Waa'ee haleellaa misaa'elaa Iraan buufata humna waraanaa US irratti raawwattee hanga ammaa waan jiru

Buufata Al Udeid samiirraa wayita gadi ilaalamu

Madda suuraa, USAF

Ibsa waa'ee suuraa, Buufata Al Udeid samiirraa wayita gadi ilaalamu

Iraan buufata humna waraanaa US kan Qataar keessatti argamu misaa'elaan haleelteetti. Tarkaanfiin kun haleellaa US buufataalee nukilaraa ishee sadi irratti raawwatte haaloo ba'uuf akka ta'e ibsite.

Kanneen haleellaa Iraan kana ijaan argan sagalee guddaa fi dhohiinsa akkaan nama rifaasisu samii magaalaa Dohaa irraa dhagahamaa akka ture ibsan.

Ammoo viidiyoon wayita sirni ittisa misaa'elaa qilleensarratti misaa'ela Iraan dhukaaste fashalsan mul'isu akkaan qoodamaa ture.

Taateen kun waraanni Baha Giddugaleessaa kun Iraan, Israa'el fi US hirmaachisuun daran hamaatee itti fufuu isaa mul'isa.

Iraan maalirratti qiyyaafatte? Maaliif?

Iraan buufata humna waraanaa guddicha US Baha Giddugaleessaa keessaa qabdu, Al Udeid, jedhamu irratti qiyyafachuun misaa'eloota hedduu dhukaaste.

Buufati Al Udeid naannawa keessatti oppireeshinii humna qilleensaa raawwatamu hundaaf akka wiirtuu ajajaatti gargaara.

Loltoonni Biriteen gariinis dabareedhaan buufata kana keessatti ni tajaajilu.

Haleellaa kana jalqaba miidiyaalee Iraantu gabaasan. Isa booda humni waraanaa mirkaneesse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Damee humna waraanaa biyyattii keessatti aangoo olaanaa kan qabu IRGC irraa ibsi ba'e ''Iraan haleellaa birmadummaa isheerratti raawwatame kamiifuu osoo deebii hin kennin bira hin darbitu,'' jedha.

''US buufataalee humna waraanaa Baha Giddugaleessaa keessaa qabaachuun jabina osoo hin taane saaxilamummaashee dabala,'' jedha ibsi kun.

US jalqaba wayita buufataalee nukilaraa Iraan sadi haleeltu Tehraan akka deebii kennuurraa akka of qusattu akeekkachiistee turte.

Haleellicha booda Pirezidant Doonaald Tiraamp amma nageenyi akka bu'u, Iraan marii dippiloomaasiif balbala ishee akka bantu akeekkachiisanii turan.

Iraan misaa'eloota meeqa akka dhukaaste ragaa sirriin hin jiru. Biyyattiin ja'a jetti, US 14 jetti. Gabaasi Qataar ammoo misaa'eloonni 19 dhukaafamuu mul'isan.

Hundinuu qilleensarratti fashaluu ibsan.

Haleellaan kun mudachuu sa'atiiwwan muraasa dura US fi UKn lammiileen Qataar keessa jiran ''akka of eeggannoo cimsan,'' akeekkachiisanii turan.

Ministeerri Dhimma Alaa US akka jedhutti lammiileen kuma 800 ta'an Qataar keessa jiraatu. Lammiileen Biriteen kumaan lakkaa'amanis achi jiraatu.

Haleellaa Iraan booda maaltu jedhame?

Taateen kun erga Iraan misaa'ela dhukaasuuf dhaadattee osoo baayyee hin turin mudate.

Niwu Yoork Taayimsi qondaalota Iraan sadi wabeeffachuun akka gabaasetti Tehraan miidhaan guddaan akka lubbuu namaarra hin geenyeef jecha maal gochuuf akka deemtu Qataaritti himtee turte.

Pirezidant Tiraamp yaada jalqaba kennaniin ''Iraan dursitee beeksisuun lubbuun akka hin baaneef akkasumas miidhaan qaamaa akka hin mudanneef sababa waan ta'eef haa galatoomtu,'' jedhanii turan.

Haleellaa kanaan ''baayyee laaftuu'' jechuun kan ibsan Tiraamp, lammiin Ameerikaa tokkollee akka hin miidhamnee fi mancaatii salphaan akka mudate ibsan.

''Waan da'an hunda, waan harkasaanii jiru hundaan raawwatan,'' jedhan Tiraamp.

Tiraamp dabaluun amma garuu yeroon kan itti nagaan bu'udha jedhan.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Qataar ammoo haleellaan kun ''tasa akka mudate,'' ibsan.

''Haleellaan kun birmadummaa keenya kan sarbedha,'' jedhan.

Qataar biyya yeroo jalqabaaf haleellaan Israa'el eegalte akka gara waraana hamaatti hin babal'anne akeekkachiistedha jedhan qondaalli Qataar.

Bulchaa olaanaan Iraan Ayaatollaah Alii Kameenii biyyisaanii haleellaa raawwatteen nama tokkollee akka hin miine ibsan.

Ammoo ''biyyi keenya weeraraa fi sarbama mirgaa qaama kamiifuu harka hin kennitu,'' jedhan.

''Nuti mirga eenyuullee hin sarbine. Sarbama kamiifis harka hin kenninu. Kun loojikii lammiileen Iraan ittiin taliigaman,'' jedhan.

Haleellaan Iraan akka hin hafne ifa ture...

Iraan tarkaanfii fudhachuun haaloo akka baatu US eegaa turte. Keessattuu buufata humna waraanaa Qataar jiru irratti akka haleellaa misaa'elaa raawwattu kan eegamu ture.

Haleellaa Iraan dura Qataar yeroof dandii qilleensaa ishee cufuu ibsite. Sana dura ammoo US fi UKn lammiileensaanii akka of eeggannoo cimaa taasisan akeekkachiisanii turan.

Akeekkachiisonni kennamaa turan kunneen haleellaan akka raawwachuuf jiru ifatti hin mul'isne.

US ''of eeggannoo cimsuuf jecha'' akka akeekkachiisa kana kennite ibsite, UKn ammoo warra Ameerikaa hordofuun akeekkachiisa akka baaste ibsite.

Haata'u malee haleellaan sun mudachuu sa'atii tokko dura BBCn ''buufataaleen US haleelamuuf akka jedhan,'' mirkaneeffatee ture.

Gama kaaniin miidiyaaleen US qondaalota biyyattii maqaa dhokfatan wabeeffachuun akka gabaasanitti, misaa'eloonni Iraan bakka irraa gara Qataaritti dhukaafamuu danda'an buufachuu ibsaniiru.

Marsariitiin balalii qilleensaa hordofu xiyyaaronni qubachuusaanii dura of duuba deebi'uu ykn buufata biraa qubachuu agarsiisaa turan.

Flightradar24 akka ibsetti haleellaan Iraan raawwachuuf yeroo muraasi wayita hafu xiyyaaronni 100 ta'an gara Dohaa imaluuf sagantaan qabamee ture.

Biyyoonni naannawa kana jiran kaan kanneen akka Bahreen fi Kuweetis daandii xiyyaaraa isaanii cufanii turan.

Akkamiin asirra ga'ame?

Ameerikaan Sambata darbe buufateelee nukilaraa Iraan sadi irratti haleellaa cimaa raawwatte.

Haleellaa Israa'el Waxabajjii 13 eegalte kana keessatti ejjennoon US garam akka ta'u osoo xiyyeeffannaan eegamaa jiruu tarkaanfiin kun fudhatame.

Israa'el guyyuu buufataalee nukilaraa Iraan misaa'elaan haleelti. Garuu akka yaadametti barbadeessuu hin dandeenye.

Mootummoonni Israa'el fi US dhufaa darban Iraan akka meeshaalee waraanaa nukilaraa hin hidhanne dhiibbaa uumaa turan, uumaas jiru.

Haleellaan Israa'eliin eegalames qaamuma kanaati.

Iraan sagantaa nukilaraa ishee misoomaaf, uummatashee fayyaduuf akka ta'e yeroo hunda ibsiti.

US haleellaa raawwatteen wiirtuuwwan nukilaraa Iraan barbadeessuu ibsite. Garuu miidhaan qaqqabe hangam akka ta'e sirriitti hin ibsamne.

Haleellaan Israa'el fi Iraan ammallee itti fufee jira.