Biyyoonni addunyaa niiwkulaara hidhatan salgan kam fa'i?

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaarratti biyyoonni sagal meeshaa waraanaa niiwkulaara badii guddaa qaqqabsiisu qabaachuun isaanii ifatti beekama.
Federeeshiniin Saayintistoota Ameerikaa (FAS) gabasaa niiwkulaara addunyaa waggaa waggaan baasu, kan bara 2025 tibbana ifoomse irratti yeroo ammaa biyyoonni sagal kaan seeraan kaan immoo seeraan ala niiwkulaara walumagalatti tilmaaman 12,331 qabu jedhe.
Akka Federeeshinivchi jedhutti biyyoonni shan meeshaa niwukilaraa akka qaban waliigaltee niiwkulaaraa akka hin babal'anne mallattessuun (NPT) ifatti beekamtii qabu. Isaanis Biriiteen, Chaayinaa, Faransaay, Ameerikaa fi Raashiyaadha.
Garuu biyyoonni afur ammoo meeshaa waraanaa kana seeraan ala hidhatan. Isaanis Hindii, Paakistaan, Israa'elii fi Kooriyaa Kaabaati.
Lakkoofsi niiwkulaara biyyoota addunyaa kana keessa jiru kan yeroo Waraana Addunyaa Ololaa (Cold war) niiwkulaara 60,000 tti tilmaamu irraa hedduu gad hir'atus, niiwkulaarri amma jiru addunyaaf balaa ta'uu yaaddoo akka qabu Federeshiniin Sayiintistootaa kun kan ibse.
Fakkeenyaaf, doonii bishaan jalaa irratti Ameerikaan niiwkulaarri hidhatte tokko qofa irratti nikularri argamu, boombii atoomikaa lamaan yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti Jaappaan irratti darbatame dachaa torba caala. Akkasumas Ameerikaan dooniiwwan bishaan jalaa nikulara hidhatan akkasii 10 ol qabdi.
Kana malees, humnoonni niiwkulaara gurguddoon Ameerikaa, Raashiyaafi Chaayinaa dabalatee, biyyoota biroo gidduutti haala wal dorgommii fakkaatuun guddisaa jiru.
Dorgommiin meeshaa waraanaa guddichaa kun ammoo yaaddoo guddaa Addunyaa kanaati.
Biyyoonni kunneen hangam qabu?

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lakkoofsi meeshaalee niiwkulaara icciitii mootummaa waan ta'eef ragaa qulqulluu argachuun rakkisaa ta'ullee Federeeshiniin Saayintistoota Ameerikaa /FAS akka tilmaametti Raashiyaan nikulara gara 5,977 qabaachuun addunyaa irraa sadarkaa jalqabaa irratti argamti.
Ameerikaan ammoo nikulara gara 5,428 qabaachuun itti aamnti.
Akka FAS jedhutti, niwukilaraa guutuu addunyaa keessaa tilmaamaan harka 88 ta'u biyyoonni lamaan kana keessatti argama.
Lakkoofsi meeshaa niwukilaraa biyyoonni niwukilaraa hidhatan qaban kunooti:
- Raashiyaa - 5,977
- Ameerikaa - 5,428
- Chaayinaa - 350
- Faransaay - 290
- Biriteen - 225
- Paakistaan - 165
- Hindii - 160
- Israa'el - 90
- Kooriyaa Kaabaa - 20
Iraan meeshaa niiwkulaaraa qabaachuun ishee hin mirkanoofne. Haata'u malee, kuufamni yuuraaniyeemii gabbisaa turte.
Dhaabbati niwukilaraa to'atu kan Dhaabbata Niiwkulaara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti Ejensii Humna Atoomikii Idil-addunyaa Yuuraaniyeemii Iraan gara toonii 5.5 akka ture fi dhibbentaa 60 ol ta'u gabbachuu ibseera.
Haleellaa amma Israa'el irratti raawwatte kanaan hangam akka barbadaa'e waanti ibsame hin jiru.

Madda suuraa, AFP
Chaayinaa, Faransaay, Raashiyaa, Ameerikaa fi Biriteen biyyoota addunyaa 191 fayyadama meeshaa niiwkulaaraa daangessuuf waliigaltee idila addunyaa qophaaye 'Non-Proliferation of Nuclear Weapons' (NPT) mallatteessaniidha.
Akka waliigaltee kanaatti biyyootni hunduu hanga dhuka'aa nikulaara isaanii daangessuu fi dhabamsiisa isaarratti walii galan.
Hindii, Israa'elii fi Paakisataan hanga ammaa waliigaltee kana kan hin mallatteessine yeroo ta'u, Kooriyaan Kaabaa ammoo bara 2003 waliigaltee mallatteessitee turte keessaa baate.
Israa'eel biyyoota niiwkulaara hidhataniiru jedhaman keessa tokko taatus niiwkulaara qabaachuu ishee amantee hin beektu. Kanneen hafan garuu qabna jechuun amananiiru.
Raashiyaan qabaachuu hin ooltu jettee kan himattu Yukireen hanga ammaa meeshaa kana qabaachuu ragaan agarsiisu hin jiru.
Afrikaa keessatti biyya nikulaara qabdu tokkittin Afrikaan Kibbaa kan turte yoo ta'u, bara 1989 fedhii isheetiin meeshaa niiwkulaara ishee diigde, bara 1990tti ammoo nikulaaraa ja'a qabdus mancaafte.












