Yuraaniyeemin Iraan gabbiste hedduunsaa ammayyuu jiraachuu mala- UN

Rafaa'el Giroosii

Madda suuraa, Getty Images

Yuraaniyeemiin Iraan baay'ee gabbate haleellaa irraa hafuun ammayyuu jiraachuu akka malu Ejansiin Atoomikii UN beeksie.

UNtti gaggeessaa Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) kan ta'an Raafaa'eel Giroosii akka jedhanitti Iraan yuraaniyeemii gabbiste haleellan jalqabaa akkuma gaggeeffameen bakkichaa miliqsuu akka maltu dubbachuusaanii Rooyitars gabaase.

Lola guyyaa 12 Israa'elifi Iraan gidduutti gaggeeffameen Israa'el irra deddeebin buufataalee nikularaa Iraan haleeltee turte. Booda ammoo US buufataalee kana boombii ulaa lafa jalaa uree seenun haleelte. Haa ta'u garuu, wiirtuwwan gabbisa nikularaa Iraan kanneen irratti miidhan qaqqabe hangam akka ta'e ifa miti.

Gaafa Waxabajjii 13 Israa'el haleellaa gaggeessite sana Iraan meeshaalee nikularaashee oolchuuf jecha "tarkaanfii addaa akka fudhattu" IAEA beeksisuushee gaggeessan ejansichaa himan.

"Akkas jechuunsaanii [warri Iraan] maal jechuu akka ta'e bal'inaan hin ibsine, garuu hiikni isaa ifatti akkasuma [yuraaniyeemii gabbifame] baasuu jechuusaaniti. Kanaaf, meeshaan kun [yuraaniyeemin] achi jira jennee yaaduu ni dandeenya," jechuun dubbatan Raafa'eel Giroosii ibsa gaazexeessitootaf kennaniin.

Kana mirkaneessuf ammoo ogeeyyii IAEA gara Iraanitti deebisanii erguun barbaachisaa ta'uu himan.

Paarlaamaan Iraan gaafa Roobii, Waxabajjii 25, buufataalee nikularaa irratti ejansii UN kanaan qorannoon akka hin gaggeeffamne murtee dabarsus, gaaggeessaan IAEA garuu kaayyonsaanii jalqabaa buufataalee nikularaa Iraan irratti qorannoon akka gaggeeffamu gochuu ta'uu dubbatu.

Ejansiin UN kun Iraan Yuraaniyeemii dhibbeentaa 60 gabbiste keessaa hagamtu akka hafe adda baasuu barbaada. Boombii nikularaa omishuuf yuraaniyeemii dhibbeenyaa 90 gabbisuu gaafata. Iraan garuu kanatti kan dhiyaatu dhibbeentaa 60 gabbisuushee IAEA beeksisee ture.

Yureeniyeemii gabbisuun fayidaa siviliis ta'ee kan waraanaa qaba. Iraan garuu, yeroo hundumaa sagantaan nikularaashee fayidaa anniisaaf malee boombii nikularaa omishuuf akka hin taane beeksisaa turte.

Biyyoota sagantaa nikularaa gabbisan qaban keessaa boombii nikularaa kan qabaniin alatti biyyi kamuu sadarkaa Iraan itti yuraaniyeemii gabbisteen kan gahe akka hin jirre ibse ejansichi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gabaasa IAEA waa'ee gabbisa yuraaniyeemii Iraan ilaalchisee Caamsaa 31 baasen Iraan yuraaniyeemii dhibbeentaa 60 gabbiste kana caalmatti yoo gabbiste yureeniyeemii boombii nikularaa 9 omishu qabdi.

Gamaaggamni jalqabaa tika US akka beeksisetti haleellan US buufata nikularaa Iraan irratti gaggeessite, Iraan nikulara omishuu ji'oota muraasa qofa akka boodatti hambisu, kana jechuun ammoo Iraan sagantaa nikularashee yeroo gabaabaa keessatti akka deebistee eegaluu dandeessu Rooyitars namoota dhimmicha itti dhiyeenyan beekanirraa odeeffadhe jechuun gabaase.

"Bu'uuraalee deebisanii ijaaruu yoo ilaalle...waan yaadamuu miti. Jalqaba, haleellaa sana jalaa kan bahan jiru. Iraan kana akkamitti akka hojjattu beekti. Kana gochuun garuu yeroo ni fudhata," jedhan Raafa'eel Giroosii.

Ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii Kibxata darbe yaada kennaniin, ilaalchi Iraan kana booda sagantaa nikularaa irratti qabdu irratti kallattii akka jijjiirratu dubbatan, garuummoo kallattii kam akka ta'e hin ibsine.

Paarlaamaan Iraan Roobii, Waxabajjii 25, wal-gahii taa'en IAEA waliin hojjachuu dhaabufi tumsa gochuu dhiisuf wixinee dhiyaate raggaasiseera.

Qorannoon ejansiin UN kun gaggeessu kamiyyuu gara fuulduraatti Koree Olaanaa Nageenya Biyyaalessaan akka mirkanaa'u raggaasisu.

Yaadi paarlaaman Iraan raggaasise kun seera ta'ee hojiirra ooluf Koree Eegumsaa (Gurdian Council)dhaan mirkanaa'uu qaba.

Miiidyaan mootummaa Iraan af-yaa'ii mana maree bakka bu'ootaa waabeffachuun akka gabaasetti IAEA gabaasa waa'ee gabbisa yuraaniyeemii Iraan ilaalchisee baasen "fudhatamummaa addunyaarratti qabu busheessera" jechuun gabaasi ejansichaa madaalawaa akka hin taane kaase.

Gama biraan ammoo Iraan Waliigaltee Nikulara Gabbisuu Dhiisuu (Non-Proliferation Treaty) keessaa bahuufis akeekkachiiftee jirti.

Gaggeessan IAEA Raafa'eel Giroosii tarkaanfii Iraan sirrii akka hin taane kaasun, "Kuni Iraan dabalatee eenyuyyuu hin fayyadu. Kuni gara qoollifatamuufi rakkoo garaa garaatti geessa," jedhan.