Qulqullina miilaa eeggachuu dhabuun fooliin olitti rakkoo fayyaa ta'uu beektuu?

Madda suuraa, Gorka Olmo/BBC
Namoonni tokko tokko miilasaanii guyyaa guyyaan sirriitti dhiqatu; kaan ammoo bishaanuma itti dhangalaasanii dhiisu.
Lakkoofsi namoota miilasaanii sirriitti dhiqachuu dhiisanii akkasumatti tuttuqanii dhiisanii hedduudha.
Namoonni saamunaafi fooxaa qabatanii yeroo kutaa itti dhiqatan seenan qaamoleen namaa tokko tokko kanneen biroo caalaa dhiqamuuf xiyyeeffannoo addaa argatu ta'a.
Bobaan namaa irra deddeebiin saamunaatiin, dhiqamuufi sukkuumamuuf carraa argachuun isaa nama hin shakkisiisu.
Gadi kan jiru miilli ammoo bira qabaan yeroo ilaalamu carraa akka salphaatti
Akka ogeessonni jedhanitti, miilli keessan akkuma kutaalee qaama keessanii hundaa, innumaattuu caalaa, xiyyeeffannoo argatanii qulqullaa'uu qabu.
Tajaajilla Fayyaa Biyyaalessaa Yunaayitid Kingidam (NHS) fi Wiirtuu To'annoo Dhukkubaa Ameerikaa (CDC), miila guyyaa guyyaan saamunaafi bishaaniin dhiqachuu gorsu.
Kanaaf amoo sababiin tokko foolii ittisuufidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Keessoon faana miila keenyaa kutaa qaama keenyaa caalaa xannachawwan dafqa baasan qaba.
Dafqi ofiisaatiin foolii bada qabaachuu baatullee, baakteeriyaawwan miila keessan keessa jiraniif soorata barbaachisoo ta'uun kan gargaaran soogidda, giliikoosii, v
Kanaaf, miila keessanirra wantota kanneen sooratanii baakteeriyaawwan jiraatan jiru.
Yunaayitid Kingidamitti kan argamu Yunivarsiitii Kheel keessatti barsiisaa madaa fayyisuu kan ta'an Holii Wiilkiinsan, " miilli, keessumaa bakkeewwan quba miilaa gidduu jiran bishaan, jiidhaafi ho'a kan qabanidha. Kanaaf, hormaata maayikiroobiotaatiif mijataa ta'uu danda'u," jedhu.
Hedduun keenya miila keenya kaalsii fi kopheen saamsinee (ukkaamsinee) waan oolluuf jiidhi keessa jiru ukkaamamee waan turuuf haala jiru ni hammeessa.
Qaama dhala namaa gogaa kutaa kamirra jirurra iskuweer sentiimeetirii tokko bakka ta'uurra baakteeriyaan kuma 10 hanga miliyoona tokkoo ta'u ni jiraata.
Akka miila keenyaa kutaaleen ho'aafi jiidha qabu ammoo sanyiiwwan baakteeriyaa lakkoofsi isaanii hedduu ta'e qabachuun ni dursa.

Miilla ilma namaa kutaa qaamaa kamirrayyu bakka gosti fangasii hedduun itti argamudha.
Qorannoo tokkorratti qorattoonni saamuda miila keessoo namoota 40 hayyamamoo ta'anii fudhateera. Miila dhiqachuun lakkoofsi baakteeriyaa akka hin daballe dhiibbaa irratti akka godhe qorannoon kun adda baaseera.
Namoonni guyyaatti miilasaanii si'a lama dhiqatan, gogaa miilasanii tokkoo tokkoo kaaree santiimeetirii keessatti baakteriyaa 8,800 ni jiraatu.
Guyyaa lama keessatti takkaa kan dhiqatan ammoo kaaree santiimeetirii keessatti baakteeriyaa miliyoona tokkoo ol ta'aniti irratti argama.
Keessoon miilaa beektaariyaatiin waan guutameef qofa foolii godhata ykn wanti nama yaaddessu jira jechuu miti. Akkuma yeroo kaanii baayyina baakteeriyaa osoo hin taane gosti baakteeriyaa murteessaadha.
Faatii asiidii foolii badaa miilaatiif sababa ta'u omishuudhaan kan beekamu istaafilookokas (Staphylococcus) baakteeriyaa addatti beekamudha.
Xannachawwan gogaa miilaarra jiran elektiroolaayitii, amiinoo asiidii, makaa asiidii yuriyaa fi laatikii gadhiisu.
Staphylococcus baakteeriyaan kun ammoo wantota kana akka ajaa'ibaatti jaallatu.
Adeemsa kana sooratan keessatti ammoo amiinoo asiidota gara gosa amiinoo asiidii fooliin isaa badaa ta'e nama jeequutti jijjiiru.
Kanneen keessaa badaan asiidii Isoovaalarii jedhamudha. Foolii funyaan namatti hin tolle uumuun akka miilli ajaa'u godha.
Akka qorannoo bara 2014 gaggeeffame tokkootti, qorattoonni saamuda namoota 16 fudhatan.
kanaaf, beekteeriyaawwan keessoo milasaanii keessaa dhibbentaa 98.6 kan ta'u isa Staphylococcus jedhamudha.
Baakteeriyaawwan salphaatti foolii badaa uuman gogaa miilaa irra keessa jiruun yeroo madaalaman, kutee keessoo miilaarratti heddummaatu.

Walumaagalatti qorannichi akka akeekutti, fooliin miilaa badaa baayyina Staphylococcus waliin kan walqabatu ta'uu ifa godheera.
Kanaafidha, saamunaafi bishaan furmaata murteessaa kan ta'eef.
Haata'u malee, miila keessan dhiqachuun kan gargaaru foolii miilaa ittisuuf qofa miti. Qulqullina miilaa sirriitti eeggachuun dhukkuboota hedduufi rakkoo miilaa ittisuun ni danda'ama.
Niwu Yoorkitti kan argamu Hospitaala Sinaayitti pirifeesarri gargaaraa wallaansa gogaa Jooshuwaa Zeyichinar, "rakkoo bakka xiqqoo quba miilaa gidduu jirurraa kan ka'e, rokkoo infekshiniif saaxilamuutu jira," jedha.
"Bakki kun gara nama hooksisuu, dhiita'uufi foolii badaatti geessuu danda'a. Ittisni gogaa yeroo saaxilamu ammoo wantonni shishifii ta'an kunneen gogaa miidhuuf carraa isaan qaban ni dabala. Kanaaf, gogaan lallaafoo selulaayitis jedhamu infekshiniitiif baayyee saaxilamuu danda'u.
Qulqullina miilaa eeggachuun dhukkuboota gogaa baakteeriyaa Staphylococcus ykn Piyuudomonaas jedhamaniin dhufu ittisa.
Baakteeriyaawwan kunneen uumamaan gogaarratti kan argaman yoo ta'u, gara dhiigaatti yoo seenanis infekshinii guddaa qaqqabsiisuu danda'u. Infekshiniin baakteeriyaa Staphylococcus irraa kan ka'e uumamus gara dhiitootti jijjiiramuu danda'a.
Qulqullina miilaa gariin jiraannaan infekshiniin gogaa uumamellee, miila yeroo baayyee dhiqachuun baayyina baakteeriyaa hir'isa.
Kanaaf, akka tasaa miidhaan miila keessanirra gahullee, baakteeriyaawwan gara dhiiga keenyaa seenan ni xiqqaatu.
Keessumaa dhukkuba sukkaaraan kan rakkachaa jirtan taanaan, miila keessan dhiqachuun barbaachisaadha. Dhukkuba sukkaaraa qabaannaan madaa'uufi infekshinii miilaatiif kan saaxilamtan taatu.
Qorannoon akka agarsiisutti, dhukkubsattoonni sukkaaraa gogaa miila isaaniirratti ilbisoota xixiqqoo dhukkuba fidan baayyeetu jiraata.
"Hanga barbaachisuun ol ammoo irra deddeebiyanii dhiqachuun ammoo dandeettii uumamaan gogaan dhukkuba ofirraa ittisuu miidha. Zayita uumamaan gogaan qabu balleessa; goginsaafi dhiitootiif gumaacha," jedha Zeyichinar.
Kun ammoo gara hooksisuufi goginsa gogaattis ni geessa.
"Dabalataanis, humnaa ol soofuun ykn gogaa du'e miilarra jiru gadhiisisuun barbaachisaa miti," jedha Zeyichinar.
"Gogaan miidhaa irra gahurraa kan ka'e, qollee irraa ka'u fakkaatu uuma. Kana jechuun, gogaan miila keessanii ofirraa ittisuu isaa agarsiisa. Kanaaf, waan gogaarratti mul'ate kana irraa kaasuun ammoo, umna ofirraa ittisuu gogaa dhabsiisuu ta'a.
Dabalataan, saamunaawwan farra baakteeriyaa kan fayyadamnu taanaan, madaallii lubbu-qabeeyyii dhabsiisuun, sanyii barbaachisoo ta'an dhabamsiisuu danda'a.
Kun ta'uun ammoo lubbu qabeenyyii faayidaa qabaniifi dhukkuba ittisan miidhuun lubbu qabeeyyiin dhukkuba fidan akka baayyatan taasisa sodaa jedhu uuma. Kanaaf, ammoo miila keenyaaf saamunaa fayyadamnu yeroo filannu of eeggachuu nu barbaachisa jechuudha.












