MM Abiy uummatni malaammaltummaa akka saaxilu waamicha godhan

Ministira Muummee Abiy Ahimad

Madda suuraa, Abiy Ahimad

Mootummaan Itoophiyaa malaammaltummaarratti duuluuf koree biyyaalessaa ijaaruu waajirri Ministirri Muummee Abiy Ahimad beeksise.

''Malaammaltummaan ammaan tan yaaddoo nageenya biyyaalessaa ta'eera'', ibsichi.

Ibsi hundeeffama koree biyyaalessaafi miseensota koree kanaa ibsuuf fuula marsaalee hawaasaa Ministira Muummee Abiy irratti baheen ''Yeroo adda addaatti marii hawaasa waliin godhameen haala yaaddoo nageenyaan qixa ta'een malaammaltummaan gufuu imala badhaadhinaa keenya ta'uu kaasaniiru'' jedha.

Yakki malaammaltummaa guddaan gama kenninsa tajaajilaa, dhimma lafa wajjin walqabateen, damee faayinaansii, adeemsa bittaafi gurgurtaa, waltajjiiwwan haqaa, dhaabbilee misoomaa fa'atti mul'achuus ibsa.

Itoophiyaan amma dura Komishinii Farra Malaammaltummaa hundeessitee qabaattus hamma irraa eegamu hin bahanne jedhamuun qeeqama. Aangoon labsiin kennameefis hubannaa kennuufi eeruu fudhachuu fa'atti daangeffame.

Ibsi waajira Ministira Muummee kunwaraanniifi weerarri koronaa xiyyeeffannoo mootummaa fudhachuu hubachuun malaammaltootni neetwoorkii jabeeffatanii ''Itoophiyaa kuffisuuf hojjechaa jiraachuu mariin uummata waliin godhameefi qorannoon agarsiiseera'' jedha.

''Mootummaan gama nageenyaan akkuma godhe malaammaltummaa irrattis opireeshinii keessa deebii hin qabne gaggeessuu akka qabu bu'aan qo'annoo godhamee ni akeeka.''

Mootummaan seerota, qajeelfamootaafi dambiiwwan malaammaltummaaf qaawwa uuman duuchuuf ni hojjetas jedhameera. Dabalataanis aanga'oota mootummaa dabalatee kanneen gocha kana keessatti hirmaatan saaxiluufi seeratti dhiyeessuun ni hojjetama.

''Mootummaan akka qorannoon irra gaheen aanga'oota mootummaa, hojjettoota mootummaa kanneen malaammaltummaa kana gidduu deemuun si'eessan, kanneen matta'aa kennan irratti qorannoo gaggeessaa jira.''

Koree biyyaalessaa ijaarame kanaaf miseensotni nama torba kan muudaman yoggaa ta'u, hogganaan waajira Tika Biyyaalessaa obbo Tamsagan Xurunaa fi Ministirri Haqaa biyyattii Dr Geediyoon Ximootiwoos ni argamu.

MM Abiy ibsa isaanii kanaan uummatni namoota malaammaltummaan shakku ragaa waliin koree kanaaf eeruu akka kennu sarara bilbilaa bilisaafi toora ergaa gabaabaa ifa godhaniiru.

''Eeruuwwan kennaman nageenya warra eeruu kennee haala tiksuun eeggannoon iccitummaa isaa eegeen qoratama.''