Humnoonni isheen deeggartu kan jalaa dadhaban Iraan hireen ishee maal ta'a?

Asaad fi Ayaatollaah Alii Khaameenii

Poostariin suuraa Hogganaa Ol'aanaa Iraan Ayaatollaah Ali Kameenii daawitii caccabeefi alaabaa ciccirame gidduutti imbaasii Iraan Damaasqootti argamuutti lafatti kufee mul'ata.

Akkasumas, suuraalee ciccitoo hogganaa Hezboollaa Libanoos duraanii, Hasan Nasrallaa kan baatii Fulbaanaa keessa haleellaa qilleensaa Israa'el Beerut keessatti raawwateen ajjeefamanis jiru.

Alaan ammoo, seeraamikiin halluu cuquliisaan faayame fuula imbaasichaa duratti argamu hin tuqamne. Garuu ammoo suuraan guddaan ajajaa waraana duraanii Eegdota Warraaqsaa Iraan, Qaasiim Solemaanii, kan ajaja Doonaald Tiraamp yeroo pirezidaantummaa isaanii jalqabaatiin ajjeefame manca'eera.

Kun kufaatii michuu Iraan ijoo, kan Pirezidaantii Sooriyaa Bashaar al-Asaad dabalatee, moʼamuu walduraa duubaan ishee mudate mul'isa.

Iraan wayita humnoonni Rippabilikni Islaamaan deeggaraman bakkaa bakkatti injifatamanii booda bayyanachaa jirtuufi UStti bakka pirezidaantummaa haaraa Doonaald Tiraampiif qophaa'aa jirutti maal murteessiti? Sirna abbaa hirummaa kanaan itti fuftimoo marii warra lixaa waliin haaromsiti laata?

Sirnichi ammoo hangam tasgabbaa'aadha?

Nama suuraa Qaaseem Solemaanii irra ejjatu

Madda suuraa, Getty Images

Erga Asaad kufeen booda haasaa jalqabaa taasisaniin Khaameeniin, fuula gootummaan dubbate. Bara 1989 irraa eegalee Iraan keessatti aangoo guutuu kan qabu isa. Amma umuriin isaa waggaa 85 yoo ta'u, namni aangoorraa fuudhu qormaata ta'eera.

"Iraan biyya cimtuu humna qabdu - daran ni cimti," jechuun dubbate.

Gamtaan Baha Giddu Galeessaa keessatti Iraanin durfaman, kanneen akka Hamaas, Hizbullah, Huusii Yaman fi milishoota Shi'aa Iraaq of keessatti hammates akka cimu cimsee dubbatan.

"Akkuma dhiibbaan godhamuun mormiin cimaa deema. Akkuma yakkaan isan raawwattan baay'atuun kutannoonsaa dabalaa deema. Akkuma isan lola bantaniin hammi itti qabsaa'an bal'achaa deema" jedhan.

Garuu ajjeechaan Hamaas Israa'el keessatti Onkoloolessa 7 bara 2023 raawwatte kan Iraan yoo hin deeggarin harka rukutteef booda naannicha keessatti sirnicha akka raafamu taasiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Israa'el diinota ishee irratti haaloo bahuun ishee Baha Giddu Galeessaa keessatti haala haaraa uumeera, Iraan baay'ee miidhaa keessa galte.

"Gamtaan milishootaa fi dhaabbilee siyaasaa Baha Giddu Galeessaa keessatti Iraanin deeggaraman Israa'eliin caccabde, amma immoo taateewwan Sooriyaa keessatti dhoohe daran miidheera.

''Iraan naannicha keessatti Huusii Yaman keessa jiran malee humna biraa hin qabdu," jedha dippilomaatii Ameerikaa fi itti aanaa gorsaa nageenya biyyaalessaa duraanii Jeems Jeefriin.

Iraan ammallee milishoota humna guddaa qaban Iraaq keessatti ni deeggarti. Garuu akka Jeefriin jedhutti: "Kun guutummaatti kufaatii olaantummaa naannoo tokkoo kan kanaan dura hin argamin."

Asaad yeroo dhumaaf ummata duratti kan argame walgahii Mudde 1 Ministira Dhimma Alaa Iraan waliin taasisaniin. Yeroo sanitti finciltoota magaalaa guddoo Sooriyaa irratti tarkaanfatan "caccabsuuf" dhaadatan.

Amma biyyaa baqatee Raashiyaa keessa akka jiru ibsameera.

Sooriyaatti ambaasaaddarri Iraan, Hoseen Akbaariin Asaad ''fuula diddaa'' jechuun ibsaniiru. Ta'us, yeroo kufaatiin Bashar al-Asaad ga'u, Iraan laafaa turte – kufaatii tasaa humnoota isheetiin kan rifatte, isaaf gargaaruu hin dandeenyee, fedhiis hin qabdu turte.

Asaad fi Ayaatollaah Alii Khaameenii

Madda suuraa, Getty Images

Akkaataa Iraan neetworkii ishee ijaarte

Asaad fi Ayaatollaah Alii Khaameenii

Madda suuraa, Getty Images

Iraan naannicha keessatti dhiibbaa uumuu fi haleellaa Israa'el ofirraa ittisuu waggoota kurnan lamaan darbaniif networkii milishootaa ijaaruun dabarsitee turte. Kunis Warraaqsa Islaamaa bara 1979 irraa eegalee kan jalqabedha.

Lola Iraaq waliin ittaanee dhufe keessatti abbaan Bashar al-Asaad Hafeez Iraan deeggare.

Gamtaan abbootii amantaa Shi'aa Iraan fi Asaad (kanneen garee Alawite xiqqaa irraa ta'an) Baha Giddugaleessaa baay'inaan Sunnii ta'an keessatti bu'uura aangoo Iraan cimsuuf gargaareera.

Sooriyaanis Iraan michuu ishee Libaanos, Hezbullaa fi gareewwan hidhattoota naannoo sanaa biroof karaa dhiyeessii murteessaa turte.

Iraan kanaan dura Asaad gargaartee turte. Fincilli ummataa bara 2011 gara waraana biyya keessaatti erga jijjiiramee booda,Iraan loltoota, boba'aa fi meeshaa waraanaa kenniteef. Loltoonni fi jeneraalonni Iraan 2,000 ol ta'an "gorsitoota waraanaa" ta'anii osoo tajaajilaa jiranii achitti ajjeefamaniiru.

"Bara 2011 irraa eegalee Iraan Sooriyaa keessatti doolaara biiliyoona 30 hanga biiliyoona 50 akka baaste ni beekna," jedhu Dr Sanaam Vakiil, dhaabbata Kataam Haawusitti daayreektarri sagantaa Baha Giddugaleessaa fi Kaaba Afrikaa kan ta'an.

Amma daandiin Iraan gara fuulduraatti Hezbullaah fi kanneen biroof meeshaa ittiin dhiyeessuu dandeessu addaan citeera.

"Gamtaan kun networkii Iraan gadi fageenya irratti hojjetee fi kallattiin haleellaa fi haleellaa isaan irraa eeguuf qophaa'e ture," jechuun Dr Vakiil. Kun akka tooftaa tokkootti akka fashalaa'e ifaadha."

Iraan itti aansee maal akka gootu kufaatii Asaad qofa osoo hin taane yeroo Isheef Israa'el gidduutti waldhabdee kallattiin uumameen waraanni ishee Israa'el caalaa miidhamuunsaa dhiibbaa ni qabaata.

Misaa'eloonni Iraan Onkoloolessa keessa Israa'el irratti furguggifte harki caalaan isaanii kan qolataman yoo ta'u, tokko tokko buufata xiyyaaraa hedduu irratti miidhaa geessisaniiru. Haleellaan Israa'el ittisa qilleensaa fi dandeettii oomisha misaa'elaa Iraan irratti miidhaa guddaa geessiseera.

''Doorsisni misaa'elaa isaanii bu'aa kan hin buufne ta'uun isaa mirkanaa'eera,'' jedhu Jeefriin.

Hogganaa duraanii Hamaas Ismaa'il Haniyeen Tehraan keesatti baatii Adoolessaa ajjeefamuun Iraaniif qaanii guddaa ture.

Egeree biyyattii

As irraa eegalee aantummaa guddaan Rippabiliika Islaamaa jiraachuu isheeti.

"Dhiibbaa bulchiinsi Tiraamp fidu malu irraa dandamachuuf jecha ejjennooshee jijjiirtee, qaamota hidhatan kanneen hafan cimsuu fi hariiroo naannoo irratti deebitee invast gochuu mala," jedhu Dr Vakiil.

Deennis Hooraak itti gaafatamaa dhimma Kaanaadaa ta'uun waggoota sadii Iraan keessa ture.

"Sirna baayyee dandamatuu fi humna guddaa kan qabuudha, kana caalaas baay'ee waan hedduu gadi lakkisuu danda'u," jedha.

Ammallee humna dhukaasaa guddaa qaba jechuun falma, kanaa yoo Israa'el waliin waldhabdeen uumame biyyoota Arabaa Galoo Galaanaa irratti fayyadamuu danda'a. Iraan akka qoosatti akka hin ilaalle akeekkachiisa.

Haata'u malee, sadarkaa idil-addunyaatti gadi fageenyaan laafaa dhufeera. Doonaald Tiraampin tilmaamamuu hin dandeenye US keessatti pirezidaantummaa fudhachuuf kan jedhu yoo ta'u, Israa'el ammoo dandeettii diinoota ishee ofirraa cabsituun agarsiistetti.

"Iraan doktiriinii ittisaa ishee adda durummaan hidhattoota biyyoota ollaa irratti hirkate irra deebitee madaaluun ishee hin oolu," jedhu Dr Vakiil.

Biyyattiin nageenya akka argatu gochuuf sagantaa niwukilaraashee irratti invastimantiin guddaan sun akka barbaachisaa ta'uu fi dhiisuu isaa murteessuuf ni yaalti."

Dandeettii niwukilaraa

Suuraa Asaad

Madda suuraa, Getty Images

Iraan sagantaa niwukilaraa ishee guutummaatti nagaa ta'uu cimsitee dubbatti. Garuu erga Doonaald Tiraamp bara 2015 waliigaltee qoqqobbii dinagdee isaan irraa kaasuun akka sochii niwukilaraa daangeessan godhu dhiisee kaasee dandeettiin niwukilaraa isaanii guddateera.

Waliigaltee kanaan Iraan Yuuraaniyeemii hanga qulqullina dhibbeentaa 3.67'tti akka guddiftu hayyamameef. Yuuraaniyeemii badhaadhina xiqqaa qabu boba'aa warshaalee anniisaa niwukilaraa daldalaaf oolu oomishuuf itti fayyadamuun ni danda'ama.

Dhaabbanni to'annoo niwukilaraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Ejensiin Annisaa Atoomikii Idil-addunyaa, Iraan amma saffisa yuuraaniyeemii badhaadhina qabu oomishuuf gara dhibbeentaa 60'tti baay'ee guddisaa jirti jedha.

Iraan kana kan gooteef Tiraamp deebi'ee qoqqobbii kaa'uu fi bulchiinsi Baayiden waliigaltee kana deebisee kaasuuf yaaluun waan dadhabeef haaloo ba'uuf akka ta'e ibsiteetti.

Yuuraaniyeemii sadarkaa meeshaa waraanaa ta'ee fi boombii niwukilaraatif barbaachisu dhibbeentaa 90 fi isaa ol ta'uu qaba.

Hogganaan IAEA Raafaa'eel Giroosii wanti Iraan hojjechaa jirtu mo'amuu biyyattii mudateef deebii kennuu ta'uu akka danda'u yaada dhiyeessan.

Baay'ee yaaddessaadha," jetti ogeettiin babal'ina niwukilaraa dhaabbata yaada Inistiitiyuutii Tajaajila Rooyaal Yunaayitid Dariyaa Dolzikoova.

"Sagantaan niwukilaraa kun bakka bara 2015 ture irraa guutummaatti jijjirameera.

Amma Iraan Amma Iraan torban tokkoo keessatti Yuuraaniyeemii meeshaa waraanaa tokkoof gahaa ta'e oomishuu akka dandeessu tilmaamama.

"Meeshaa niwukilaraa geejjibsiifamuu danda'utti hangam akka dhihaatan hin beeknu. Garuu Iraan beekumsa hedduu argatteetti, kunis dhuguma duubatti deebi'uun rakkisaa ta'a,'' jechuun dabalti Dolzikoovan.

Biyyoonni Lixaa sodaa guddaa keessa galaniiru.

Inistiitiyuutii Qorannoo Nageenya Biyyaalessaa Israa'elii fi Yunivarsiitii Tel Aviiv keessatti qorataan olaanaa Dr Raaz Zimmt, "Tiraamp tarsiimoo 'dhiibbaa guddaa' Iraan irratti deebi'ee kaa'uuf akka yaalu ifaadha" jedhu.

"Garuu Iraan dandeettii niwukilaraa ishee akka duubatti deebiftu amansiisuuf marii haaromfame irrattis ni yaala jedheen yaada."

Muummichi ministeeraa Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun jijjiirama sirnichaaf fedhii qabaachuu isaanii ibsanis, Dr Zimmt biyyattiin yeroo ishee akka eegdu amanu. Akkasumas Doonaald Tiraamp maal akka godhuu fi Iraan akkamitti deebii akka kennitu ilaaluuf eegaa jirti.

Iraan waldhabdee guutuu kakaasuu hin barbaaddu. "Donaald Tiraamp – akka daldalaatti – Iraan waliin waliigaltee uumuuf ni yaala jedheen yaada," jedhu Yunivarsiitii Tehran keessatti piroofeesara saayinsii siyaasaa Naseer Hadiyan.

"Yoo sun hin taane, dhiibbaa guddaa uumuuf deema."

Walii galteen waldhabdee caalaa akka ta'u ni amana, garuu, "dhiibbaa guddaadhaaf yoo deeme wanti dogoggora ta'ee waraana gami kamuu hin barbaanne argachuu dandeenya" jedha.

'Aarii bal'aa ka'aa jiru'

Iraan nama Hogganaa Olaanaa bakka bu'uu barbaaduuf kanaaf qophaa'aa waan jirtuuf, qormaata biyya keessaa hedduutu ishee mudata.

"Khaameenii waa'ee hambaa fi ce'umsa isaaf yaadda'a, akkasumas Iraan bakka tasgabbaa'aa ta'etti gadhiisuu fedha," jedhu Dr Vakiil.

Sirnichi mormii bara 2022 guutuu biyyattii keessatti du'a shamarree Mahsaa Amiini jedhamtu kan hijaaba sirnaan hin uffannee jedhamtee himatamte hordofee ka'een akka malee raafame.

Fincilli kun seera qabeessummaa dhaabbata abbootii amantaa mormuun humna gara jabinaan caccabsame.

Osoo lammiileen Iraan hedduun hoji dhabdummaa fi qaala'iinsa jireenyaa olaanaan miidhamaa jiranii, sirnichi qabeenyasaa waldhabdee biyyoota biroo keessatti dhangalaasuun aariin bal'aan kaaseera.

Keessattuu dhaloonni haaran Iraan Warraaqsa Islaamaa irraa adda bahuun isaanii dabalaa dhufeera, namoonni hedduun uggura hawaasummaa sirnichi kaa'e irratti kan aaran ta'uu ibsameera.

Guyyaa guyyaan dubartoonni ammallee sirnicha mormuun rifeensa isaanii osoo hin haguugamne bahuun hidhaaf saaxilamu.

Haata'u malee, sirnichaa akka Sooriyaa kufaa jechuu miti jedhu namoonni Iraan hordofan.

"Iraan impaayera ishee hin jaallatamne waan dhabdeef ummanni Iraan deebi'ee ka'uuf waan jiru natti hin fakkaatu," jedhu Jeefriin