Waayee haleellaa Israa'el buufataalee Nikularaa Iraan hanga ammaa maal beekna?

Madda suuraa, Getty Images
Israa'eel Jimaata har'aa iddoowwan 'Wiirtuu' sagantaa Nikulaara Iraan jettu haleelte.
Haleellaa kana hordoofee haleellaa haaloo bahiinsaa Iraaniin fudhatamuu danda'a jedhuun Israa'eel labsii yeroo muddamaa labsiteetti.
Haleellaa Israa'eel Iraan irratti fudhatte kanaan hogganaa Warraaqsa Islaamaa Iraan, Huseen Salaamii dabalatee, saayintistoota niikulaaraa akkasumas aanga'oonni humnoota waraanaa biyyattii hedduun ajjeefamuu miidiyaan biyyaalessaa Iraan gabaaseera.
US haleellaa wiirtuu gabbisa Nikulaaraa Iraan irratti fudhatame kana keessatti qooda akka hin fudhanne himte.
Haleellaan kun yoomii fi eessatti raawwatame?
Dhohiinsi guddaan magaala Guddoo Iraan, Teehiraanitti kan dhagahame sa'aatii biyyattii 03:30tti.
Akka miidiyaan biyyaalessaa Iraan gabaasetti haleellaa kanaan manneen jireenyaas miidhamaniiru. Sagaleen dhohiinsa kanaammoo hanga Kaaba Baha Teehiraanitti dhagahame. BBCn gabaasota kana ofiinaddatti hin mirkaneeffanne.
Israa'eel keessatti ammoo sa'aatii walfakkaataatti sagalee saayirenii ykn akeekkachiiftuu qilleensarraa gadhiifameen jiraattonni hirriibaa dammaqan. Kaaniif ammoo bilbila yeroo balaa akeekkachiisu akka qaqqabu ta'e.
Akka miidiyaan biyyaalessaa Iraan gabaasetti haleellaa jalqabaatti aanse sa'aatiiwwan booda wiirtuu gabbisa nikulaaraa Naataanz kan magaala Guddoo biyyattii irraa kiiloomeetira 225 fagaate argamu keessattis dhohiinsi mudate.

Madda suuraa, Reuters
Israa'eel maal jette?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri muummee israa'eel Beenjaamiin Netaanyaahun haleellaa "Operation rising Lion" yookan haleellaa Leenca dammaqaa jiru jedhaniin kanaan wiirtuuwwan waraanaa irratti kan xiyyeeffatee fi Iraan Israa'eliif yaaddoo akka hin taanee fi hin dandamannetti unkuteesse jedhan.
Haleellaan kuni guyyootaaf itti fufuu akka danda'us dubbatan.
"Ji'oota dhihoo asitti Iraan tarkaanfiiwwan kana dura fudhattee hin beekne fudhachaa jirti. Tarkaanfii Yuraaniyeemii gabbisuu fi waraanaf oolchuu."
"Yoo hin dhaabsifamne Iraan yeroo gabaabaa keessatti meeshaaree nikulaaraa omishti. Tari waggaa keessatti ta'uu mala. Tarimmoo waggaadhaan asitti ji'oota keessattis ta'uu mala. Kun immoo jiraachuu israa'eliif yaaddoo guddaadha" jedhan.
Haasaa isaanii kana keessattis Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp 'Sagantaa gabbisa nikulaaraa Israa'eel mormuu isaaniif' haa galatooman jedhan.
Angaa'aan waraanaa Israa'eel BBC'tti dubbate tokko akka jedhutti, Iraan meeshaalee nikulaara gabbisuuf oolan gahaa akka qabduu fi guyyoota keessatti boombiiwwan nukilaraa omishuu dandeessi.

Iraan maal jette?
Dubbi himaan humna waraanaa Iraan akka dubbatanitti US fi Israa'eel 'Gatii guddaa kanfalu' jechuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
Dubbi himaan Humna Waraanaa Iraan Abolfazi shekarchi "Humni Waraanaa keenya haleellaa kanaaf deebii nikenna" jedhan.
US maal jette?
Ministirri Haajaa alaa US, Maarkoo Rubiyoo, haleellaa kanaaf Ameerikaan deeggarsa akka hin goonee fi akka harka keessaa hin qabne dubbatan.
Akka isaan jedhanitti haajaa ijoon Ameerikaa Humna waraanaa Ameerika naannicha qubatanii jiran tiksuudha. Doonaald Tiraamp hanga ammaa waa'ee haleellaa kanaarratti hin dubbanne.
Dubbii angaa'ota kutaalee addunyaarraa waa'ee haleellaa kanaa hanga ammaa dubbatame keessaa ministirri dhimma alaa Awustiraaliyaa Peenii Woong, dubbii cimaa deemaa jiru kanatti yaaddoo akka qabanii fi haleellaan kuni qaxanaa durumaa tasgabbii hin qabne raafama keessa galche jedhan.
Sagantaan nikulaaraa Iraan maali?
Iraan ejjennoo sagantaan gabbisa nukilaraashee hojiiwwan siviliitiif qofa akka oolu dubbachaa turte. Gabbisni nikulaa ishee kuni bakka baayyee kan jiru yoo ta'u muraasni isaanii haleellaa Israa'eeliin rukutamaniiru.
Iraan gabbisni nukilaraashee hojiilee siviliitiif oola haa jettu malee biyyootni hedduun, ejensiin anniisaa atoomikii idil addunyaas ta'e dhaabbilee hedduun yaadashee hojiilee siiviliitiif qofan oolcha jedhu kana hin amanan.
Gabaasni ejensiin Anniisaa Atoomikii idil addunyaa dhiheenya kana baase akka ibsutti, Iraan Yuraaniyeemii harka 60 ta'u qulqulleesitee humna meeshaalee waraanaa boombii nikulaaraa sagal omishuu dandeessisuun geesseetti.












