Qufaan yoo si qabu kiniinii,loomii moo dammatu si fooyyeessa?

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo qorru vaayirasiin qilleensa keessa tamsa'a, manaas, alaas namni ni qufa'a.
Yeroo garii namooti qufaa kanaaf kiniinii fudhatu. Garuu kiniinii moo dammaafi loomii mana keessaatu fooyyee kenna?
Jaakii Ismiiz Yunivarsiitii Maanchastaritti fayyaa hargansuu qoratti. Yeroo qufaan nu qabu maaltu akka nuu fooyyeessuufi hin fooyyeessine BBCtti himteetti.
Kiniiniin dukkaana qorichaa...

Madda suuraa, Getty Images
Qufaan yeroo baayyee qorra, vaayirasii qorra keessa tamsa'u irraa dhufuun qaama si seena.
Qoricha qufaa jedhamee waan sii kennamu vaayirasii dha balleessa miti, mallattoowwan dhukkubicha fooyyeessa malee. Qoonqoo kee cufame banaa, miira hargansuu kee rakkisu sii hir'isa.
Tahus gogaa si qufaasisa taanaa, ammoo dhukkubbiin sitti dhagahama yoo taheef- shirooppiin of keessaa gilaaseerool qabu 'qoonqoo kee sii golga' afaan kee goguurraas sii eega jetti Piroofeesar Ismiiz.
Garuu qufaaf qarshii guddaa baasuun,hin baasu. Qorichi qufaa dukkaana naannoo keerraa bittu hammuma isa qarshii guddaan bittuu hojjeta.
Haa tahu malee kiniinii bittuu irratti waan eeggachuu qabdu tokko hamma sukkaaraati.
Shirooppiin yeroo baayyee akka mi'aawuuf jecha sukkaarri waan itti baay'atuuf, isa sukkaara irraa bilisa tahe bitachuun fala tokko dha.
Doziin fudhannu yeroo hundayyuu murteessaa akka tahe kan himtu piroofeesariin kuni, ''isa sii ajajameen caalaa fudhachuun gonkumaa hin gorfamu,'' jetti.
Keemikaaloti kiniinii gariin keessa jiran kanneen akka Leevoomenthol kan qabu yoo tahu qufaan kee qoma keerraa ka'a taanaan yeroo qoonqoo keerra gahu ''miira qabanneessu'' sii kenna.
Bishaan dhugii, xiqqoo eegi
Waan si qufaasisu kuni qoma keerraa dhufa taanaan miira hafuurri cituu sitti dhagahamuu mala.
Sababiinsaas kuni infeekshinii biraa biroonkaayitis- kan ujummoon akka dutu godhu, ykn ammoo dhangala'aa dhoqonaa'aa funyaan kee keessatti hafes tahuu danda'a.
Yeroo kana ammas shirooppii dukkaana qorichaa bitachuun gaarii tahuu himtus Piroofesar Ismiiz garuu bu'aa agarsiisuu irratti badaa itti amanuu hin qabnu jetti.
Qorichooti garii furrii dhoqonaa'aa akka hir'isan himamus yeroo hunda hin hojjetan.
Qorichooti kanneen akka diphenhydramine halkan akka raftu si godhu malee, qufaa kee hin fayyisan.
Hamma kanaa jetti Piroof Ismiiz malli gaarii 'obsuu dha' jetti. Bishaan dhugi, qoricha qufaa keef gabii kennu fudhuutii qoonqoon kee akka banamu godhi jetti.
Dammaafi loomiin hoo?
Bulbulli dammaafi loomii yeroo qufaan si qabu dhugdu akkuma qoricha suuqiirraa bittuu faayidaa ujummoo hargansuu kee goge laaffisuu kenna.
Qorannoon addatti taasifame daa'imman waggaa tokkoo ol jiraniifii qufa'aniif dammaafi loomiin ''faayidaa muraasa kenna,'' jedhu Piroof Ismiiz.
Qufa'ii ofirraa baasi
Waan irraanfachuu hin qabne qufa'uun murteessaa akka tahe dha. Mala qaamni keenya furriifi dhangala'aa dhoqonaa'aa of keessaa baasu dha.
Qufa'anii of keessaa baasuun ujummoon hargansuu keenyaa akka banamu taasisa.
''Hamma si gahutti qufa'i,'' jetti Piroof Ismiiz. ''Gadi qabuuf hin rakkadhu, gaduman baasa. Kana gaafa gootu garuu sooftii fayyadamuu hin dagatiin.''
Yoo waan dhoqonaa'aa yeroo qufaatu bahu yoo liqimsites rakkoon hin jiru garaachi kee ni daaka.
Kan ati akeekkachuu qabdu halluu dhangal'aa afaan kee keessaa bahuuti ''dhiiga yoo qabate, halluun booraa tahuu mala.''
Qufaan torbee sadii caalaa itti fufnaan hakiima bira dhaquun murteessaa dha jette Piroof Ismiiz.












