Ilma Kaameenii fi gorsitoota biroo hogganaa olaanaa Iraan marsanii jiran

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaa olaanaan Iraan Ayaatollaah Alii Kaameenii namni ganna 86 haleellaa Israa'el tibba kanaan qophaatti hafaniiru.
Kaameeniin haleellaa Israa'eliin gorsitootni waraanaa fi nageenyaa isaanii jalaa ajjeefamaniiru.
Qaawwa uumame kanarraa ka'uunis Kaameenii dogoggoroota tarsiimoo raawwachuuf saaxilamaniiru jechuun adeemsa murtee dabarsuu hoogganaa Iraan kanaaf namootni dhiyoo ta'an shan Rooyitarsitti himaniiru.
Namoota yaada kennan keessaa tokko Kaameenii waliin walgahii godhamu irratti hirmaatee beeka.
Qaawwa amma uumamerraa kan ka'e dhimma ittisaafi tasgabbii biyya keessaa ilaalchisee hireen murtee dogoggora dabarsuu ''baayyee hamaatu jira'' jedhan.
Erga Jimaata darbeetii namoota dhiyoo Kaameenii ajjeefaman keessaa ajajaan eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan, Hosseen Salaamii, ajajaan humna qilleensaa Amiir Alii Hajiizadeeh fi sagantaa misaayela baalestikii kan hoogganan Mohaammad Kazeemii isaan ijoodha.
Namootni kun Kaameenii kanneen dhiyoo ta'aniifi gorsitoota 15-20 ta'an keessatti argamu. Gareen kun ajajoota waraanaa, hogganoota amantaa fi namoota siyaasaa akka of keessaa qabu maddeen Rooyitarsi himaniiru.
Namootni dhiyoon Hamenii wayita walgahiif barbaadaman mooraa Hamenii magaala Teehraan keessa argamutti waamamu. Namootni kun Hameniif amanamoo, ilaalcha Rippaablika Islaamaafis ejjennoo hin raafamne warra qabaniidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kaameenii warraaqsa bara 1979 dura hidhamanii turan, bara 1989 hogganaa olaanaa ta'uusaanii duras haleellaa boombiitiin miidhaan irra gaheera. Kaameenii sirna bulchiinsaa Islaamawaa Iraan itti fufsiisuutti cichuun, warra lixaas akka malee shakkuun beekamu.
Aangoon isaanii humna waraanaa biyyattii ajajuu, waraana labsuu, abbootii murtiifi ajajoota waraanaa dabalatee aangoowwan ijoof nama muuduufi shaaruu dabalata.
Maddi Rooyitarsi walgahiiwwan kunniin irratti hirmaatanii beekan, murteewwan dabarsuu dura yaada gamaa gamanaa akka dhagahaniifi gorsitoota isaaniin akka mirayatan himan.
''Waayee Kaameenii wantootni lama jechuu dandeessu: Nama akka malee mata-jabeessa ta'an garuu ammoo nama akka malee eeggennoo godhaniidha. Baayyee eeggannoo godhu.
Kaniif yeroo hanga kanaaf aangoorra kan turan'' jedha Inistitiyuutii ogeeyyii Baha Gidduugalaa kan teessoosaa Waashingitan godhatetti daareektara sagantaa Iraan kan ta'e Aleeks Vataankaa.
''Kaameenii bu'aa fi miidhaa wanta tokkoo xiinxaluutti cimaadha'' kan jedhu ogeessi kun, dandeettiinsaanii kun hunda caala wanta barbaachisaa ta'e sirna itti fufsiisuuf gargaareera jedha.
Ilma Kaameeniifi namoota ijoo biroo

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Namootni shanan Rooyitarsi dubbise kanneen Israa'eliin ajjeefamanin cinaatti aanga'onni biroon baayyee murteessoo ta'an kan dameewwan siyaasaa, diinagdee fi dippiloomasii gorsan jiruu jedhan.
Kaameenii namoota kanaaf gaafatama kan kennan akkuma taateeewwan mudataniin ta'uu himan. Akka barbaachisummaa isaatti dhimmoota waraanaa, nageenyaa, aadaa, siyaasaafi diinagdee akka qabatan godhamu jedhan.
Namoota ijoodha jedhaman keessatti ilmi Kaameenii Mojtaabaa maqaa ni dhahama. Waggoota 20 darban gaheefi beekumsi isaan akkaan guddachaa dhufuu maddeen kun himaniiru.
Mojtaabaan namoota gariin abbaasaa umriin deemaa jiran warra bakka bu'u jedhaman keessaa tokko akka ta'e amanama. Namni kun eegdota Warraaqsa Islaamaa waliin walitti dhiyeenya guddaa qaba. Kunis fudhatama isaa siyaasa biyyattii keessatti guddoo dabale jedhu namootni kun.
Namoota biroo ijoo jedhaman keessaa tokko Alii Asgahaar Hejaaziidha. Waajira Kaameenii keessatti hogganaa itti aanaa dhimmoota nageenya siyaasaati. Murteewwan siyaasa eeggannoo jabaa barbaadan irratti hirmaachuun maqaa horateera. Akka maddeen Rooyitarsi jedhanitti namni kun Iraan keessatti qondaala tikaa guddaadha.
Hogganaan waajira Kaameenii Mohaammad Golpaayigaanii fi Ministirri Haajaa Alaa duraanii biyyattii Alii Akbaar Velayaati akkasumas af-yaa'iin Paarlaamaa duraanii Kamaal Kahaaraazii namoota ijoo ammallee Iraaniif gama niikuleeraafi dippiloomasiin amanamoo jedhaman keessaati.
Ammoo hoogganoonni eegdota warraaqsaa Iraan ajjeefamuun Kaameenii caasaa erga bara 1989 aangoo qabatanii ijaaraniifi dhimma biyya keessaafi alaaf itti abdatan akka malee miidhe.
Kaameeniin amma seenaa Iraan keessatti yeroo kamuu caala hamaa ta'e keessa jiru. Humnoonni Baha Gidduugaleessaa keessatti, Filisxeemii hanga Libaanositti ijaaranii jabeessaa bahan haleella Israa'eliin akka malee laafaniiru.
Hogganaan Hezbollaah Hasan Nasrallaa kan michuu dhiyoo Kaameenii ture haleellaa Israa'el bara darbeen ajjeefameera. Michuun inni biroon, Pirezidantiin Siiriyaa Bashar al- Asaadis aangoorraa kaafameera.












