Obbo Taayyee Danda'aa irratti himatawwan haaraa sadii banaman

Madda suuraa, SM
Abbaan Alangaa Obbo Taayyee Danda'aa irratti himatawwan haaraa sadi banuusaa abukaatoonsaanii himan.
Guyyoota 10 dura himatawwan lamaan bilisa jedhamanii himata tokkoon murteen balleessummaa kan itti murame Deetaan Ministeera Nagaa duraanii Obbo Taayyeen, himatawwan haaraa sadi irratti baname.
Abukaatoo Obbo Taayyee Danda'aa kan ta'an Obbo Abarraa Nigus, "himatawwan haaraa saditu irratti saaqame, himanni kun har'a nu qaqqabe" jechuun BBC'tti himan.
Himatawwan haaraa banaman sadeenis gaafiif deebii Obbo Taayyee Danda'aa toora miidiyaa hawaasaa 'Horn Conversation' jedhamu waliin taasisanfi hidhaarra osoo jiranuu tamsa'e jedhamerratti kan xiyyeeffatan akka ta'anis himaniiru.
Himatawwan haaraa sadeen keessaa inni jalqabaa himata Obbo Taayyeen kanaan dura bilisa ittiin jedhaman keessaa isa tokko waliin akka walfakkaatu eeruun, himanni kunis Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 257 kan ilaallatu akka ta'es Obbo Abarraan himaniiru.
Himanni jalqabaa "Humnootii biroo waliin waloomuun hookkara kaasuun mootummaa filame humnaan diiguu kan jedhudha" jedhan.
Himatawwan haaraa angawaa duraanii kanarratti saaqaman keessaa inni lammaffaan immoo Raayyaa Ittisaa ilaalchisee odeeffannoo sobaafi dogongorsiisaa ta'e dubbataniiru kan jedhu akka ta'es himan.
Himanni kun "Haleellaa Izzii Kaabaa (Raayyaa Ittisaa) irratti raawwatameefi dhimmoota biroo ilaalchisee odeeffannoo dogongorsiisaafi soba ta'e kennaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kunis miidiyaa hawaasaa 'Horn Conversation' jedhamuun tamsa'e" kan jedhu akka ta'e Obbo Abarraan himaniiru.
"Himanni sadaffaan immoo gaaffif deebii 'Horn Conversation' waliin taasisaniifi kutaalee sadiin tamsa'erratti sirna seeraan hundaa'erratti duula gochuun yakka mootummaa biyyattii sarbuu kan jedhudha" jedhan.
Himanni Obbo Taayyeerratti saaqame inni lammaffaan Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 337 kan ilaallatu yemmuu ta'u, himanni sadaffaan immoo keewwata 244 kan ilaallatu akka ta'es dubbatan.
Himata dhimma meeshaa waraanaa ilaallatu
Aangoorraa erga kaafamanii booda hidhamanii himatawwan sadi kan irratti saaqamee Obbo Taayyee Danda'aa, dhimmasaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti hordofaa jiru.
Manni murtichaas dhaddacha ALI Sadaasa 3, 2018 taa'een himatawwan lamaan bilisa jechuun himata sadaffaa 'heeyyama malee meeshaa waraanaa qabatanii argamaniiru' kan jedhuun murtee balleessummaa irratti muree ture.
Himata kana ilaalchisees Abbaan Alangaa fi Obbo Taayyeen yaada adabbii akka dhiyeessaniif har'a ALI Sadaasa 15, 2018'tti beellamee ture.
Dhaddacha har'aa irrattis yaadawwan adabbii salphisan 14 ta'an dhiyeessuu kan himan abukaatoon Obbo Taayyee, Obbo Abarraa Nigus Abbaan Alangaammoo yaada adabbii cimsu tokko dhiyeessuusaa himaniiru.
Manni murtichaas yaada bitaaf mirgaa qoratee murtee laachuuf ALI Sadaasa 23, 2018'tti beelama qabateera.
Kana malees Obbo Taayyeen himatawwan haaraa saaqaman sadeen irratti ittisa himataa akka dhiyeeffatanfi mirga wabii ilaalchiseemmoo Abbaa Alangaa waliin falmii tasisuuf guyyaa walfakkaataatti beellamni qabamuusaas Obbo Abarraa Nigus himaniiru.














