'Iraan waliigalteerra hin geessu taanaan, rakkoo hamaa keessa galti' - Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images
US fi Iraan dhimma nikulara Iraan irratti kallattiin waliin mariyachuuf akka jiran Tiraamp beeksise.
Biyyoonni lamaan dhimma gabbisa nikularaa irratti Sambata dhufu kallattiin marii gaggeessuuf jiru jedhame.
Ministeerri Dhimma Alaa Iraanis waa'ee marii gaggeeffamuuf jedhuufi qunnamtii turee mirkaneesseera.
Bara bulchiinsa isaa jalqabaa Tiraamp waliigaltee nikularaa bara 2015 US fi biyyoonni lixaa taasisanii turan keessaa bahee kan ture.
Marsaa lammataa aangootti akka dhufeen ammoo Iraan dhimma gabbisa nikularaa taasisturratti US waliin waliigalteerra gahuu baannaan tarkaanfii humnaa akka irratti fudhatu akeekkachiisaa ture.
Waliigalteerra hin ga'amu taanan "Iraaniif guyyaa badiiti" jechuun dubbate Tiraamp.
Ji'a darbe keessa gaggeessan Iraan Ayaatolaa Kameeniin waamicha US kallattiin marii gaggeessuu dhiyeessite kufaa gochuusaanii hordofee Tiraamp humna waraanaa akka fayyadamu akeekkachiisee ture.
US fi Iraan kallattiin marii gaggeessuuf akka jiran Tiraamp kan beeksisan MM Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu waliin ta'uun yeroo gaazexessitootaf ibsa kennanittiidha.
"Gaafa Sambataa [Iraan waliin] walgahii guddaa qabna, kallattiin isaan waliin dubbanna. Tarii waliigalteerra gahuu dandeenya, sunimmoo baay'ee gaarii ta'a," jechuun Iraan waliigalteerra hin gaassu taanan waanti hamaan akka ishee mudatu akeekan.
"Waliigalteen hin milkaa'u taanan, Iraan rakkoo hamaa keessa galti. Iraan meeshaa waraanaa nikularaa qabaachuu hin dandeessu. Mariin hin milkaa'u taanaan, Iraanif guyyaa hamaa ta'a jedheen yaada," jechuun akeekkachise Tiraamp.
Waa'ee Iraan waliin kallattiin marii gaggeessuu ilaalchisee, hangam akka waliin dubbataa turan, eenyu fa'aa akka irratti hirmaatan, fi kaan odeeffannoo bal'aa hin kennine.
Minitiirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaqchii akka jedhanitti bakka bu'oonni biyyoota lameenii gaafa Ebla 12 Omaanitti wal-arguun mariyatu.
"Akkuma qormaata qabu carraas qaba, kubbaan harka Ameerikaa jirti," jechuun fuula X gubbaatti barreessan Abbaas Araaqchii.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp Iraan waliin kallattiin marii gaggeessuu akka barbaadu ji'a Bitootessaa keessa Iraanif karaa qaama sadaffaa xalayaa ergee ture.
Iraan boombii nikularaa akka hin omishne gochuun tarsiimoo USfi michoonnishee waggootaf qabatanii jiraniidha.
Xalayaa Tiraamp ergeef hordofee Iraan karaa qaama sadaffaa yoo ta'e malee kallattiin US waliin dubbachuu akka hin barbaanne ibsitee turte.
Haa ta'u garuu amma biyyoonni lamaanuu dhuma torban kanaa irraa ka'uun marii gaggeessif akka jiran beeksisanii jiru.
Tiraamp Iraan waliin dhimma gabbisa nikularaa irratti marii gochuu eegaluu kan beeksise yeroo gaggeessan Israa'el daawwannaaf US jirutti.
Israa'el gamasheen Iraan karaa kamiinuu meeshaa nikularaa akka hin omishne gochuun kaayyooshee jalqabaati.
Buufataalee gabbisa nikularaa Iraan irratti haleellaa akka gaggeessitu waggootaf akeekkachiisaa turte.
Bara darbe haleellaa misaa'elaa Iraan Israa'el irratti gaggeessuu hordofee Israa'el ammoo buufata gabbisa nikularaa Iraan haleeluu beeksiftee turte.












