'Lubbuudhaan achi keessaa bahee seenaa kana barreessa jedhee hin yaadne' - Jawaar Mohaammd

Xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad kitaaba haaraa ''Hin Gaabbu'' jedhu Keeniyaa Naayiroobiitti torban dhufu eebbisiisa.

Madda suuraa, Jawaar Mahaammad

Ibsa waa'ee suuraa, Xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad kitaaba haaraa ''Hin Gaabbu'' jedhu Keeniyaa Naayiroobiitti torban dhufu eebbisiisa.

Xiinxalaan siyaasaa fi aktivistii beekamaa Jawaar Mahaammad kitaaba haaraa mata duree ''Hin Gaabbu'' jedhuun maxxansiisee torban dhufu magaala guddoo Keeniyaa, Naayiroobiitti eebbisiisuuf akka jiru gaaffiifi deebii addatti BBC waliin taasise irratti hime.

Kitaabni kun Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraan qophaa'u dubbateera. Dabalataanis Afaan Ingliffaanis qophaa'uu kaasuun garuu maxxansaaf akka hin geenye ibse.

Kitaabni Jawaar mana hidhaa taa'uun barreesse kun yaadannoo jireenya isaa dhalootaa hanga qabsoo jijjiiramaatti jiru kan of keessatti qabatu akka tahe himeera.

Kitaabni kun waa'ee maaliiti? Akkamiin mana hidhaa keessa taa'ee barreessee baase, haala siyaasa Itoophiyaa fi maaliif ''Hin Gaabbu'' akka jedhe irratti addatti BBC waliin turtii taasiseera.

Nutis gaaffii fi deebii Jawaar waliin taasifne akkasiin isniif dhiyeessineera dhiyaadhaa.

''Hin Gaabbu''

BBC: Kitaaba mata dureen isaa ''Hin Gaabbu'' jedhu torban kana eebbisiisuuf akka jettu himte. Ergaan kitaaba kanaa maali?

Jawaar: Qabiyyeen kitaaba kanaa yaadannoodha. Memory'dha. Dhaloota kiyya irraa kaasee imala jireenya kiyyaati. Qabsoo Qeerroo irraa jalqabee waan hojjetamaa ture, barumsa ce'umsaa keessas waan tahaa turedha.

Mana hidhaa keessatti kanan barreesse amman maxxansee baase. Mata duree gabaabaan isaa ''Hin Gaabbu'' jedhan. Yaadannoo Imala Jireenya Kiyyaa fi qabsoo Qeerroo Oromoo jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haalota siyaasaa, hawwaasummaa fi dinagdee ani keessatti guddadhe, muuxannoo jireenyakoo yeroo Singaapooritti barachaa turee fi turtiikoo Ameerikaa of keessaa qaba.

Qabsootti yeroon seenu qophii qabsoo nagaa har'aaf gochaa turre, falma biyya alaatti gochaa turree fi akkamiin akka gara jijjiiramaatti akka ceene bal'inaan kan of keessatti qabatedha.

BBC: Mata duree kitaabakee kana maaliif ''Hin Gaabbu'' jette?

Jawaar: Ilmi namaa waa hojjeta. Sana booda of duuba deebitee ilaalta. Of duuba ilaaltee yeroo madaallii gaggeessitu jira. Jiruu siyaasaa kana keessatti aarsaa baay'een kaffale. Hojii baay'ees nan hojjedhe. Milkaa'ina argadheera.

Kana ilaalee yeroon madaalu aarsaan kaffale sanaafis milkaa'ina waan argadheef aarsaan kaffale garaa na nyaatu. Kan biraa ammoo, hojiin hojjechaa ture keessatti namoonni aaran jiraachuu malu. Namoonni walitti bokokuun jira.

Sababni kanaaf qabsoo sana galmaan gahuuf ture. Qabsoon kun ammoo waan galmaan gaheef waanniin gaabbu hin jiru jechuufidha, ykn akka loqoda bahaatitti ''Sheenaa Hin Qabu'' jechuufidha.

BBC: Eessatti barreessite? Mana hidhaa teessee barreessitee?

Jawaar: Mana hidhaatti barreesseen icciitiidhaan baasaa ture. Harkaanan barreessaa ture. Ergasii taayip ta'e. Jalaqabarratti kitaanis tahe waraqaa galchuun hin eeyyamamu ture. Qaallittii erga gallee garuu dhorkamaa hin turre.

Garuu waan achitti barreessitee baasuu hin dandeessu. Kanaaf maqaa isaanii ibsuu hin barbaanneefi malee poolisiin tokko yeroo waraqaan akka naaf hin galle na dhorkan dhagahuun dhoksee naaf galche.

Isan barreesses dhoksaan baasuudhaan namoonni na gargaaran jiru. Waan manni hidhaa si barsiisu tokko akkaataatti dhoksitee waa mana hidhaa keessaa baastudha.

Yeroon mana hidhaatii bahe haalli yeroo sana ture gaarii waan hin turreef uummanni qalbiidhaan dubbisuuf haalli mijataan hin turre.

Ergasii gulaalaa fi sirreessaa ture. Kana caalaa turuu hin qabu jedheen amma baasuuf murteesse.

BBC: Kitaaba kana keessaa uummanni dubbisu waan haaraa ati kana dura hin dubbanne ykn ifa hin goone argataa?

Jawaar: Waggoota darban keessa wantoonni hedduun saffisaan jijjiiramaa turan. Kanaaf waanan yaadadhuu fi ilaalcha kiyya irraa waan hedduu argatu jedheen yaada.

Kitaaba Jawaar Mahaammad 'Hin Gaabbuu' jedhu

Kitaabichi waa'ee siyaasa Itoophiyaa ammaa hangam tuqa?

BBC: Haala siyaasa Itoopiyaa irratti waan furmaata akeeku ni tuqaa?

Jawaar: Mana hidhaa keessatti kitaaba laman barreesse. Hanga ammaa waan keessa darbee fi biyya keenyatti yoo maaltu hojjetame rakkoo mudate keessaa baati kan jedhun barreesseera.

Kitaabni ammaa kun fuula 500 ta'u qaba. Yoo sun irratti dabalame gara 1,000 deema. Kanaaf kutaa lamaan baasuuf murteesine. Kan lammaffaa waa'ee imaammataa, karooraa fi sagantaa akkasumas kaan qabatu bara dhufu kanan baasnu taha.

Haala siyaasaa Itoophiyaa sana boqonnaa tokko gara dhumaarratti waan akeeku qaba garuu bal'inaan miti. Kan lammataa keessatti ibsameera.

BBC: Kitaabakee kana maaliif biyyatti hin eebbisne? Haalli mijataan siif hin uumamnee?

Jawaar: Yaallee turre. Akkuma beektu biyyicha keessa kitaaba eebbisiisuuf dhiisii afuura baafachuunuun ulfaataadha. Ani dura gara biyya Awurooppaatti eebbisuufan yaadee ture. Sana booda hawwaasni as jiraatu asitti eebbifamuu qaba jennaan asitti eebbisiisuuf murteesse. Sana booda Awurooppaa keessaa Jarman, UK gara Ameerikaattis deemee kan eebbifamu taha.

BBC: Kitaabakee kana maaliif amma eebbisiisuuf yaadde? Akka nama siyaasaa tokkootti haala siyaasaa amma Itoophiyaan keessa jirtu waliin waan yaadde ykn akeekte jiraa?

Jawaar: Haalli siyaasaa Itoophiyaa ni fooyya'a jedheen yaadaa ture. Akkuma beektu akka durii barreessuus dubbachuus dhiisee hojii baay'ee lafuma jala hojjechaan ture. Garuu qondaalonni biyya sanii garuu homaa jijjiiramuu hin dandeenye.

Kanaafuu, kana caalaa eeguun homaa waanti fooyya'aan argamuu waan hin dandeenyeef, hojii gara fuulduraatti hojjechuuf yaanneef akka toluufi uummanis akka irratti dubbatuuf hubannoo uumuuf amma baasuuf murteesse.

BBC: Kitaaba kana irraa uummanni duub-deebii akkamii naa kenna jettee eegda?

Jawaar: Uummanni keenya uummata afoolaati. Hawwaasni keenya hawwaasa seenaa jireenya isaa dubbiin dabarsuun beekmudha. Kanaaf, aadaa barreeffamaa jajjabeessuufidha. Waan hin barreesinee fi malee jireenyi namni tokko tokko keessa darbu mataansaa kitaaba tokko taha. Garuu gaafa lubbuun darbe seenaa keessa darbe isuma waliin awwaalama.

Anis waanan keessa darbe yoo lafa kaa'e dhaloonni dhufu waan ani keessa darbee fi ilaalcha kiyya irraa waa barachuun, hojii gaarii hojjedhe irraa barachaa, dogogora ani hojjedhes sirreessuun, uummata isaaf isa nuyi buusne caalaa buusuuf hojjeta jedhee yaadeen.

Kitaaba kana mana hidhaa keessa taa'ee yeroon barreesse achii lubbuudhaan baha jedhee yaadaa hin turre. Kanaaf waan ani keessa darbe ana waliin awwalamuu hin qabu jedheen barreessaa ture.

BBC: Mana hidhaatii lubbuudhaan baha jedhee hin yaadne jette? Waan uummanni hin dhageenye jiramoo mana hidhaa sanatu siif mijachuu didemoo, maaltu ture?

Jawaar: Waan baay'eetu jira. Gaafuma qabamne sanayyuu qabamnee lubbuudhaan mana hidhaa seenuun waan raajii waaqaati.

Waan mudate hedduutu jira. Waan argaa ture irraa, ergaa na gahaa ture irraa ka'ee yoon ilaalu lubbuudhaan achi keessaa bahee seenaa kana barreessa jedhee hin yaanne. Uummanni keenya waan keessa ture akka ture akka beekuufan barreesse.

Kan biraa manni hidhaa yeroo waan siif kennuuf tasgabbooftee akka barreesitu si godha. Hojii biraas waan hin qabneef.

BBC: Namoonni siyaasaa Oromoo hedduu kitaaba tokkollee kan dhaloonni irraa baratu osoo hin barreessiin hafan. Isa kana jijjiiruuf fakkeenya gaarii akka tahuuf barreessitee?

Jawaar: Eeyyee yeroon dargaggeessa turetti qondaalota siyaasa keenya hogganaa turan akka Obbo Galaasaa, Obbo Leencoo akka waan keessa darban barreessan itti watwaataan ture. Hanga tahe barreessaniiru. garuu guutuutti miti.

Seenaan hin barraa'iin ni haqama [ni hirraanfatama] beektaa! Waan uummanni keenya keessa darbe waan xiqqoo miti.

Waan xiqqoonis hin hojjetamne. Rakkoo xiqqoo keessas hin dabarre. Seenaan qondaalota keenyaa, seenaan abboota keenyaa mata mataadhaan osoo barraa'ee waan irraa barannu qaba. Dogogora isaan hojjetan ammoo nuyi akka irra hin deebineef nu gargaara ture.

Isaan barreessuu dhabuu isaaniitiif natti dhagahama ture. Yeroo qabsoo qeerroo sana seenaa Haayilee Fidaa barreessaan ture.

Haayilee fidaa nama baay'ee barreessaa turedha. Tarii jechoota siyaasaa har'a Itoophiyaa keessatti har'a fayyadamaa jirru isatu uume.

Yaadannoo jireenya isaa irraa kaasee namoota inni walii barreessaa ture namni tokko naaf kennee isa irratti barreessaan ture. Hanga ammaa hin xumurre. Gara fuulduraa yoon yeroo argadhe nan xumura.

Namni baay'een maqaa Haayilee Fidaa beeka malee waan hedduu inni keessa darbe hin beeku.

Qe'ee isaa Wallagga, Arjoo irraa kaasee akkaataatti ilaalchi isaa akkas guddate, hanga Jarmanii fi Faransaayitti waan keessa darbe osoo barreessee jiraate waan hedduu irraa baranna ture.

Osoo waan Baaroo Tumsaa, Jaarraa Abbaa Gadaa keessa darban kitaabaan barreessanii jiraatan , ani ammoo isa argadhee yeroon yuunvarsiitii seenu ykn isa dura dubbisee jiraadhe dogogoroota hojjedhe tokko tokko akka hin hojjenne na gargaara ture. Karaa hedduu dheeraa tokko naa gabaabsa ture.

Anis amma dhaloonni na booda dhufus waan ani keessa darbe dubbisee akka dhuunfaattis hawwaasa isaafis akak waa buusu yaadeen barreesse.

BBC: Waan BBC'tti dubbatteef baayyee galatoomi Obbo Jawaari.

Jawaar: Isin illeen na dubbisuu keessaniif galatoomaa!

-----------------------------------------------------------

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.

BBC Afaan Oromoo Facebook akkasumas Chaanaalii WhatsApp haaraa eegalleerratti hordofuu dandeessu.