Bahi Giddu Galaa maaliif iddoo barbaachisaafi tarsiimawaa addunyaa ta'e?

Alaabaa Israa'elifi alaabaa Iraan

Madda suuraa, Getty Images

Bahaan Giddu Galaa lafa yeroo heddu goolamni siyaasaa hin dhabamne, garuummoo addunyaaf naannoo baay'ee murteessadha. Kanaafidha rakkoon nageenyaa ykn taaten addaa Baha Giddu Galaatti yeroo uumamu xiyyeeffannoo addunyaa kan argatuuf.

Naannon Baha Giddu Galeessaa jedhamuun beekamu ardii Awurooppa, Afrikaafi Eshiyaa kan wal-qunnamsiisu yoo ta'u, biyyoota akka Saawudii Arabiyaa, UAE, Masrii, Israa'el, Sooriyaa, Iraan, Tarkiifi Yaman dabalatee biyyoota 17 ta'an of keessatti qabata.

Naannawani kun ardiiwwan sadan: Afrikaa, Awurooppaafi Eshiyaa kan wal-qunnamsiisu ta'uunsaa bakka tarsiimawaa addunyaa isa taasisa.

Taatewwan Baha Giddu Galaatti raawwatan maalif qalbii addunyaa hawwatu? Naannoon kun siyaasafi diinagdee addunyaa keessatti dhiibbaa akkamii qaba? Biyyoonni gurguddoon addunyaa dhimma Baha Giddu Galeessaa keessa maalif galu? kanneen jedhan mee haa ilaallu.

Wiirtuu argama amantiiwwan gurguddoo addunyaa

Bahi Giddu Galaa addunyaarratti bakka amantiiwwan addunyaa gurguddoon akka Kiristaanaafi Islaamaa irraa dhufaniidha. Kuni ammoo hordoftoonni amantiiwwan gurguddoo kanneenii addunyaa mararra jiran waan Baha Giddu Galeessaa keessatti xiyyeeffannoon akka ilaalan isaan dirqisiisa.

Biyyoonni akka Saawudii Arabiyaa, Israa'elifi Iraan fa'aa wiirtuu hordoftoota amantaa Kiristaanaafi Islaamaa biratti akka bakka seena qabeessatti ilaalamu.

Magaalonni akka Yerusaalem, Makkaafi Madiinaa fa'aa fayidaan isaan ija amantiin qaban ol'aanaa waan ta'eef ija aduunyaa heddu harkisa.

Biyya Baha Giddu Galeessaa keessaa tokko kan taate Israa'el keessatti kan argamtu magaalan Yerusaalem ammoo addumatti xiyyeeffannoo addunyaa harkisti. Horfoftoota amantaa Kiristaanafi Yihudiin alatti hordoftoota amantaa Islaamaa birattis akka iddoo seena qabeessatti ilaalama.

Muddamni siyaasaa Israa'elifi Filisxeemota gidduutti magaala kana keessatti gaggeeffamu salphaatti qalbii addunyaa hawwaata.

Masjiidi al-Aqsaa (Dome of the Rock) magaalaa Yerusaaleem keessatti argamu, hordoftoota amantaa Islaamaa qofa osoo hin taane, qalbii Yihudootaa illee kan hawwatuudha.

Bakki Masjiidi al-Aqsaa irratti ijaarame, bakka manni qulqullummaa Yihudootaa irra tureedha jechuun falmu.

Namoonni siyaasaa Israa'el leellistoota ta'an yeroo garaatti mooraa Masjiida al-Aqsaa seenun mormiifi muddamni Israa'elotaafi Filisxeemota gidduutti akka dhalatuuf sababa ta'aa tureera.

Haleellaa Hamaas Onkoleessa , 2023 Israa'el irratti baneef sababoota Hamaas dhiyeesse keessaa tokko namoonni siyaasaa Israa'el mooraa Masjiida al-Aqsaa daawwachuufi sana booda mormii ka'een walitti bu'iinsa mormitoota poolisii Israa'el gidduutti dhalateedha.

Wiirtuu Anniisaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wantoota Baha Giddu Galaa naannawa ji'opolotiksiifi diinagdeef tarsiimawaa ta'eedha. Keessumaa qabeenya uumamaa kanneen akka boba'aafi gaasii uumamaa qabaachun biyyoota Baha Giddu Galaa kan gitu hin jiru.

Saawudii Arabiyaan boba'aa omishuun gabaa addunyaaf dhiyeessuun addunyaarraa gita hin qabdu. Biyyoonni akka Iraan, Iraaq, Kuweet, Omaanifi Kaataar fa'aa diinagdeensaanii irra guddaan boba'aa gabaa addunyaaf dhiyeessan irratti.

Bara 1938 Sawudii Arabiyaa keessatti maddi petirooliyeemii addunyaa guddichi argamuun ammoo caalmatti seenaa Baha Giddi Galeessaa waan jijjiire fakkaata.

Dhaabbanni Ameerikaa boba'aa baasu Baha Saawudii Arabiyaa bakka Daharaan jedhamutti madda boba'aa guddaa addunyaa argate.

Sana booda bo'abaan utubaa dugdaa diinagdee addunyaa ta'uu akka eegale himu SOAStti Qorataa Misoomaa kan ta'an Pirof. Gilbert Achcar.

"Boba'aan wiirtii gabaa addunyaa ta'aa dhufe. Kana jechuun ammoo fayidaa tarsiimawaa guddaa akka qabaatu taasise," jechuun ibsu.

Ragaalen akka agarsiisanitti, boba'aa dikita %30 akkasumas gaasiin uumamaa %20 biyyoota Baha Giddu Galeessaa keessatti qophaa'un gabaa addunyaaf dhiyaatu.

Kuufamni boba'aan guddaa ta'e Baha Giddu Galeessaa keessatti kan argamu ta'uunsaa, naannichi industirii anniisaa addunyaa keessatti dhiibbaa guddaa akka qabaatu isa taasiseera.

Ulaa dooniiwwan daldalaa irra darban

Naannon Baha Giddu Galaa teessumni isaa giddugaleessa ardiiwwan gurguddoo addunyaa kan walitti fidu ta'uunsaa, sochii daldala addunyaaf naannoo filatamaafi tarsiimawaa akka ta'u isa taasiseera.

Keessumaa sochiin daldala galaanarraa heddu karaa biyyoota Baha Giddu Galeessaa qaxxaamura.

Naannoon kun ulaawwan galaanaa sochii dooniwwan daldalaa addunyaa murteessoo ta'an qabaachun boba'aa dabalatee omishaaleen garaa garaa garaa biyyoota heddutti geeffama.

Qaamni bishaanii gurguddoon kanneen akka Galaana Diimaa, Galaana Meditiraaniyaanii, Garba Hindii, Galaana Arabiyaa, Galoo Galaanaa Pershiyaa fa'aa isaan guddoodha.

Ulaawwan daldalaa Baha Giddu Galeessatti beekamoo ta'aniifi sochii daldalaa addunyaaf murteessoo ta'an: Bo'oo Siwiiz, Ulaa Hormuuz, Galoo Galaanaa Edan, Galoo Galaanaa Aqabaa fa'aadha.

Keessumaa sochiin dooniwwan daldalaa karaa Bo'oo Siwiiz, Ulaa Hormuuzfi Galaanaa Diimaa irratti taasifamu murteessafi diinagdee qofaaf osoo hin taane sochii siyaasaa keessatti illee murteessoo warra ta'aniidha.

Yeroo muddamni siyaasaa ykn taatewwan waraanaa biyyoota Baha Giddu Galeessaa keessatti dhalatu, biyyoonni koridarawwan daldalaa murteessoo kanneen cufuun yeroon itti sochii daldala addunyaa yaaddoo keessa galchan hedduudha.

Walitti bu'iinsa Israa'elifi Iraan gidduutti dhalachuu hordofee Iraan koridara daldalaa Galoo Galaanaa Peshiyaafi Galoo Galaana Omaan gidduutti argamu Ulaa Hormuuz jedhamu cufuuf akeekkachiistee jirti.

Ulaan Hormuuz to'annoo Iran jala kan jiru yoo ta'u, koridarrawwan dooniwwan daldalaa heddu keessa qaxxaamuran keessaa tokkoodha.

Gama biraan ammoo sochii dooniwwan daldalaa Galaana Diimaafi Galoo Galaana Aden kan gargara Yamanitti aramuudha. Sochiin dooniwwan daldalaa addunyaarratti harki caalu Galaana Diimafi Galoo Galaana Eden irraan kan darbu yoo ta'u, waraanni Gaazatti gaggeeffamu sochii dooniwwan daldalaa karaa Galaana Diimaa taasifamu heddu danqeera.

Taatewwan ijoo Baha Giddu Galeessatti mudataniifi xiyyeeffannoo addunyaa ta'e keessaa tokko waraana Gaazatti gaggeeffamaa jiruudha.

Israa'elifii Hamaas gidduutti waraanni eegaluu hordofee hidhattonni Huutii Yaman, dooniwwan daldalaa kan Israa'el ta'aniifi Israa'el wajjin hidhata qaban jedhe Galaana Diimaa irratti haleelun sochii dooniwwanii danqee jira.

Ulaawwan doonii daldalaa Baha Giddu Galeessaa keessaa murteessaa kan ta'e tokko ammaa Masiriin kan ijaarte Bo'oo Siwiiwiziti.

Bo'oon Suwiiz ulaa nam-tolchee yoo ta'u, ardii Afrikaafi Eshiyaa salphaatti kan wal-qunnamsiisudha.

Waggaatti dooniwwan daldalaa 20,000 ta'an karaa ulaa kanaa akka qaxxaamuran ragaalen ni agarsiisu.

Waraana Guyyaa Jahaa (the Six Day War) jedhamuun bekamu Israa'elif biyyoota Arabaa gidduutti bara1967tti gaggeeffameen wal-qabatee Masiriin waggoota muraasaf Bo'oo Siwiiz erga cuftee booda bara 1975 deebistee bante.

Israa'el biyya taatee hundaa'un

Wantoota Bahi Giddu Galaa akkaan xiyyeeffannoo addunyaa akka argatan godhan keessaa inni ijoon Israa'el bara 1948tti biyya taatee hundaa'uusheeti.

Waraana Addunnyaa Lammaffaa booda Yuhudoonni Awurooppatti duguuggaa sanyii Hitlar gaggeesse irraa hafan gara Filisxeemitti baqachuun biyya mataasaanii hundeessan.

Israa'el guyyaa hundooftee kaasee biyyoota ollaa wajjin waraanatti lixuu qofa osoo hin taane, sababa waraana kanaan Filisxeemonni walakkaa miliyeenaa ol ta'an qe'eerraa buqqa'uun baqatan.

Bara 1948 irraa kaasun Israa'el biyyoota ollaa kanneen akka Masrii, Libaanos, Sooriyaa, Yordaanos fa'aa waliin yeroo garaa garaatti wal-lolteetti.

Gama biraan ammoo Filisxeemonni yeroo Israa'el hundooftu qe'eesaanirraa buqqa'an qabsoo hidhannoon Israa'el loluu dabalatee diddaa garaa garaa Israa'el irratti gaggeessun Bahi Giddu Galaa xiyyeeffannoo akka argatu ta'eera.

Dhaabbanni Bilisummaa Filisxeem (PLO), Hamaas, Islaamik Jihaadifi kaanis warreen Filisxeem biyya walabaa ta'uu qabdi jechuun Israa'el irratti diddaa humnaa bananiidha.

Isaan keessaa PLOn Israa'el wajjin nagaa buusee amma Weest Baank kan bulchaa jiru ta'us, gareen Gaazaa bulchaa ture Hamaasifi kaan ammayyuu Israa'el wajjin lolatti.

Waraanni Israa'el-Hamaas gidduutti Gaazatti gaggeeffamaa jiru dhimma akkaan xiyyeeffannoo addunyaa argateedha.

Biyyoonni gurguddoon harka keessa galfachuu

Waraana Addunyaa Lammaaffaa booda biyyoonni guddatan kanneen akka US fa'aa Baha Giddu Galaa keessatti harkisaanii dheerataa dhufe.

Baha Giddu Galeessaa jaarraa hedduuf bulchaa kan ture Impaayerri Otoman Turkii bara 1922tti kufuu hordofee UKn Baha Giddu Galeessaa keessatti olaantummaa fudhatte.

Haa ta'u garuu Waraana Addunyaa Lammaaffaa booda dhimma Baha Giddu Galaa keessatti adda dureen hirmaataa kan ture USdha.

Keessumaa Israa'el hundeeffamuufi biyyoota akka Saawudii fa'aa keessaa kuusaan boba'aa guddaan argamuu hordofee hirmaannan US guddataa dhufe.

Saawudii Arabiyaa keessatti kuusan boba'aa guddaan bara 1938tti argamuu hordofee US bara 1945tti US baha Saawudii Arabiyaatti kan argamtu Daharaanitti buufata xayyaaraa ijaarte- Baha Giddu Galeessatti buufatashee jalqabaati.

US walakkaa jaarraa oliif Baha Giddu Galeessaa keessatti biyya giddu seentummaa cimaa qabduufi dhiibbaa guddaa uumtu taatetti.

Buufanni xayyaaraa isheen bara 1945tti tokko jettee Saawudiitti eegalte har'a babal'achuun buufata waraanaa 19 ta'an biyyoota garaa garaa kanneen akka UAE, Masirii, Omaan, Bahreen, Yordaanosifi kaan keessaa qabdi.

Loltoota 40,000 hanga 50,000 ta'an Biyyoota Baha Giddu Galeessaa keessaa qabdi. US Baha Giddu Galeessaa keessatti buufata waraanaa hanga kana hundeessitee naannichatti xiyyeeffannoo kennuunshee naannichi hangam murteessaa akka ta'e kan agarsiisudha.

Biyyoota Lixaa keessaa UStti aansun Baha Giddu Galaatti dhiibbaa kan qabu UK yoo taatu, biyyoota akka Saayippiras keessaa buufata waraanaa guddaa qabdi.

Biyyoota guddatan kanneen akka USfi UKdhaan alatti Raashiyaanis Baha Giddu Galeessaa keessatti giddu seentummaanshee cimaadha.

Keessumaa bara Waraana Hololaatii kaasee, dhiibbaan Raashiyaan biyyoota akka Sooriyaafi Masirii keessatti qabaataa turte cimaadha.

Addumatti mootummaa Bashiir Al-Asaad biyyoonni lixaa aangorraa buusuf duula garaa garaa gochaa turanis deeggarsa Raashiyaarraa kan ka'e mootummaan Asaad hanga bara 2025 hidhattootan aangorraa ka'utti aangoo qabatee ture.

Akkuma biyyoonni akka USfi UK Baha Giddu Galeessaa keessa buufataalee waraanaa qaban, Raashiyaanis Sooriyaa keessa buufata waraanaa guddaa qabdi.