Sa'uudiin Iraan Tiraamp waliin waliigaluu yoo baatte Israa'eliin akka haleelamtu akeekkachiifte

Hogganaan Olaanaa Iraan Ayaatollaah Alii Kameni fi Ministira Ittisaa Sa’uudii Pirinsi Kehaalid Bin Salmaan Iraan Tehran keessatti

Madda suuraa, Reuters

Ministirri Raayyaa Ittisa biyyaa Sa'uud Arabiyaa baatii darbe keessa qondaaltota Iraan Tehran jiraniif ergaa ifa ta'e tokko dabarsanii ture.

Waliigaltee Nikularaa Pirezidaanti Doonaald Tiraamp dhiyeessan akka ciminaatti fudhadhaa sababiin isaas karaan tokkichi balaa waraana Israa'el irraa dhufu irraa of eeguun danda'amu kana qofa waan ta'eef'' jechuun yaada dhiyeessan.

Ammas naannicha keessatti tasgabbii dhabuun dabaluu akka danda'u kan yaadda'an mootiin Sa'uudii Salman bin Abdulaziz ilma isaanii Kahaalid Bin Salmaan akeekkachiisa kana hogganaa ol'aanaa Iraan Ayaatollah Ali Kahamen biraan akka ga'u erguu maddeen Galoo Galaanaa lama dhimma mootummaa itti dhiyeenyaan beekani fi qondaaltonni Iraan lama himaniiru.

Marii cufaa Ebla 17 Teehiraan keessatti mooraa pirezidaantichaa keessatti geggeeffame irratti kan argaman prezidaantiin Iraan Masowud Pezeshakishiyaan, Hogganaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Mohammad Bagheri fi Ministira Dhimma Alaa Abbaas Araachi akka ta'an maddeen gabaasaniiru.

Miidiyaaleen daawwannaa mootii kanaa wayita gabaasaa turan waa'ee qabiyyee marii dhoksaa mootii Salmaan kana hin ibsine

Bara hojii jalqabaa Tiraamp Waashingitanitti ambaasaaddara Sa'uudii ta'uun kan tajaajilan Prinsi Kaaliid, hogganaan U.S dhimma kana irratti mari'achuuf obsa fixachaa akka jiran qondaaltota Iraan akeekkachiisaniiru, akka maddeen afran kanaatti.

Tiraamp torban dura mariin kallattiin Tehran waliin taasifamaa akka jiru kan beeksisan yoo ta'u, kunis sagantaa niwukilaraa Iraan to'achuufi qoqqobbii irraa bilisa gochuu irratti kan xiyyeeeffate ta'uu himaniiru.

Kana kan beeksisan wayitaa Muummichi Ministeeraa Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu, tarkaanfii waraanaa dhaabbilee niwukilaraa Iraan irratti fudhatamuuf deeggarsa barbaaduuf gara Waashingitanitti imalanitti ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tehran keessatti, Gareen Tiraamp garee qondaaltota olaanoo Iraan kana waliin saffisaan waliigalterra ga'uu akka qabanii fi qaawaa dippiloomaasii kana cufan Kaalid hoggantoota olaanoo Iraanitti himuu maddeen afran kunneen eeraniiru.

Ministirri Sa'uudii yoo mariin kun fashalaa'e haleellaa Israa'el irraa mudachuu danda'uf balaadhaaf saaxiluu caalaa U.S. waliin waliigaltee mirkaneessuun filatamaa ta'uu agarsiisaniiru jedha maddeen Galoo Galaanaa laman.

Naannichi duraanuu waldhabdee dhiheenya kana Gaazaa fi Libaanos keessatti uumameen raafama keessa jira.

Wal dhabdee dabalataa guutuu bha giddu galeessaa raasuu fi gaaga'ama dandamachuu hin dandeenye geessisuu akka malullee maddeen kun ibsaniiru

Angawoonni Sa'udii fi Iraan lamaan yaada kenna irratti deebii akka kennan gaafatamanii deebii hin kennine.

Daawwannaan ilma mootii Kaaliid - waggoota digdamaa oliif miseensa olaanaa maatii mootii Sa'uudiitiin Iraanitti taasifame kan jalqabaa ta'uu isaatiin, taatee dippilomaasii guddaa ta'eeraTehran keessatti, Gareen Tiraamp garee qondaaltota olaanoo Iraan kana waliin saffisaan waliigalterra ga'uu akka qabanii fi qaawaa dippiloomaasii kana cufan Kaalid hoggantoota olaanoo Iraanitti himuu maddeen afran kunneen eeraniiru.

Ministirri Sa'uudii yoo mariin kun fashalaa'e haleellaa Israa'el irraa mudachuu danda'uf balaadhaaf saaxiluu caalaa U.S. waliin waliigaltee mirkaneessuun filatamaa ta'uu agarsiisaniiru jedha maddeen Galoo Galaanaa laman.

Naannichi duraanuu waldhabdee dhiheenya kana Gaazaa fi Libaanos keessatti uumameen raafama keessa jira.

Wal dhabdee dabalataa guutuu bha giddu galeessaa raasuu fi gaaga'ama dandamachuu hin dandeenye geessisuu akka malullee maddeen kun ibsaniiru

Angawoonni Sa'udii fi Iraan lamaan yaada kenna irratti deebii akka kennan gaafatamanii deebii hin kennine.

Daawwannaan ilma mootii Kaaliid - waggoota digdamaa oliif miseensa olaanaa maatii mootii Sa'uudiitiin Iraanitti taasifame kan jalqabaa ta'uu isaatiin, taatee dippilomaasii guddaa ta'eera

Pirezidaanti Doonaald Tiraamp fi mootiin gonfoo Sa’uudii Mohaammad Bin Salmaani fi jila isaanii

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaanti Doonaald Tiraamp fi mootiin gonfoo Sa'uudii Mohaammad Bin Salmaani fi jila isaanii

Iraan waliigalticha ni barbaaddii?

Riyaad fi Tehran seenaa keessatti mormitoota ciccimoo kan turan yoo ta'u, yeroo baay'ee waldhabdee bakka bu'ummaa keessatti gareewwan mormitootaa kan deeggaran yoo ta'u, bara 2023 giddu galumma Chaayinaan waldhabdichi akka furamuu fi hariiroo dippilomaasii akk deebi'u ta'e

Waggoota lamaan darban keessa Israa'el michoota ishee Hamaas Gaazaa fi Hizbullaah Libaanos haleeluu fi michuu ishee dhiyoo hogganaa Siiriyaa Bashar al-Asad kuffisuun ejjennoo naannoo Iraan kan miidhame ta'uun ibsameera.

Gama biraan qoqqobbii biyyoota dhihaa dinagdee ishee boba'aa irratti hirkate akka malee rukuteera.

Xinxalaa siyaasaa dhimma Baha giddu galeessa fi Giddu gala Beerut kan ta'an Mohanad Hage Ali, Sa'uudii Arabiyaan dhiibbaa dippilomaasii taasisuun waraanni naannwa sanatti akka hin kaane gochuuf yaalaa kan jirrtu ta'uu ibsan.

''Waraanni fi waldhabdeen Iraan waliin taasifamuun isaanii fi mul'ata dinagdeef hawwii isaanii irratti dhiibbaa hamaa waan qabuuf waraana irraa fagaachuu barbaadu,'' jechuun Rooyitarsitti himaniiru.

Walgahii kana irratti PezeshkiYan deebii kennaniin Iraan qoqqobbii biyyoota dhihaa kaasuun dhiibbaa dinagdee xiqqeessuuf waliigaltee akka barbaaddu maddeen afran kunneen himaniiru.