Balaa alaafi keessaa tarkaanfiin Tiraamp Iraanirratti fudhate qaqqabsiisu

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Nama nagaa buusu ta'uudhaaf waadaa galuudhaan baatii Amajjii keessaa aangaoo marsaa lammataa kan fudhatan Doonaald Tiraamp, Ameerikaa waldhabdee Israa'eliifi Iraan jidduu galchuuf tarkaanfii falmisisaa fudhatan.

Erga aangootti dhufanii asi Baha Gidduugalee keessatti nagaa buusuurraa fagaataa kan dhufan Tiraamp, ammaa ammoo naannicha gara waraana cimaa Ameerikaan keessatti hirmaattuu taateetti oofaa jiru.

Tiraamp humnootiin Ameerikaa dhaabbilee gabbisa nukilaaraa Iraan sadiirratti haleellaa rawwachusaanii karaa midiyaa hawaasaa isaatiin erga beeksiisanii sa'aatii muraasaan booda haasaa karaa TVn dabarsanii, duulichi ''milkaa'ina dinqiisiisaa'' argamsiiseera jechuun ibsaniiru.

Tarkaanfiin kun Iraan akka abbaa qabeenyaa meeshaa waraanaa nukilaaraa hin taane gochuun nagaa waaraatiif karra akka banu abdiisaanii ibsaniiru.

Iraan gamasheetiin haleellaa dhaabbata nukilaaraa Foordoo baayyee icciitiin eegamurratti raawwatame baayyee gadaanaa akka ta'e dubbatteetti. Dhugaan gama kaniin akka jiru ammatti adda hin baane.

Tiraamp, ittaanaa pirezidantii Jeedii Vaans, ministira dhimma alaa Maarkoo Ruubiyoo fi ministira raayyaa ittisa biyyattii Piit Geegseetiin dabaalamuun haasaa taasisaniin, Iraan saganataa nukilaarashee kan hin dhiifne yoo ta'e, gara fuulduraatti ''haleellaawwan baayyee cimoo'' ta'an mudachuu akka danda'u akekkachiisaniiru.

''Kiyyeefannaawwan haleellaa dhiifne baayyeetu jiru'' kan jedhan Tiraamp, Ameerikaa iddoowwan kanneenirrattis ''haleellaa saffiisaa, sirrii fi kan gahumsa qabu'' akka raawwattuu dubbataniiru.

Tiraamp dorsiisa kana dhageessisaniis waraanni Ameerikaa waraanaa Iraan keessatti hirmaachaa akka itti fufu gochuun Ameerikaa, naannochaafi addunyaadhaa gara haala badaatti kan geessu akka ta'e himamaa jira.

Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteerez, Bahi Gidduugalaa yeroo ammas naannoo ''fiixeerratti argamudha'' jechuun, Ameerikaan walitti bu'iinsicha hammeessuuf murteessuun ishee, ''maraammartoo waldhabdee'' fiduu akka danda'u akeekkachiisan.

Ayaatoolaa Alii Kameenii akkum dhaadatanitti Iraan haleellaa raawwatameef deebii kan kennitu yoo ta'e Ameerikaan ammoo isaaf deebii kennuudhaaf dirqamu dandeessi.

'Torban lamaan' gara guyyoota lamaatti jijjiraman

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp jalqaba torabniirratti Iraan ''haalduree malee harka akka kennituuf'' jechuun haasaa taasisaa kan turan yoo ta'u, amma haala boodetti deebi'uu hin dandeenyee keessa seenaniiru.

Akeekkachiisa kennaa kan turte Iraanis ofiishee haala walfakkaataa keessa galchiiteetti.

Adeemsi qaamoleen waraana jalqabamaniifi babbal'isan to'annootiin alaafi kan tilmaamameen ol bal'ataa kan deemuuf haala kana fakkaatuunidha.

Kamisa pirezidant warra Iraaniif yeroo akeekkachiisaa torban lama ta'u kenneefiif kan ture ta'us, yeroon kenname kun baayyee gabaabbatee gara guyyoota lamaatti jijjiirameera.

Smbata galgala Pirezidant tarkaanfii fudhachuu beeksiseera.

Torban lamaan mariif kenname sossobuuf turee? Maaltu ta'e? Maaltuu akka ta'e baayyee waan beekamu miti.

Wanti haleellaa gaggeeffame kana booda jiru baayyee beekamaa miti. Haata'u malee, Tiraamp ergaa miidiyaa hawaasaafi televizhiniin dabarsaniin karra nagaa banuuf yeroo yaalan mul'ataniiru.

Kun garuu dhimmicha karaa gaarii ta'een ilaaluu ta'uu danda'a. Israa'eloonni humna waraanaa Iraan gadi buusuuf yaalii guddaa taasisanillee, Ayaatolaan ammallee harkasaaniirraa meeshaa ni qabu.

Wanti jiru saffisaan akka hin taane ta'uus danda'a.

Amma maaltu ta'uu akka danda'u baruudhaaf yeroon itti eegan kan dhufe fakkaata.

Iraan Foordoo dabalatee wiirtuuwwan nukilaraashee gurguddoo sadan irratti haleellaa raawwatameef deebii akkamii kennuu dandeessii?

Tiraamp haleellaa Ameerikaan raawwatte gara mariitti ishee fiduuf ni dirqisiisa abdii jedhu waan qaban fakkaata.

Haata'u malee, haleellaa Israa'el jala teessee biyyi hayamamtuu hin taane, haleellaan boombii Ameerikaa yaada ishee jijjiirsisa jedhanii dubbachuun nama rakkisa.

Tiraamp haleellaan Ameerikaa qeenxeefi tarkaanfii milkaa'aa akka ta'e himaa jiru. Kun ta'uu baanaan garuu irra deebiin haleellaan akka raawwatamu dhiibbaan dabaluu danda'a ykn pirezidantichi injifannoo waraanaa xiqqaatiif rakkoo siyaasaa guddaa tarkaanfii fidu kan fudhatan isaan taasisuu mala.

Kufaatii siyaasaa pirezidantii "nagaa buusan " mudachuuf jiru

Rakkoon Tiraampitti dhufaa jiru yaaddoo siyaasa biyya keessaafi gaaffii nageenya idil-addunyaa ilaalllatan dbalata.

yaadni Ameerikaan akka Iraan irratti tarkaanfii fudhattu gochuun warra dimokiraatotarraa qofa osoo hin taane, deeggartoota sochii Tiraamp "dursi Ameerikaaf' jedhu namoota ta'anirraallee qeeqa jabaa kaaseera.

Pirezidaantichi haala hin baratamneen gorsitootasaa itti dhiyoo sadii waliin ajjabamee haasaa biyyaalessaa taasisuun isaa paarticha keessa tokkummaan waan jiru fakkeessuu yaaluuf ta'uu danda'a.

Keessumaa pirezidantiin itti-aanaa Vaans Ameerikaan imaammata dhimma alaa daangeffame akka qabaattu yaada gochuu leellisu.

Dhiyeenya kana gara miidiyaa hawaasaatti bahuun Tiraamp ammallee adeemsa dhimma biyyoota biroo keessa seenuu tarkaanfachiisaa akka hin jirre ibsuun, deeggartootasaa biraa deeggarsi akka kennamuufii qabu yaada dhiyeessaniiru.

Haleellaan ammaa kun tarkaanfii yeroo tokkoo qofa yoo ta'e Tiraamp qoqqoodama deegartootasaa gidduutti dahalate carraa dhiphisuu ni qabaatu. Ameerikaa gara waraana guddaatti kan galchan yoo ta'e garuu michootsa isaarraa mormiin iusaan mudachuu danda'a.

Tiraamp bara aangoosaa jalqabaa keessatti waraana tokkollee jalqabuu dhiisuu isaatiif ija jabinaan qoma dhiibee dubbata. Kana malees, bara darbe duula na filadhaa yeroo gaggeessaa turetti pirezidantota duraanii biyyattii waraana biyyoota alaa keessa galchuun qeeqaa ture. Kanaaf, haleellaan Sambata darbe Iraan irratti raawwatame tarkaanfii dubbii kakaasuudha.

Pirezidant Tiraamp tarkaanfii fudhateera. Tarkaanfiin kun garamitti geessuu danda'a kan jedhu guutuummaan guutuutti harka isaanii keessa jira,