalamuu qaba jetti Ashtoon Kooliins.
"Ilaalchi waliigalaa ati hubattu kun dubartoota gowwaa filannoo gowwaa raawwachuun, waanuma hin taane keessa socha'an, badii mataasaaniiti," kan jedhuudha.
Ilaalchatu jijjiiramuu qabaata, itti dabaluudhaan: "Namoonni lubbuu namootaa balaadhaaf saaxiluu jiru," jechuun dubbatti.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












