'US fi Israa'el maqaa marii nikularaa jedhuun kiyyoo na galchuu barbaadu' - Iraan

Madda suuraa, AFP
Ameerikaafi Israa'el marii dhimma nikularaa fayyadamuun kiyyoo keessa galchuuf barbaadaa akka jiran Iraan himatte.
Iraan kana kan jette mariin dhimma nikularaa Iraan gabbistu ilaalchisee Tehraaniifi Waashingtan gidduutti yeroo gaggaaffemaa jirutti ta'uu Rooyitars gabaase.
US fi Iraan hanga ammaa marsaa shan wal-arganii yoo mariyatan marsaa jahaffaa marii itti fufuuf Dilbata dhufu Omaanitti mariyatu jedhame.
Haa ta'u garuu, marii marsaa jahaffaa kana dura Iraan yaada kenniteen US fi Israa'el marii dhimma nikularaa kana fayyadamuun "kiyyoo cimaa" keessa ishee galchuu akka barbaadaa jiru.
Miseensonni paarlaamaa Iraan, Kibxata Waxabajjii 10 ibsa baasaniin, US fi Israa'eel maqaa marii nikularaan Iraan kiyyoo bara dheeraa keessa galchuuf 'shiraa' akka jiran Rooyitars gabaase.
Gama biraan ammoo US marii dhimma nikularaa Iraan irratti taasiftus iddoo guddaa itti kennitee akka hin taanefi kaayyonshee Iraan kiyyoo keessa galchuu akka ta'e ibsan miseensonni paarlaamaa Iraan kun.
"US marii mariiwwan gaggeeffaman irratti xiyyeeffannoon marii hin gaggeessitu. Yaada ishee namarratti fe'uu akka kaayyoo marichaatti kaawwattee jirti," jeechuun faallaa mirgoota Iraan tasumaa sharafamuu hin dandeenye dhaabbattee akka jirtu hima ibsi parlaamaa Iraan kun.
Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Wiixata darbe akka ibsanitti, gabbisa yuraaniyeemii ilaalchisee gareen lachuu ammayyuu walirraa fagoo akka jiran himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Iraan garuu sagantaa nikularaashee keessaa gabbisni nikularaa dhimma mariif dhiyaatu akka hin taane ibsaa turte.
Erga Tiraamp aangoo qabatanii as ji'oota muraasa keessatti si'a biyyoonni lamaan si'a shan wal-arganii mariyatanii marsaa jahaffaa beellama biraa qabataniiru.
Guuyyaa mariin marsaa lammataa USfi Iraan gidduutti gaggeeffamu ilaalchisee yaadota wal-faallessutu gama lachuuyyuu dhagahame.
Tiraamp gamasaanin marichi Kamisa, Waxabajjii 12, akka gaggaffamu yoo ibsan, dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan ammoo Dilbata dhufu Omaanitti gaggeeffama jedhan.
Gama biraan ammoo Iraan dhimma gabbisa nikularasheerratti wixinee ofiishee Ameerikaadhaaf akka qooddu beeksifte.
Kunis yaadi furmaataa US dhiyeessite fedhii Iraan kan faallessuufi qoqqobbii Iraan irraa kaasuu ilaalchisee US yaada ifa ta'e hin dhiyeessine kan jedhuun ta'uu ibsan miseensonni parlaamaa Iraan.
"Waliigalteen fudhatama qabu qoqqobbiin Iraanirra kaa'ame guutummaan yoo kaafameefi fayidaawwan diinagdee Iraan kan mirkaneessu yoo ta'e qofaadha," jedha ibsi Iraan kun.
Tiraamp akkuma aangotti dhufeen xalayaa gaggeessaa Iraan Ayaatolaa Kameenif ergeen, US dhimma nikularaa irratti Tehraan waliin mariyachuu akka barbaaddufi yoo hin taane ta'e tarkaanfii waraanaa akka fudhattu ibsanii ture.
Iraanis marii gaggeessuf fedhii qabaachuu ibsuun osoo hin turin marii eegalan.












