Obbo Taayyee Danda'aa hidhaa waggaa meeqaan adabaman?

Manni Murtii dhaddacha har'a taa'een Obbo Taayyeen yakka meeshaa waraanaa seeran alaa qabatanii argamuun hidhaa cimaa waggaa 7fi ji'a lama akkasumas birrii 5,000 akka adabaman murteessera.
Deetaan Ministeera Nagaa duraaniifi miseensi Caffee kun Labsii Bulchiinsafi To'annoo Meeshaa Waraanaa 1177/12 keewwata 4 (1) fi 22 (3) jalatti himatamanii dhimmisaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti murtiitti ilaallamaa turuunsaa ni yaadatama.
Himanni kun Obbo Taayyeen meeshaa waraanaa heeyyama hinqabne kilaashiin tokko, kaazinaa kilaashii lama fi rasaasa kilaashii 60 mana isaanitti argameera kan jedhudha.
Abukaatoo Obbo Taayyee kan ta'an Obbo Abarraa Nigus, "Ragaaleen ittisaa dhagahamuu qaban saditu turan. Isaan bifa sirrii hintaaneen osoo hin dhagahamin darbameera. Murtee manni murtii murteessu kabajnus komii qabna" jechuun BBC'tti himaniiru.
- Odeessi akkanaa yeroon akka isin bira gahu Chaanaalii WhatsApp asiin hordofaa.
Falmiin ture maali?
Himata dhimma meeshaa waraanaa seeraan alaa mana Obbo Taayyee Danda'aatii argameera jedhurratti Abbaan Alangaafi Obbo Taayyeen wal falamaa turaniiru.
Falmii tureenis Abbaan Alangaa dhimmicharratti ragaaleen namaa lama mana murtittii dhiyaatanii jecha akka laatan taasisuunsaa ni yaadatama.
Obbo Taayyeen gama isaaniitiin eegdonni isaanii irraa ka'uu hordofee 'yaaddoo nageenyaa qaban' Komishinara Itti Aanaa Poolisii Federaalaa Malaakuu Fantaa mariisisuu isaaniifi, meeshaa waraanaa hidhachuuf Waajjira Ministira Mummeetii xalayaa akka barreessifatan komishinarichi itti himuusaanii mana murtiitti dubbatanii ture.
Sana boodas dhaabbata itti hojjetan Ministeera Nagaatti waqtii sanatti ministira kan turanfi amma Ambaasaaddara kan ta'an Binnaalf Andu'aalam xalayaa akka barreessaniif gaafachuu isaaniis himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee, 'xalayaa malee afaanumaan haasa'uun wayya' jedhamuun meeshaa waraanaa barbaadanii akka hidhatan waliigalamuu dubbatan.
Haaluma kanaan meeshaa waraanaa kilaashii tokko fira irraa argachuu isaaniifii kaazinaa (qabduu rasaasaa) lama waliin bara 2015 keessa hidhachuusaaniifi heeyyama osoo itti hingodhatin to'atamuusaaniis dubbatan.
Dabalataan Obbo Taayyeen dhimma kana ni beeku kan jedhan Ministira Mummee Abiy Ahimad, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee, Ambaasaaddar Binnaalf Andu'aalam, Komishinara I/Aanaa Malaakuu Fantaa fi Ministira Magaalaafi Bu'uraalee Misoomaa kan ta'an Caaltuu Saanii akka ragaa ittisaatti waammatan.
Haata'u malee, mana murtiitti dhiyaachuun jecha kan laatan Ambaasaaddar Binnaalf Andu'aalam fi Komishinara I/Aanaa Malaakuu Fantaa qofadha.
Ragaaleen ittisaa hafan sadeen jecha osoo hinkennin hafuunsaaniis Obbo Taayyeerratti murteen balleessummaa akka muramuuf gumaacha olaanaa taasiseera jedhanii akka amanan abukaatoon himatamaa Obbo Abarraan himaniiru.
"Manni Murtii gama rejistiraaraan isaan dhiyeessuuf yaalii irra deddeebii taasisus hin milkoofne. Gama Poolisii Federaalaan waraqaan waamichaa akka isaan qaqqabu yaalames dhiyaachuu hindandeenye.
Kunimmoo mirga heeraa ofirraa ittisuu maammilakoo irratti miidhaa qaqqabsiisera" jedhan.
Haaluma kanaa "Murtee mirga ittisuu keenya isa bu'uuraa darbuun kenname waan ta'eef murtees ta'e balleessummaa ni mormina" jedhan.
Dabaluunis "Adabbiin kenname barsiisaadha jennee hin amannu. Adabbii akka malee ol ka'etu kenname jennee amanna" jedhan.
Kanaafis dhimmicharratti oliyyannoo akka dhiyeeffatan Obbo Abarraa Nigus BBC'tti himaniiru.
Gama biraatiin Abbaan Alangaa torbeewwan muraasa dura Obbo Taayyeerratti himatawwan haaraa sadi hundeessuunsaa ni yaadatama.
Himatawwan sadeen kana Obbo Taayyeen kan morman yemmuu ta'u, ALI Mudde 8, 2018'titti beellamni qabamuunsaa ni yaadatama.
Taayyee Danda'aa eenyu?
Namni siyaasaa Obbo Taayyee Danda'aa, kaaniif goota, kaaniif ammoo rincicaadha jechuun isaan qeequ. Qeeqxonni paartii isaanii keessa jiranimmoo nama ''siyaasni hin galiiniif'' jedhuun.
Kunis ta'u miidiyaa hawaasummaa gara caalu dirree sagalee mormituu ta'eerratti aangawoota siyaasaa ija jabaatanii kataban keessaa adda dureedha.
Waan amanan ifatti dubbatu, afoolaan ergaa dabarfatu. Akka isaan jedhanitti duulli, himannaa, komiin, arrabsoofi doorsisoon 'girrisaa' isaan hin dhiphisu.
Bara mormii ummataa rogeessa siyaasaa turan. Boodarra aangootti dhufanii qondaala paartii biyya bulchuufi aangawaa olaanaa mootummaa ta'uun tajaajilan.
Duris, aangoo qabatanis waan itti fakkaate, waan itti amanan dubbachuu garuu hin dhiifne.
Boodarra dhimma nagaa irra deddeebiin kaasuu isaaniin dura yeroo waraana kaaba Itoophiyaa waraana deeggaraa turan. Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan 'Shanee' jedhurrattis himannaa jabaa katabaa bahan.
Morkattoota isaanii qofa osoo hin taane aangawoota olaanoo Naannoo Oromiyaa kaayyoorraa goran jedhan qeeqanis katabaniiru. Ittis qoratamaniiru.
Barataan Seeraa duraanii Yunivarsiitii Finfinnee kun, mootummaa keessas ta'anii bulchaa Itoophiyaa leellisaa bahan jecha jabaan qeeqan.















