Diinummaa US fi Iraan walakkaa jaarraa guute dudduuba maaltu jira?

Donaald Tiraamp fi Ayaatolaa Kameenii

Madda suuraa, Reuters / Getty Images

US naannoo Baha Giddu Galeessaa keessa yaaddon nageenyaa jira jechuun Israa'el Iraaniin haleeluu dura dippilomaatota muraasaa fi maatii humnoota waraanaashee achii baastee jirti.

Haleellaan Israa'el raawwatamuu dura tarii yoo raawwatame Iraan ammoo haaloo bahuuf buufataalee waraanafi embasiiwwan US Baha Giddu Galeessaa keessa jiran irratti haleellaa banuu dandeessi yaaddoon jedhu tureera.

Gama biraan ammoo US fi Iraan marii dhimma nikularaa irratti gaggeessaa jiraniin bu'aan barbaachisaan akka hin jirre Tiraamp ibse ture.

Garuu diinummaan biyyoota lamaanii waggoota 50 akkamiin eegale? Biyyoonni lamaan dur michuu garaa turan akkamiin deebi'anii argaa walii jibban? Dudduubeesaa mee haa ilaallu.

Jarraa 20ffaa keessa USfi Iraan gara caalu michummaan akka dabarsaniifi boodarra diinummaansaanii jabaatee hanga ammaa fullaa'u maddi oduu Rooyitarsi ni ibsa.

Jalqaba bara 1950ootaa keessa, Washingtan sirni Sooviyeetii biyyoota Baha Giddu Galeessaa boba'aa omishan keessatti babal'ataa turan dura dhaabbachuuf sirna mootii Shaah Iraan bulchaa ture irratti hirkataa turte.

Haata'u malee, sirni gonfoo Shaah Iraan fudhatamni isaa laaffataa deeme. Bara 1953tti Ameerikaan tika ishee CIA fayyadamuun Ministiira Muummee uummataan filame Mohaammad Mosaadegh irratti fonqolchi akka gaggeeffamu goote.

Muummeen Ministiiraa US aangorraa buuste kun dhaabbata boba'aa omishu UKdhaan qabamee ture kan Iraan akka to'u gochuufi Waraana Hololaa (Cold War) keessatti ijjannoo gar-lamee qabachuu dhiisuuf kan murteesse ta'uun rakkoo akka itti uumetu himama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga mootummaan uummataan filame aangorraa bu'een booda, sirna gonfoo Iraan kan ture Shaah Mohaammad Reezaa aangotti akka deebi'u goote. Sirni gonfoo Shaah, US dabalatee michuu biyyoota lixaa waan ta'eefi jedhamee amanama.

Haata'u malee, warraaqsa Iraan keessatti mudateen sirni gonfoo Shaah bara 1979tti aangorraa kaafamuun Sirni Warraaqsa Islaamaa aangoo qabate.

Ergasii walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii waggoota 50 darbaniif adda citeera.

Mootummaan Waraaqsa Rippaabilika Iraan qaamota Israa'eel faallaa dhaabbataniifi Musliimota Shiyaa ta'anitti babal'isuu barbaade. Mootummaan Iraan amma jiru Israa'el Baha Giddu Galeessaa keessatti akka bakka buutuu UStti fudhata. Israa'eel bakka buutuu impeeriyaalistii warra Lixaa jechuunis fudhata.

Eegdonni Warraaqsa Rippaabilika Islaamaa Iraan Libaanos keessatti bara 1980oota keessa garee Hezbollaa hundeessan. Ameerikaan ammoo haleellaa boombii bara 1983tti Beerut keessatti lammiileeshee 300 ajjeesef Hezbollaa himatte.

Hezbollaan garuu haleellaa sanaaf itti gaafatamummaa hin fudhanne. Gama biraan Iraan gadoo yeroo dheeraa UStti qabattee jirti.

Bara 1980 keessa yeroo Iraaq daangaa Iraan weeraruun loltoota biyyattiirratti meeshaa keemikaalaan haleellaa gaggeessitu, USn walitti dhufeenya dippilomaasii Baagdaad waliin ittuma fufte.

Kan biraa ammoo bara 1988 keessa humni galaanaa US dogoggoraan xayyaara sivilii Iraan rukutee kuffisuun namootni 290 du'anii ture. Kunis garaan Iraanifi US caalmatti akka walitti madaa'uuf sababoota jiran keessaayi.

Bara 1990 booda muddamni Iraanifi US gidduutti dhalate gidduun qabbanaa'ee ture. Sababni isaa Iraaq Kuweetin weeraruu hordofee, xiyyeeffannoon US Iraaqirra ta'e. Kan biraa ammoo Iraan keessatti pirezidaantin ilaalcha jijjiiramaa qaba jedhamu Mohaammad Kataamii bara 1997tti Iraanitti aangoo qabachuu isaaniti.

Mohaammad Kataamii US dabalatee biyyoota lixaa waliin muddama jiru hir'isuun walitti dhufeenya gaarii uumuf nama fedhii agarsiisedha.

Haata'u garuu, waggoota muraasa booda US fi Iraan gidduutti muddamni deebi'ee dhalate. Keessumaa bara 2000 keessa pirezidaantiin US Joorj W. Buush Iraanin "Garee Tumsa Hammeenyaa" jechuun farrajuu isaaniti.

Buush "Garee Tumsa Hammeenyaa" jechuun kan farraje Iraan qofa osoo hin taane Iraaqifi Kooriyaa Kaabaa itti dabaluuni.

Kun ammoo Iraanin garmalee dheekkamsiise. Iraan sana dura dhoksaan sagantaa gabbisa nikularaa hojjataa turte. Bara 2002tti biyyattiin nikulara gabbisaa akka jirtu icciitiinsaa ifa ta'e.

Bara 2002 US Iraaqin weeraruunshee ammoo dhiibbaa Iraan biyya amantoonni Shiyaa itti heddummatan Iraaq keessatti uumuf jettu jalaa danqamuutti US waliin caalmatti muddamni itti fufe.

USfi Iraan Baha Giddu Galaa keessatti eenyun deeggaru?

USfi Iraan lamaansaanituu Baha Giddu Galeessaa keessaa harka dheeraa qabu. Lamaanuu garee deeggaraniifi hidhachiisan qabu. Dhiibban isaan naannicha keessatti qaban akkaan guddaadha.

Iraan garee Libaanos keessa socho'u Hezbollaan alatti, humnoota Shiyaa ta'an Iraaqifi biyyoota naannichaa keessa socho'an leenjii, maallaqaafi meeshaa waraanan deeggarti.

Gareewwan kun yeroo garaa garaatti buufataalee US Baha Giddu Galeessa jiran irratti haleellaa ni gaggeessu.

Hidhattoonni Huutii Yaman Iraanin deeggaraman ammoo Galaanaa Diimaa irratti dooniwwan daldalaa haleelaa ture.

Israa'el wajjin waggaa lamaaf Gaazaa keessatti lolatti kan jiru Hamaasis Iraanin deeggarama.

US ammoo Israa'el deeggarti. Israa'elifi Iraan akkasumas humnoonni Iraan Baha Giddu Galeessaa keessatti deeggartu waliif diina.

Israa'el qofa osoo hin taane biyyoota Arabaa naannicha jiraniifi Sunnii ta'an waliin hidhata cimaa qabdi. Biyyoonni kunneen dhiibbaa Iraan Baha Giddu Galeessaa keessatti taasiftu dura dhaabbachuu barbaadu.

Saawudii Arabiyaafi biyyoonni Sunnii ta'an biroo Iraan waliin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu baatanis, US tarii Iraan irratti haleellaa waraanaa yoo gaggeessite Iraan deebitee haaloo isaan bahuu akka dandeessu yaaddoo qabu.

Gabbisi nikularaa Iraan taasistu akkamiin dubbii hammeesse?

Iraan dhoksaan yuraaniyeemii boombii nikulraa omishuuf gargaaru gabbisaa jiraachun erga dhagahamee as US kana dhaabsisuuf raftee bultee hin beektu.

Iraan sagantaa gabbisa nikularaa gaggeessitu akka dhaabduf qoqqoobbii kaa'uu dabalatee biyyoonni Lixaa dhiibbaa guddaa irraan gahuu eegalan.

Iraan sagantaa gabbisa nikularaa anniisaf malee boombii nikularaaf akka hin taane waakkachuu itti fufteetti.

US fi biyyoonni lixaa kaan ammoo, Iraan irra deddeebin waa'ee sagantaa gabbisa nikulara ishee qabxiilee jiran hunda osoo ifa hin godhin kan icciitin gabbisti jechuun himatu.

Inumaayyuu Iraan boombii nikularaa omishuuf fedhii qabdi jechuuni yeroo garaa garaatti kan qoqqobbii irra kaa'aa turan. Iraan sababa kanaan ammayyuu qoqqobbii jala jirti.

Bara 2015 keessa Iraanifi US dabalatee biyyoonni jajjaboon jaha waa'ee gabbisa nikularaa Iraan irratti waliigalteerra gahanii turan.

Akkaataa walii galtee sanaan, Iraan hojii gabbisa nikularaa gaggeessitu akka hir'istuufi qaama to'atuuf ifa gootu, bakkasaa ammoo qoqqobbiin garaa garaa irra kaa'ame akka irraa ka'uudha.

Doonald Tiraamp yeroo pirezidaantummaasaa marsaa jalqabaa bara 2018 US waliigaltee sana keessaa akka baatu taasise.

Tiraamp marsaa lammataa filamee akkuma dhufeen dhimma nikulara Iraan akka ajandaa cimaatti qabachuun Iraan US waliin mariyattee waliigalteerra kan hin geenye yoo ta'e, tarkaanfiin waraanaa akka irratti fudhatamu akeekkachiise.

Ji'oota muraasa darban keessa biyyoonni lamaan marsaa shan wal-arguun dhimma kana mariyataniiru. Marsaa jahaffaa ammoo Waxabajjii 15, gaafa Dilbataa Omaanitti wal-gahuun mariyatu.

Iraan boombii nikulaeaa akka omishtuuf tasumaa hayyamamuufii akka hin qabne Tiramp akeekkachiisee jira.

Dhimma Iraanirratti ijjannoon Israa'el maaliif murteessaa ta'e?

Iraanii fi Israa'el diinummaa bara dheeraa qabu. Israa'el Iraanin akka madda yaaddoo nageenyaashee cimaatti waan fudhattuuf, buufatalee nikularaa Iraan haleeluu dandeessi kan jedhu yaaddoo cimaatu jira.

Israa'el Iraanirratti haleellaa waraanaa kan gaggeessitu yoo ta'e, US ammoo kallattinis ta'u al-kallattiin waraanicha keessatti hirmaachunshee waan hin oolledha.

Kun ammoo USfi Iraaniyyuu gara waraanatti geessuu mala.

Haleellaa buufataalee nikularaa Iraan irratti yeroo garaa garaa gaggeeffamaa tureef Israa'el harka akka keessaa qabdi hedduun irratti walii galu. Haleellaa saayibarii Stuxnet jedhamuun buufatata gabbisa niukularaa Iraan irratti gaggeeffameefi ajjeechaa saayintistoota nikularaa Iraan keessaa Israa'el akka harqa qabdutu himama.

Israa'el garuu haleellaawwan kanneen raawwachuu hin amantus hin haaltus. Erga Hamaas bara 2023 Israa'el irratti haleellaa gaggeessee waraanni Gaazaa itti fufee as ammoo muddamni jabaatee itti fufe.

Bara darbe Israa'el michuu jabaa Iraan kan ta'e Hezbollaarratti lola banteen akkaan dadhabsiistetti. Sooriyaa fi Iraaq keessa jiran irrattis haleellaa raawwatteetti. Hidhattoonni Huutii Yamaniifi Israa'el ammayyuu darbanii darbanii walitti dhukaasuu hin dhaabne.

Bara darbe Iraanii fi Israa'el ammoo marsaa lama misaa'elaafi diroonin wal-haleelaniiru. Suni biyyoota lamaan gara waraana guututti geessee, US illee hirmaachise jedhamee sodaatamus hanga ammaa hin taane.