Waliigaltee nagaa Itoophiyaa keessatti haqi warra miidhamaniis ilaalamuu qaba-Amnastii, HRW

Dubartootaafi daa'imman waraana baqatanii dahoo jiran

Madda suuraa, Getty Images

Jaarmiyaaleen mirga dhala namaaf falman Amnastii Intarnaashinaal fi Hiyuuman Raayitis Waach, waliigalteen dhukaasa dhaabuu mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti Afrikaa Kibbaa, magaalaa Piriitooriyaatti irra ga'ame haqa namoota miidhamaniis kan eegu ta'uu qaba jechuun gaafatan.

Amnastii Intarnaashinaalitti Daayirektarri Damee Bahaa fi Kibba Afrikaa Muleya Mwananyanda,''dhukaasa dhaabuuf waliigalteen mallattaa'e tarkaanfii abdachiisaa ta'us, garuu erga waraanni eegalee yakka dhala namaarratti raawwateef haqa barbaaduurratti hanqina qaba. Tooftaan ittiin hanqina kana sirreessan jiraachuu qaba,'' jedhan.

''Kanneen waraana kana keessatti hirmaatan hunduu yakka dubbachuuf nama rakkisu raawwataniiru, kan argan hunda ajjeesuu, yakki gudeeddii fi qabeenya barbadeessuun yakkoota raawwataman keessaa muraasa. Yakkoonni raawwataman kunneen callifamuu hin qaban.''

Waliigalteen kun akkaataa yakkamtoota waraanaa itti gaafatamtoota gochuun danda'amurratti daandii mijeesse tokkollee dhabuun, rakkoo jiru daran hammeessuun yakki biraan akka raawwatamuuf haala mijeessa jechuun yaaddoo qaban ibsan.

Mootummaan Itoophiyaa haqi akka mirkanaa'u yoo barbaade qorattoonni walabaa danqaa tokko malee seenanii akka dhiittaa mirga namoomaa raawwate qoratan akka iyyau gaafatan.

Hiyuuman Raayitis Waach gamasaatiin waliigalteen dhukaasa dhaabuu Roobii darbe (Sadaasa 02, 2022) mallatteeffame waraanni lubbuu dhala namaa hedduu gaaga'e akka obba'uu fi hawaasi idila addunyaas miidhaa hanga yoonaa qaqqabe akka hordofuuf daandii kan saaqeedha jechuun ibsa baase.

Jaarmiyaa kanatti Daayirektarri damee Afrikaa Carine Kaneza, Waliigalteen kun erga mallatteeffamee booda hawaasi idila addunyaa kanneen waraana keessatti hirmaatan qixa sirrii ta'een hordofuun yakki dhala namaarratti raawwatu akka dhaabbatuu fi itti fufee yakki biraan raawwatamuu akka hin qabne gaafatan.

Hiyuuman Raayitis Waach ibsa isaa kanaan kanneen waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana keessatti hirmaatan hundi dhiittaan mirga namoomaa akka hordofamu hojjechuu qaba jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa fi qondaaltonni Tigraay mirga dhala namaa dhiibuurraa of qusachuu akka qabanis dhaame.

Jaarmiyaan kun waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf ture keessatti yakkoonni akka jumlaan ajjeesuu, miidhaa saalaa, nama hunda bakka arganitti ajjeesuu, haleellaa qilleensarraa fi qabeenyaa barbadeessuun loltoota Itoophiyaa, Ertiraa fi TPLFn raawwatamuu ragaa qabatee akka jiru ibseera.

Waliigalteen kun haala Lixa Tigraay kan ilaale miti kan jedhu Hiyuuman Raayitis Waach, bakki garuu iddoo uummanni akka lafarraa baduuf gosaan filamee itti ajjeefamaa ture waan ta'eef xiyyeeffannoo argachuu qaba jedhe.

Mootummaan federaalaa fi naannolee qaamoleen walabaa bakka dhiittaan mirga namoomaa hammaatetti seenuun akka qorannoo gadi fagoo gaggeessan haala akka mijeessan gaafateera jaarmiyaan kun.