Obbo Taayyee Danda'aa himatawwan haaraa dhiyeenya irratti banaman sadeen morman

Madda suuraa, SM
''Mirgi himatamuu dhabuusaanii osoo irraa hin ka'in himatamuu hin danda'an" jedhan abukaatoo Obbo Taayyee Danda'aa.
Deetaan Ministeera duraaniifi miseensi Caffee oromiyaa Obbo Taayyee Danda'aa, mirgi himatamuu dhabuusaanii Caffeedhaan osoo irraa hin ka'in himatawwan haaraan sadi irratti banamuun sirrii miti jechuun morman.
Aangorraa erga kaafamanii booda hidhamuun himatawwan garagaraa irratti banamee kan ture Obbo Taayyeen, himatawwan sadi torbee tokko dura irratti banaman ilaalchisee mormii himataa dhiyeeffachuusaanii abukaatoonsaanii himaniiru.
Dhimmi Obbo Taayyee, Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa kan jiru yemmuu ta'u, dhaddacha har'aatiinis dhimma mirga wabii ilaalchisee Obbo Taayyee/abukaatoosaaniifi Abbaa Alangaa gidduutti falmiin taasifameera.
Himatawwan haaraa Obbo Taayyeerratti saaqaman sadeen ilaalchisees yaadawwan mormii himataa 4 dhiyeeffachuusaanii abukaatoonsaanii Obbo Abarraa Nigus BBC'tti himaniiru.
Mormiiwwan himataa dhiyeessan keessaa inni tokkos mirga himatamuu dhabuu maamilasaaniin kan walqabatu akka ta'e dubbatan.
"Mormiin himataa dhiyeessine 'Obbo Taayyeen miseensa Caffee Oromiyaati. Heera federaalaanis ta'e Oromiyaatiin miseensa Caffee yookiin miseensa mana maree tokkorratti himata dhiyeessuuf yookiin shakkiidhaan to'achuuf mirgi himatamuu dhabuu ka'uu qaba" jedhan.
Haaluma kaanan Obbo Taayyeen bara 2016 keessa wayita himanni irratti banamutti mirgi himatamuu dhabuusaanii Caffeedhaan irraa kaafamee akka ture himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Himata amma irratti banameerratti garuu Caffeen hin mari'anne, adeemsi mirga himatamuu dhabuu kaasuus hin raawwatamne" jedhan.
Maamilli isaanii ammallee miseensa Caffee Oromiyaa waan ta'aniif mirga himatamuu dhabuusaanii Caffee Oromiyaatiin osoo hin kaasisin himanni irratti dhiyaachuun sirrii akka hintaanes Obbo Abarraan himu.
"Himanni amma irratti dhiyaate haasaa isaanii bara 2017 keessa 'Horn Conversation' irratti tamsa'eni. Abbaan Alangaa himata osoo hindhiyeessin dura 'himata hundeessuuf ragaa gahaa arganneerra' jedhee mirgi himatamuu dhabuu Obbo Taayyee akka ka'uuf barreeffamaan Caffee oromiyaa beeksisuu qaba. Kuni hin raawwatamne" jedhan.
Kanaafis himatichi kufaa taasifamuu akka qabu dubbatan.
Gama biraatiin Obbo Taayyeen kanaan dura "qabiyyeefi keewwata walfakkaataan" himatamanii bilisa jedhamaniiru kan jedhan Obbo Abarraan, "yaada ijoo, qabiyyeefi keewwata walfakkaataa eeruun dararaa biraa uumuun sirrii miti jechuun mormii himataa dhiyeessineerra" jedhan.
Mormiin himataa dhiyeessan Abbaa Alanqaa qaqqabuusaa himuunis, Abbaan Alangaas mormii himataa dhiyaaterratti deebii akka laatuuf Mudde 8, 2018'tti beellamni qabamuu himaniiru.
Dhimma mirga wabii
Obbo Taayyee Danda'aa mirgi wabii eegameefii akka bahaniif gaafii mirga wabii dhiyeeffachuu kan himan abukaatoonsaanii Obbo Abarraan, Abbaa Alangaa waliin falmii 'cimaa' taasisuu himan.
"Falmiin ijoon (Abbaan Alangaa) dhiyeesse 'Obbo Taayyeen himata amma ittiin himataman keessattuu gaafif deebii 'Horn Conversation' waliin taasisaniin fudhatama ummataa olaanaa ta'e argataniiru. Ummanni akka gootaatti isaan ialaalaa jira. Kanas yaadawwan (comment) gaafif deebii 'Horn Conversation' waliin taasisan jalatti kennaman ni mul'isu. Kanaaf hidhaadhaa yoo bahan sochii naga-qabeessafi seeraa taasisaninis ta'u ummata nurratti kakaasu, mootummaarratti rakkoo ni uumu. Kanaafuu hidhamanii yaa morman' kan jedhu kaase" jedhan.
Isaan gama isaaniitiin murteewwan dhaddacha ijibbaataa fi falmiiwwan seeraa dhiyeessuusaanii kan himan Obbo Abarraan, Abbaan Alangaa yaada gama isaaniin ka'e falmuusaa himaniiru.
Manni Murtichaas yaada falmii garee lamaanii qoratee dhimma mirga wabiirratti murtii laachuuf Mudde 8'titti beellama qabateera.
Himatawwan haaraa sadeen maali?
Himatawwan haaraan Abbaan Alangaa Obbo Taayyee Danda'aarratti bane sadeenis gaafif deebii Obbo Taayyeen toora miidiyaa hawaasaa 'Horn Conversation' jedhamu waliin taasisanfi hidhaarra osoo jiranuu tamsa'e jedhamerratti kan xiyyeeffatan akka ta'an abukaatoonsaanii kanaan dura BBC'tti himaniiru.
Himatawwan haaraa sadeen keessaa inni jalqabaa himata Obbo Taayyeen kanaan dura bilisa ittiin jedhaman keessaa isa tokko waliin akka walfakkaatu eeruun, himanni kunis Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 257 kan ilaallatu akka ta'es Obbo Abarraan dubbatanii ture.
Himanni jalqabaa "Humnootii biroo waliin waloomuun hookkara kaasuun mootummaa filame humnaan diiguu kan jedhudha" jedhan.
Himanni inni lammaffaan immoo Raayyaa Ittisaa ilaalchisee odeeffannoo sobaafi dogongorsiisaa ta'e dubbataniiru kan jedhudha.
Himanni kun "Haleellaa Izzii Kaabaa (Raayyaa Ittisaa) irratti raawwatamefi dhimmoota biroo ilaalchisee odeeffannoo dogongorsiisaafi soba ta'e kennaniiru. Kunis miidiyaa hawaasaa 'Horn Conversation' jedhamuun tamsa'e" kan jedhu akka ta'e Obbo Abarraan himaniiru.
"Himanni sadaffaan immoo gaafif deebii 'Horn Conversation' waliin taasisanfi kutaalee sadiin tamsa'erratti sirna seeraan hundaa'erratti duula gochuun yakka mootummaa biyyattii sarbuu kan jedhudha" jedhan.
Himanni Obbo Taayyeerratti saaqame inni lammaffaan Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 337 kan ilaallatu yemmuu ta'u, himanni sadaffaan immoo keewwata 244 kan ilaallatu akka ta'es dubbatan.
Himata dhimma meeshaa waraanaa
Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Dhaddachi Ramaddii Lidataa dhaddacha ALI Sadaasa 3, 2018 taa'een Obbo Taayyee himatawwan kanaan dura irratti banaman sadi keessaa lamaan bilisa jechuun himata sadaffaa 'heeyyama malee meeshaa waraanaa qabatanii argamaniiru' kan jedhuun murtee balleessummaa irratti muree ture.
Himata kana ilaalchisees Abbaan Alangaa yaada adabbii cimsu, himatamaan/abukaatoon immoo yaadawwan adabbii salphisan kan dhiyeessan yemmuu ta'u, "manni murtichaa yaadawwan dhiyeessine qorachaa tureera" jedhan Obbo Abarraan.
Dabaluunis "yaadawwan adabbii salphisan dhiyeesinerratti ragaaleen (galmee keessatti) hinqabsiisne waan tureef ragaalee kunneen akka dhiyeessinuuf beellamni nuuf laatameera" jedhan.
"Obbo Taayyeen jalqaba yemmuu to'atamanitti qofaasaanii ji'a afuriif mana dukkana keessatti hidhamaniiru" kan jedhan Obbo Abarraan, kunis ijasaaniirratti rakkoo fayyaa qaqqabsiisuufi kunis akka yaada adabbii salphisutti akka qabamuuf iyyachuu himan.
Kanaafis manni murtichaa ragaa haala fayyaa ijasaanii mul'isu akka dhiyeessan ajajuusaa himaniiru.
Haaluma kanaan Manni Murtichaa yaadawwan adabbii salphisanfi cimsan qoratee murtee laachuuf ALI Sadaasa 26, 2018'tti beellama qabateera.












