Marii nagaa marsaa sadaffaa mootummaa fi ABO-WBO dhugumaan kamtu dide?

Rakkoo nageenyaa Oromiyaa karaa nagaa akka xumuramuuf waamichi dhiyaate.

Madda suuraa, SM

Xiinxalaa siyaasaa fi Miseensi KFO Jawaar Mahaammad mootummaan Itoophiyaa ''nagaa buusuuf marii nagaa marsaa sadaffaatti deebi'uu qaba,'' jechuun Feesbuukii isaa irratti maxxanse.

Jawaar Fuula Feesbuukii isaa irratti ''waamicha marii araaraa marsaa 3ffaa jarri WBO fudhateera. Kan dide mootummaadha,'' jedhe.

''Diplomaatotaan “ mariin marsaa biraa hin barbaachisu. Finciltoota irra jireessa barbadeessineerra. Kan hafan ammoo harka kennuuf nu dubbisaa jiru” jedhaniin jedhe Jawaar.

Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa US kan tahan Maayik Haamer marii mootummaa Itoophiyaa fi ABO-WBO mijeessuun deeggarsa kennaa turan.

Erga mariin marsaa lammaffaa milkii malee xumurameef hanga nagaan dhufutti qaamolee lamaan akka araaramaniif hojjenna jedhanii ture.

Irra dedeebiin MM Abiy Ahimed waliinis akka dubbataa turan himaniiru. IGAD dabalatee Dippilomaatonni biyyoota akka Keeniyaa, Noorweyi qaamolee lamaan marsaa sadaffaaf mariif akka taa'aniif tumsa isaanii akka itti fufan himamaa ture.

Xiinxalaa siyaasaa Jawaar Mahaammad garuu marii marsaa sadaffaa WBO fudhatee kan dide mootummaadha jedhe.

Mootummaan dhimma kanaaf deebii addatti kennuu baatus dhiyeenya Ajajaa duraanii Zoonii Gidduugaleessaa Sanyii Nagaasaa fa'aa karaa nagaa kan galanii fi marii nagaaf kan taa'an yoo tahe mari'achuuf qophiidha jedhee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan kaan 'barbadeessera, kaan harka kennachuuf nu qunnamaa jiru,'' jechuun mootummaan dippilomaatotatti hime kan jedhe kan tahuu garee biraa tahuu hin baramne.

Mootummaan tarkaanfii fudhachuun WBO akka balleessu kan dubbachuu jalqabe waggoota shan dura ta'us godinaalee Oromiyaa hedduutti babal'achuun wal dhabdichi uummata nagaa gaaga'aa akka jiru namoonni BBC dubbisaa ture ni himu.

Dhiyeenya kan gaafanne gama WBO'n qaamolee gidduu keenya jiran qofa qofaatti nu gaafachuufi nu dubbisuu irraa kan darbe waanti qabatamaan marsaa sadaffaaf mari'achuuf mootummaa wajjin waan walii galame hin jiru jedhan.

Mootummaan gam tokkoon waraanaan fura jechaa gama kaaniin waamicha nageenyaa haasa'uun nagaa hin fidu amantaa jedhu akka qaban himan.

Marsaa lamaan irratti yaada furmaataa dhiyeessine mootummaan waan hin fudhanneef waanti jijjiirame hin jiru odeeffannoo jedhu BBC'n odeeffateera.

Mootummaan Itoophiyaa tibbana hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo irratti oppireeshinii gaggeessaa akka jiru himaa ture.

Kanaanis gariin isaanii akka harka kennataa jiran ibsaa gama kaaniin ammoo uummata waliin marii gaggeessuun nagaa buusuuf akka hojjetu himaa ture.

Har'a Sadaasa 14/11/2024 Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Fuula Feesbuukii isaa irratti, ''Naannoon Oromiyaa, Godiinaalee garagraatti uummanni hiriirra nagaa ba'uun nageenya waaraa qe'ee Oromootti akka mirkanaa'uuf waamicha taasisaa jira.'' jechuun maxxanse.

Kun kan jalqabaa tahuu baatus rakkoo nageenyaan dararaan uummata nagaarra gahu garuu akkaan hammaataa deeme.

Obbo Jawaar Mahaammadis suuraa hiriira uummata godinaalee Oromiyaa maxxanfame fayyadamuun '' fakkeessuun nagaya buusuun hin danda’amu,'' jedhe.

''Mootummaan gama tokkoon marii araaraa marsaa 3ffaaf waywaannaa biyyoota dubbii harkaa qabaniin dhihaataa jiru didaa, gama biraan uummata miskiina adutti baasanii waywaachisuun sirrii miti.

Nagaa buusuuf onnerraa fedhii qabaannaan waltajjii mariitti deebi’uun ala falli hin jiru,'' jedhe Jawaar.

Mootummaan nagaa buusuufi marii nagaaf ''banaa'' tahuu himuurra kan darbe marii nagaa marsaa sadaffaa ABO-WBO waliin taasisuuf diduu ilaalchisee waan ibse hin jiru.

Tibbana UNtti Manni Maree Mirgoota Namoomaa haala qabinsa mirga namoomaa Itoophiyaa irratti gamaaggama jiru ilaaleera.

Kora UN kana irratti Ministirri Haqaa Itoophiyaa Obbo Belaayinuu Yirgaa gabaasa yoo dhiyeessan ''mootummaan garee hidhate biyyattii keessa socho'u hunda qunnamaa ture'' jedhan.

''Nagaa buusuuf marii karaa nagaa gaggeessuun murteessaadha'' jedhan.

ABO-WBO waliin mariin nagaa marsaa lamaa Taanzaaniyaatti gaggeeffamuu kan eeran ministirichi, ''kun kutannoo mootummaan nagaa buusuuf qabuuf agarsiiftuudha'' jedhan.

Naannoo Amaaraa ilaalchisuun Manni Maree Nageenyaa naannichaa hidhattoota Faannoo waliin akka mariin gaggeeffamuuf haala mijeessuuf hojjechaa jiru jedhan.

Rakkoo kan tahe hoggansi isaanii qindaa'aa fi bittinnaa'aa tahuu isaati'' jedhan.

Hidhattoonni Faannoo ajajaa Faannoo Gondar, Goojjam, Walloo jechuun waamamu malee eenyu jalatti waliigalaan akka hogganaman hin beekamu.

Kora UN kana irratti Obbo Belaayinuun mootummaan guutummaa biyyattii keessatti nagaa buusuuf marii gaggeessuuf qophiidha jedhan.

Xiinxalaa siyaasaa Jawaar Mahaammad ammoo jechaan ibsuu fi gochaan raawwachuun adda akka tahee fi nagaa buusuu akka hin dandeenye akeeke.

Minister Deetaa duraanii Obbo Taayyee Danda'aa kan amma mana hidhaa jiranis mootummaan hidhattoota waliin nagaa buusuuf fedhii gahaa hin qabu jechuun qeeqanii ture.

Marii nagaa marsaa lamaan Taanzaaniyaatti yeroo gaggeeffame mootummaan biyya keessatti oppireeshinii hidhattoota ABO-WBO irratti gaggeessu cimsee ture.

Namoota siyaasaa dabalatee hedduun ammoo erga mariin jalqabee maaliif barbaachise hanga marichi xumuramutti gaaffii jedhu kaasaa turan.

Kana dura yeroo lama mariin nagaa mootummaa fi ABO-WBO gidduutti Taanzaaniyaatti gaggeeffamee ture. ''Wal hubannaa gaariin jira'' erga jedhamee marsaa lammaffaa irratti ammoo waliigaltee malee addaan bahan.

Mariin Nagaa marsaa lammaffaa abdii guddaan kan irratti gatame yoo tahu yeroo dheeraa kan fudhatee fi ajajoonni Waraana Bilisummaa Oromoos kan irratti argaman ture.

Maricha Ameerikaa, Keeniyaa fi Noorweyi fa'aa adda durummaan qindeessuun kan deeggaran yoo tahu hidhattoota WBO ammoo bakka jiranii fuudhuuf Waldaan Qaxxaamura Diimaa Idil-addunyaa deeggarsa godhee ture.

Ergasii mariin marsaa sadaffaa gaggeeffamuu danda'a tilmaamni jedhu ture. Gama mootummaan ''balballi keenya nagaaf banaadha'' kan jedhu yeroo hedduu dhagahama.

Gama hidhattoota WBO nagaa buusuuf qophii tahuu himuun yaadota nuyi akka haal-dureetti dhiyeessine mootummaan hin fudhanne yaada jedhu qabu.

Qaamolee lameen quba walitti qabu. Nageenyi uummata naannoo Oromiyaa garuu yeroodhaa yerootti balaarra kan bu'aa deeme fakkaata.

Gaazexaan Kallacha Oromiyaa akka gabaasetti mootummaan godinaalee akka Shawaa Bahaa, Shawaa Lixaa fi kaan keessatti hidhattoota WBO irratti oppireeshinii gaggeessaa jira.

Guyyoottan lamaan darbetti Oppireeshinii qaamolee nageenya waloo godinaa Shawaa Bahaatiin gaggeesaniin miseensonni ABO Shanee 4 hidhannoo guutuu qabatanii socho’aa turan qaamolee nageenyaatiin to'atamaniiru,'' jedhe.

Itti dabaluun marii uummata waliin taasifame irratti ''miseensonni loojistikii diinaa ta’uun hojjachaa turan 112 tahan saaxilamuudhaan to’atamaniiru,'' jechuun gabaase.

Tibbana Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti hidhaan namoota nagaa irratti hammaachaa jiraachuu namoonni tokko tokko BBCtti himaniiru.

Shawaa kaabaa keessaa yeroo adda addaatti bilbilli adda citaa ture. Odeeffannoo gahaan achii bahu baatus namoonni BBC dubbise tokko tokko mootummaan hidhattoota irratti oppireeshinii gaggeessaa jiraachuu himan.