Iccitii sandootaa fi mana hidhaa lafa jalaa Sooriyaa namoonni itti dararamaa turanii

Gabaasaa BBC Feraas Kilaani tullaa kitaaboota kutaa dukkanaa'aa keessaa ilaalaa
Ibsa waa'ee suuraa, Gabaasaa BBC Feraas Kilaani tullaa kitaaboota kutaa dukkanaa'aa keessaa ilaalaa

Gabaasaan BBC Arabic, Feraas Kilaaniin, mana hidhaa fi bakka dararaan itti raawwatamuu fi lammiileen Sooriyaa sodaataman, keessa lafa jala kutaa iccitii bulchiinsa durii keessa seenee jira.

Eddoon kunis bakka addunyaa namoonni alaa muraasni qofti seenuuf hayyama argataniidha.

Waajjira muummee Tika Mootummaa Sooriyaa lafa jalatti, kutaa cabbaa'aa toora basaasaa dhoksaa biyyattii waggootaaf hoggansa gara jabeessa biyyattii aangoorra tursisee agarre.

Tokkoon tokkoon isaanii balbala sibiilaa furdaa mataasaanii kan qaban yoo ta'u, tartiiba kutaalee dhiphoo hidhamtoota qabachuuf itti fayyadamaniidha.

Tokkosaa keessa yoo ilaalamu, dheerinni isaa meetira lamaa fi bal'inni isaa meetira tokko qofa akka ta'u ni argina, keenyaansaanis xurii dukkanaa'aan kan guutameedha.

Ifni kutaalee kanneen keessa galu tokkichi, ifa aduu xinnoo karaa gubbaa keenyaa ol kaʼoo taʼanii irraan ifu qofadha.

Sirreeffamtoonni kutaalee dhiphoo akkasii keessatti baatiiwwaniif hidhamu
Ibsa waa'ee suuraa, Sirreeffamtoonni kutaalee dhiphoo akkasii keessatti baatiiwwaniif hidhamu

Hidhamtoonni wayita qoratamaniifi dararamaniitti ji'ootaaf kutaalee hidhaa kanneen keessatti hidhamuu danda'u.

Eddoon kunneenis giddugala Damaasqoo, aanaa Kaafr Sousa kan namoonni itti baay'atu keessatti daandiidhumatti dhiyaatee, bakka waajjirri muummee jirutti argamu.

Guyyaa guyyaanis lammiileen idilee biyyattii kumaatamaan lakkaa'aman bakka lammii isaanii itti hidhamanii fi dararamaa turan irraa fageenya meetira muraasa qofarratti jireenya isaanii guyyaatiif biraan darbaa turan.

Koridoorii tokko keessatti ammoo, suuraan pirezidaantii amma aangoo irraa kaafame kukutamee tuullaa faayiloota dhaabbileen basaasaa biyyattii, kan ittiin sochii namoota miliyoonaan lakkaa'aman hordofamuuf yaalamee waliin lafatti gatameera.

Hidhamtoonni yeroodhaaf erga as keessa tursiifamanii booda, jidduugalawwan yeroo dheeraaf itti hidhaman kan akka mana hidhaa cimaa Saaydnaayaa kan qarqara magaalaa guddoo biyyattiitti argamuutti geeffamu.

Dhaabbanni kunis qaama neetiworkii guddaa mootummaan Sooriyaa duraanii hogganuuti.

Suuraa ciccitaan hogantoota Sooriyaa duraanii keenyaarra

Gareen hordoffii walabaa Neetworkii Mirgoota Namoomaa Sooriyaa (SNHR) jedhamu, jalqaba fincila Asaad irratti bara 2011 hanga ji'a Adoleessaatti tureetiin, namoota manneen hidhaa biyyattii keessatti dararaan du'a 15,102 galmeessu hima.

Erga Hagayya bara kanaatti kaasee namoonni 130,000 ol hanga ammaatti to'annoo jala jiru ykn humnaan ukkaamfamanii akka turan tilmaama dhaabbanni kun.

Dhaabbanni Amanastii Intarnaashinaal akka jedhutti, mootummaan duraanii Sooriyaa waggootaaf dararaa fi dirqiin dhabamsiisuu akka mala mormii dhaabuutti itti fayyadamaa ture.

Dhaabbileen basaasaa biyyattii ''kan itti gaafatamummaa hin qabnedha'' jechuun ibsa.

Feraas Kilaaniin kutaa sarvarii kan sarvaroonni hedduun keessatti argamu ilaalaa wayita jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Feraas Kilaaniin kutaa sarvarii kan sarvaroonni hedduun keessatti argamu ilaalaa wayita jiru
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waajjira mummee Tika Mootummaa irraa adeemsa meetira dhimma muraasaa irratti, qaama neetworkii basaasa biyyatti kan biraa kan ta'e Daareektoreetii Tika Waliigalaatu argama.

Mormitoonni mootummaa Asaad kun dhaabbilee jireenya guyyaa guyyaa ummata bal'inaa biyyattii hunda ittiin basaasaa turan keessaa tokko ta'uu himu.

Keessoo isaatti, kutaa sarvara kompiitaraa ni argama. Lafti fi dallaan adii qulqulluu fi tartiibni kuusaa daataa gurraachaa ni mul'ata.

Ibsaa Damaasqoo harka caalu irraa citee jira, garuu dhaabbanni kun baay'ee barbaachisaa waan ta'eef dhiyeessii humna ibsaa kan mataa isaa kan qabu fakkaata.

Sirnoonni dijitaalaa jiraataniin alattis galmeewwan waraqaa baay'eetu jira. Hundi isaanii kan hin tuqamnee ta'utuu mul'atu.

Faayiloonni kaabinoota sibiilaan hojjataman kanneen keenyaa kutaa tokkoo marsan keessatti kan guutaman yoo ta'u, tartiiba biraatiin ammoo kitaabonni yaadannoo lafaa hanga baaxiitti tuulamanii mul'atu.

Kanneen asi keessa hojjataa turanis wayita sirnichi harkaa kufee baqachuusaanitiin dura galmeewwan jiran keessaa waa balleessuuf carraa waan hin arganne fakkaatu.

Galmeen kunneenis kan waggootaaf turan yoo ta'u, kan barbadaa'e hin jiru. Akkasumas sanduuqawwan kaartaan rasaasaa guutamee qaban illee ni achiitti argamu.

Boombiiwwan saandu keessaa

Kutaa gara biraa keessattis, mormaaraa fi boombii lafa keessa awaalamu dabalatee, meeshaaleen waraanaa ni argamu.

Loltuu garee hidhattoota Islaamummaa kan amma Damaasqoo to'ate HTS irraa dhufe tokko gabaasaa BBC waliin ture. Meeshaan waraanaa kunneen maaliif as jira jedheen gaafate.

Innis yeroo mootummaan Asaad Raashiyaa waliin tumsaa tureetti, "dhaabbileen mootummaa hundi gara waajjira muummee ummata Sooriyaatiin lolanii fi cunqursaniitti jijjiiraman" jedhe.

Tullaawwan sanadootaa fi galmee kompiitaraa Daayirektoreetii Odeeffannoo Waliigalaa Tikaa keessa jiru kunneen, gara fuulduraatti kan namoonni lammiilee Sooriyaa hidhaa fi dararuun kamiifuu itti gaafatamummaa qaban himachuu keessatti gahee olaanaa taphachuu danda'a.

Akkasumas galmeewwan Joordaan, Libaanoos fi Iraaqiin wal qabatan hedduunis achi keessatti argamaniiru.

Galmeewwan kunneen ummataaf ifa yoo taasifaman, walitti dhufeenya namoota beekamoo biyyoota sanaa fi tajaajila nageenyaa Asaad gidduu jiru yoo mul'isan, guutummaa naannawa sanaa keessatti dambalii rifasiisaa uumuu danda'a.

Akkuma kutaaleen meeshaalee nageenyaa duraanii Asaad hedduun ifa ta'aa jiranitti bu'aan isaa guddaa ta'uu danda'a.