Raashiyaan michuu tarsimawaa Iraaniin akka hin dhabne sodaa qabdi

Vilaadmiir fi Kaameenii

Madda suuraa, Reuters

Yeroo Israa'el oppireeshinii Operation Rising Lion jalqabdu qondaaloti Raashiyaa muddama Baha Gidduugalaatti hammaate ''yaaddessaa fi kan balaa baatu'' ittiin jedhan.

Tahus miidiyaaleen Raashiyaa lolli kuni akkatti Raashiyaa fayyadu dubbachuurraa duubatti hin deebine.

Kanneen jedhaman keessaas:

Gatiin boba'aa addunyaa dabaluun saanduuqa maallaqaa Raashiyaa gabbisuuf jira

Addunyaa waraana Raashiyaa Yukireen keessatti geggeessitu irraa fuula garagalfachuu, ''Kiiv irraanfatamteetti'' jedha mata dureen gaazexaa Moskovsky Komsomolets

Kireemliin qaamota wal lolan kana akka mariisiftuu filatamnaan waan Yukireen keessatti raawwattu otoo jiruu Baha Gidduugalaatti akka waan nagaa buustutti of dhiyeessiti

Haa tahu malee oppireeshiniin waraanaa Israa'el hammuma jabaateefi dheerate, Raashiyaan waan buufaturraa waan dhabdutu caala.

''Lolli Baha Gidduugalaa hammaachuun Moskoo balaaf saaxiluufi gatii kaffalchiisuu danda'a,'' jedhan Hayyuun siyaasaa Raashiyaa Andree Koortuunoov yaada miidiyaaleef kennaniin.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Raashiyaan baatii shan dura michooma tarsimawaa Iraan wajjin mallatteesitullee haleellaa Israa'el raawwataa jirtu dhaabsisuu hin dandeenye.

''Akka ifatti mul'ate Moskoon Israa'el balaaleffachuun alatti Iraaniif deeggarsa waraanaa kennuuf qophii mitis,'' jedhaniiru.

Michoomni tarsimawaa Raashiyaa fi Iraan Pireezidant Vilaadmiir Puutiin fi Masuud Peezeeshikiyaan gidduutti jalqaba bara kanaatti mallattaa'e wal-tumsa waraanaa hin dabalatu.

Waliigaltcihi Moskoon Teeharaanitti gortee akka loltu ykn deeggartu hin dirqisiisu.

Yeroo waliigalteen mallattaa'e garuu Raashiyaa akka dhimma hawwataa tokkootti haasofte.

Minsitirri Hajaa Alaa Raashiyaa Sergee Laavroov madda oduu Riyaa Noovoosti akka himanitti, ''waliigaltichi fedhii waloo nagaafi tasgabbii sadarkaa naannoo fi addunyaa biyyoota lameen jabeessuu, akkasumas dhimma ittisaafi nageenyaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu irratti xiyyeefata.''

Baatii jahan darban keessatti Moskoon Baha Gidduugalaa keessatti michuu ijoo Bashaar al-Asaadiin dhabdeetti.

Hogganaan Siiriyaa Mudde darbe erga aangoorra kaafameen booda Raashiyaatti koolugaltummaan dhiyaateeraafi.

Egereen Iraan, michuu tarsimawaa biroo Baha Gidduugalaa keessatti dhabuun Raashiyaafi mata bowwaa guddaa dha.

Gaazexaan Moskovsky Komsomolets haala yeroo Baha Giddugalaa xiinxaluun yoo xumuru: ''siyaasa addunyaa yeroo ammaa jiruun jijiirama guddaatu tahaa jira kunis jireenya biyya keenyaa irratti kallattinis tahe al-kallattiin dhiibbaa uuma,'' jedhe.

Vilaadmiir Puutiin Fooramiin Diinagdee Addunyaa torbee kana magaalaa Raashiyaa Seen Piitarsbargitti waan geggeefamuuf isaanis achitti dabarsu jedhameet eegama.

Erga Raashiyaan guutummaan Yukireen irratti haleellaa raawwachuu jalqabdeen as dhaabonni biyyoota Lixaa baayyee daldala isaanii achii baasaniiru.

Tahus qindeessitoonni foormii kanaa bakka buutonni biyyoota 140 kora kana irratti ni hirmaatu jedhaniitu eegu.

Qondaaltonni Raashiyaa fooramii kana irratti waraana Yukireen irratti Raashiyaa adda baasanii qeequun akka hin milkoofne agarsiisuu barbaadu.

Fooramii diinagdee haa jedhamuyyuu malww dhimmi siyaasaa irraa fagoo waan jiru miti.