Waliigalteen nagaa maaliif Ministira Muummee Abiy'f ‘injifannoo’ ta’e?

Madda suuraa, FANA BROADCASTING CORPORATE
- Barreessaa, Aleeks Da waal
- Gahee, Xinxalaa Afriikaa
Waraanaa waggoota lamaaf Kaaba Itoophiyaatti badii olaanaa qaqqabsiisetti dhuma gochuuf mootummaa fi TPLF jidduutti waliigalteen nagaa mallatteeffame biyyoonnii fi dhaabbileen idil-addunyaa haala gaariin simatan.
Gaaffii jiru garuu kun milkaa'aa laata? kan jedhudha.
Erga waliigalteen nagaa Afrikaa Kibbaa Piritoriyaatti mallattaa’een guyyaa tokkoon boodas gaarreen Tigraay irratti dhukaasni meeshaalee gurguddaa dhagahamuu itti fufee jira.
Kaayyoon waliigaltee waraana dhaabuu tibbana mootummaan Itoophiyaa fi TPLF mallatteessan kunis kan oppareeshinii waggaa lamaan dura MM Abiy Ahimad ''tarkaanfii seera kabachiisuu'' jechuun eegalaniin kan wal simuudha.
Haala waliigaltichaatti adeemsi tarree loltoonni TPLF hidhannoo hiikachiisuu gaggeeffamu ni jiraata.
Waliigalteen kunis kan mallatteeffamee ‘‘mootummaa Tigraay’’ waliin osoo hintaane, Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) waliin ta’unsaa olaantummaa Abiy kan agarsiisee fakkaata.
MM Abiy filannoo bara 2020 Tigraay keessatti gaggeeffamee TPLF ittiin moo’atee ture diduun filannoo haaraa gaggeessuuf karoorfataa jira.
Mootummaan Federaalaa TPLF guutummaatti harka akka kennu barbaadulleen kun osoo hin ta’iin tureera.
TPLF galmee shororkeessaa irraa haquun, gara fuula duraa haala Tigraay ittin buluu dandeessurratti TPLF waliin marii siyaasaa taasisuuf waadaa gale.
Waaliigaltichis qaamoleen lamaan olaantummaa heera mootummaa jiruun akka bulan cimsee jira.
Kunis dhimma tibba jalqaba waraanichaatii kaasee humnootii Amaaraatiin qabamee kan jiru lafa gabbattaa Lixa Tigraay haaluma heera mootummaatiin furuu kan dabalatuudha.
Haata’u malee osoo deebiin hin kennamiin dura, bulchiinsi Tigraay ykn kanneen achirraa buqqaafaman deebisuu ilaalchisee wanti jedhame hin jiru.
Kutaan waliigaltichaa dhiyeessii deeggarsa namoomaa ilaallatu beela lubbuu namoota hedduu galaafateef deebii ta’u ni danda’a.
Waraannii waloo Itophiyaafi Ertiraa akkasumas humnootiin Amaaraa waggoota lamaaf daandii cufuun beela keessa turusaanii dureewwan Tigraay hubataniiru.
Aanga’oonni Tigraay murtee kanarra kan gahan jiraachuufi jiraachu dhabuu uummata Tigraay hubannoo keessa galchuun fakkaata.
Waxabajjiirratti waraanichi deebi’ee ka’usaa hordofee namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman hojii qonnaasaanii hojjachuu hin dandeenye buqqaafamaniiru.
Namoonni dhukkuboota wallaanamanii irrraa hafu malaniin du’aa jiru.. Hospitaalonnis qorichoota bu’uraa akka insuliinii fi kanneen infekshinii dhorkan fixataniiru. Rakkoon kunis kan dhuma qabu hin turre.

Madda suuraa, Getty Images
Gaaffiilee bu’uuraa
Gaaffiilee deebii hin argatiin hedduutu jira. Isaan keessaayis sadi ijoodha.
Kan jalqabaa dhimma Ertiraati.
Ragaan warra lixaa irraa argame akka mul’isuutti yoo ta’e, kan sarara loltoota Tigraay kan bittinsu, tarkaanfii waraana waloo Itoophiyaa fi Ertiraa kan ajaja Asmaraa irraa fudhatudha.
Waliigaltee nagaa kana irratti maqaan Ertiraa hin eeramne. Haata’u malee waliigalticha irratti jechi ‘‘humnoota alaa waliin wal ta’u’’ jedhu boqonnaa tokko keessatti barraa’eera. Kun kan Ertiraa ilaallatu ta’u mala.
Baayyeenis mootummaan feederaalaa kana kabaju isaarratti shakkii qabu. Waliigalticha keessatti pirezidantiin Ertiraa Isaayaas Afawarqiin, MM Abiy Waliigaltee kamuu haa taasisan malee waraanicha itti fufsiisuu ni danda’u.
Dhimmi lammaffaan hordoffiifi mirkanneessuudha
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliiglteen kun warra lixaa alaalumatti tursiisuuf Itoophiyaadhaaf injifannoo tarsiimooti. Waliigalticha hordoofuu, qulleessuufi haala hojiirra olmaa isaa haaluma waliigaltichaatti ta’u mirkanneessuuf gareen miseensoota 10 qabu pirezidantii duraanii Naayijeeriyaa Oluusegoon Obaasaanjoof gabaasa taasisu.
Obaasaanjoon ammo gabaasa kan taasisan dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa Musaa Faakiitiif.
Mana maree nageenyaafi Tika Gamtaa Afrikaatiif illeen miti. Mootummoonni Gamtooman gutummaatti loogeffamaniiru.
Gabaasaaleen sarbamaa fi waldhabdee kan furaman namoota lamaan qofaadha; Obaasaanjoo fi Musaa Faakii.
Waliigalteewwan nagaa akkasiin eddoon olaanaan kennamuuf deeggartoota idil-addunyaa dabalatee hordoffiin akka taasifamuf hayyamuun kan barameedha.
Gamtaan Afriikaa Mootummoota Gamtooman, Ameerikaa fi IGAD waliigalticha akka taajjabaniif hayyamulleen eenyumti isaaniiyyuu waliigalticha hin mallatteessine.
Gamtaan Awurooppaa Gamtaa Afriikaatiin deeggaraa olaanaa ta’ulleen, waliigaltee nagaa akka hin taajjabneef dhorkameera.
Kana ta’ees Itoophiyaa fi Gamtaan Afriikaa deeggarsi hawaasa addunyaa isaan barbaachisa. Itoophiyaan gama isheetiin deeggarsa alaa olaanaatu ishee barbaachisa.

Madda suuraa, AFP
Qabxii sadaffaan haqaa fi ittigaafatamummaa mirkaneessudha
Waliigaltichi mootummaan Itoophiyaa ‘‘Imaammata sirna ce’umsa biyyaalessaa waliigalaa’' akka qopheessuu kaa’eera.
Haata’u malee, dhaabbileen akka Kaawunsiilii Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii ykn Komishiniin Mirga Namoomaa Afrikaa akka qorattootaatti hin eeramne.
Obaasaanjoon sanadiin waliigaltichaa wayita mallattaa’u argu danda’unsaanii tarkaanfii tokko ta’ulleen, hojiirra oolchuuf garuu hojii guddaa haafata.
Abdii nagaaf jiruu, ajjechaa Tigraayiitti raawwatamu, fi beela dhaabuuf akkasumas tasgabbiin biyyattiin kan irratti bu’uurreffate fedhii mootummaa federaalaa irratti.
Qormaanni jalqabaa TPLF fi mootummaan ‘‘holoolawwan dubbii barbaachaa, kakaasuuwwanii fi haasawwan jibbaa’’ dhaabsiisuuf waliigaluuf ibsa waloo baasuudha.
‘Keewwatawwan waliigaltichaa mataa gadi nama qabsiisan’
Dhalattoonni Tigraayi biyya keessaa fi biyyaa alatti argaman waliigaltichatti gammadoo miti.
Hoggantoonni waraanaa hidhattoota Tigraay muraasni ‘waliigaltee qaanessaa’ kana hin fudhannu jechuun riphee loltummaadhan itti fufuu filachuu malu.
Hawaasni idil-addunyaa hedduun MM Abiy Ahmad carraa yoo argatan biyyattii gara nagaa, tasgabbii fi dimokiraasitti ceessisuuf fedha qabu jechuun amanu.
Lammiilen Itoophiyaa gama isaanitiin tooftaan Tigraayitti hojiirra oole naannolee biroo kanneen akka Oromiyaattis hojiirra ooluu mala kan jedhu sodaa qabu.
Walii galteen kun MM Abiy Ahmad Itoophiyaa maraammartoo rakkinaa keessa baasuu danda’u abdii jedhamuun mallatteeffame.
Abdiin jalqabaa Kamisa darbe irraa kaasee sagaleen dhukaasaa hin dhagahamu kan jedhu ture. Garuu kun hin taane.
Guyyaa kaleessaa Kamisa waraanni Itoophiyaa fi Ertiraa kallattii sadiin waraana cimaa gaggeessaa ooluu isaanii odeeffannoon naannichaa bahan ni ibsu.
Bakkeewwan humnooti Tigraay qabatan gadi lakkisiisuf lola guddaa gaggeessaniiru.












