Dhimma marii nagaa marsaa sadaffaafi hogganaa garichaarratti qondaalli WBO maal jedhu?

Humnootni nageenyaa mootummaa Itoophiyaa fi hidhattootni WBO waggoota shanan darban wal lolaa turan

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa

Marii nagaa marsaa lammaaffaa mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisommaa Oromoo (WBO) gidduutti baatii Sadaasa 2023 erga gaggeeffameen booda dhimma itti fufiinsa mariichaafi waa'ee hoggantoota waraana garichaa marii Taanzaaniyaatti gaggeeffameerra hirmaataniirratti waan hedduutu ka'aa ture.

Marsaa sadaffaaf WBO waliin mari'achuuf mootummaan yeroo garaagaraatti kaasulleen, ''odeeffanoon ammatti karaa idilee nu dhaqabe hin jiru’’ jedhan gorsaa olaanaan garichaa Obbo Jireenyaa Guddataa.

Ajajaa olaanaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn kan maqaa qabsoo Marroo jedhamuun beekamuu fi Itti Anaan isaa Gammachuu Abbooyee waliin marii marsaa lamaffaa irratti erga hirmaatanii booda bakka isaan jiran ilaalchisee ifatti waan ibsame hin jiru.

Ajajoonni waraanaa kunneen bakka turanii bahuun gara Taanzaaniyaa akka imalan gochuu keessatti ammoo Ameerikaa fi IGAD shoora olaanaa bahuutu himamaa ture.

Obbo Jireenyaan ergaa karaa barreeffamaa BBCtti himaniin ’’Jaal Marroon fayyaa isaati, hoggansa waraanaas kennaa jira,’’ jedhan. Garuu gara biyyatti deebuufi dhiisuu dubbachuurraa of qusatan.

Haata'u malee gaaffii fi deebii VOA Afaan Oromoo waliin taasisanin, hogganoonni waraanaa lameenuu ''gara dirreetti deebi’aniiru’’ jedhan.

Gama biraan tibbana qaamolee lamaan marsaa sadaffaaf wal arguun wal dhabdee giduu isaanii waggootaaf ture karaa nagaa furuuf jedhu odeeffannoon jedhu jiraatus ''qabatamaatti waan nu gahe hin jiru’’ jedhan Obbo Jireenyaan.

Mootummaan Itoophiyaa fi WBO wal dhabdee gidduu isaanii jiru karaa marii nagaatiin hiikkachuuf marii marsaa jalqabaa erga gaggeessanii amma waggaa tokko guutuuf deema.

Marii nagaa Taanzaaniyaa Odola Zaanzibaar irratti taa’ameen qaamolee lameen wal hubannaa gaariin akka jiru ibsuun adda bahuun isaanii ni yaadatama.

Ergasii booda ammoo marsaa lammaffaan Taanzaaniyaadhuma magaalaa Daaresalaamitti wal arganii turan illeen mariichi haala eegameen osoo hin xumuramiin hafe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mariin marsaa lammaffaa torban lamaa oliif gaggeeffame tureerrattis, ajajoota waraanaa WBO dabalatee, ajajoota waraanaa mootummaa Itoophiyaa fi qondaalota olaanoo irratti hirmaatanii ture.

Mariin kun akka gaggeefamuu fi karaa nagaa wal dhabdichi akka xumuramu gochuu keessatti Ameerikaan adda durummaan warra hirmaatan keessaa tokko.

IGAD Ameerikaa waliin tahuun hogganoonni waraanaa WBO bakka turanii nagaan bahanii akka Taanzaaniyaa deemuun maricharratti akka hirmaatan deeggaruu himameera.

Haatahu malee, maricha irratti qaamolee lamaan quba walitti qabuun osoo waliigaltee xumuraa irra hin gahiin adda bahan.

Mootummaan Itoophiyaa tibba marichaa fi mariin erga gaggeeffamuun waliigaltee malee xumuramee booads bakkeewwan hidhattoonni WBO keessa socha'u jedhameetti duula waraanaa adda addaa gaggeessaa jiraachuu himame.

BBC’n godinaalee Oromiyaa adda addaa keessaa haala jiru ilaalchisuun jiraattota irraa akka iyyaafatetti, lolli humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota WBO gidduu ture akkuma itti fufetti jira.

Godinaalee Wallagga Lixaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Shawaa Lixaa fi Shawaa Kibba Lixaa, Gujii keessatti qaamolee lamaan walitti dhukaasaa akka turan jiraattonni BBC dubbiseefi nageenyaaf maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan himan.

Carraa marii nagaa marsaa sadaffaa

Mootummaan Itoophiyaa mariin marsaa sadaffaa ammas jiraachuu akka danda’u irra deddeebin himunsaa ni yaadatama.

MM Abiy Ahimed dhiheenya kana paarlaamaa biyyattii irratti wayita dubbataniitti mariin marsaa sadaffaa jiraachuu akka danda’u eeraniiru.

Haata'u malee mootummaanis tahe gareen WBO waa’ee marii nagaa duraan gaggeessaa turanii ilaalchiin maaliirratti akka waliigalaniifi maaliirratti akka waliigalu dadhaban ilaalchisuun ifatti kan jedhan hin jiru.

MM Abiy garuu, ''marii Taanzaaniyaarratti hanqinni iftoominaa jira warra jedhaniif, erga marii egaallee booda wanta jiru uummata Itoophiyaaf waliigalasaa dhiyeessina jennee marii eegallee, booda maricharraa waan cuunfinee dhiyeessinu hin arganne,'' jedhan.

''Gaafa qalbii horatanii mariin godhamu milkaa'es waliigalasaa ni dhiyeessina'' jedhaniiru.

Gorsaa Olaanaa Ajajaa WBO, Obbo Jireenyaa Guddataa ammoo ammas dhaabni isaanii mariif qophii tahuu himanii garuu hanga yoonaatti qaamni isaan qunname akka hin jirre himan. ''Ammatti waan marsaa sadaffaa jedhamu nuti waan quba qabnu hin jiru’’ jechuun BBCtti himan.

Gaaffii fi deebii qondaalli kun VOA Afaan Oromoo waliin taasisaniin ammoo dhaabni isaanii aangoo qooddachuuf gaaffiin dhiyeesse akka hin jirre dubbattan.

Garuu ''Mootummaan waloo jiraatee gara dimokiraasiitti ce’uu barbaachisa waan ta'eef, mootummaa waloo ijaaruun gara sirna dimokiraasiitti ce’uu kan jedhu dhiyeesineeera’’ jedhan.

Itti dabaluunis, ''aangoo federaalaa hanga onaatti isiniif kennina jdhanii ture. Nuti aangoon gaafanne hin qabnu, garuu kan gaafannee akkamiin uumataaf diriirfama kan jehu turee’’ jechuun madda wal dhabdee marichaa tahe dubbatan.

Mootummaan Itoophiyaas marii marsaa lammataatiin booda 'fedhii aangoo qooddachuu daangaa hin qabne dhiyeessan' jechuun bakka bu'oota WBO maricha irratti hirmaatan komachuunsaa ni yaadatama.

MM Abiy waa'ee qabsoo WBO ilaalchisuun, ''gowwummaan hin eeginaa, filannoofi dimookrasiin malee qawweedhaan aangoo qabachuun hin danda'amuu'' jedhan.

Ta'us, rakkoon WBO waliin jiru karaa marii nagaa qofa furmaata akka argatu ibsan. Mariin kun ammoo waliigalteedhaan raawwatamuuf yeroo dheeraa fudhachuu akka danda'u dabaliin kaasan.

Marii marsaa lammaffaa adda durumuun deeggaraa kan turan Gaanfa Afriikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa, Maayik Haamar mariin kun yeroo dheeraa fudhachuu akka danda’u himanii, mootummaan Ameerikaa hanga nagaan bu’utti deeggarsa taasisu akka hin dhaabne ibsanii turan.

Amma yeroo gara Itoophiyaatti imalanittis dhimmoota qondaalota mootummaa Itoophiyaa waliin irratti akka mari'atan eegamu keessaa tokko waa'een nageenyaafi haala marii nagaa itti fufsiisuu eegama.

Wal dhabdeen mootummaa fi hidhattootta WBO waggoota shanan darbaniif gaggeeffamaa turen gaaga'amni lubbuufi qabeenyaa olaanaan qaqabuu jiraattoonni ni buddatu.

Mootummaan hidhattoota kanneen irratti tarkaanfii fudhachuuf yeroo garaa garaatti duula cimaa gaggeessa turus sochiin hidhattoota kanneenii garuu biyyattii keessaa bakkaa bakkatti haalaan dabalaa adeemutu himama.

Humnoonni nageenyaa mootummaas hidhattoota ''Shanee’’ deeggartu jechuun namoota nagaa irratti ajjeechaa fi badii garaa garaa raawwataa jiraachu jiraattoonni BBC’n dubbise ni himatu.

Haaluma walfakkaatunis, mootummaa deeggartu jedhamuun hidhattootaan kan ajjeefamanii fi butaman akka jiranis ni himama.

Wal dhabdeen qaamolee lamaan gidduu hammaachaa dhufe jireenya namoota nagaa hadheessuun, tajaajilliwwan bu'uuraa kan akka barnootaa, tajaajila fayyaa fi hojiileen misoomaa kaan irraanis miidhaa dhaqabsiisutu jiraattootaan himama.