'Gowwummaan hin eeginaa, filannoon malee qawween aangoo qabachuun hin danda'amu'-MM Abiy

Ministira Muummee Itoophiyaa, Abiy Ahimad

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti dhiyaatanii gaaffiilee dhiyaataniif deebiifi ibsa yoo kennan ''gowwummaan hin eeginaa filannoofi dimookrasiin malee qawweedhaan aangoo qabachuun hin danda'amuu''' jedhan.

Bakka bu'ootni uummataa yaa'ii idilee kanarratti gaaffii ''mootummaan abbaa irree ta'aa jiraa?, qaalayinsi jireenyaa humna uummataan ol ta'aa jiru akkamiin to'atama kan jedhuufi gaaffilee misoomaa kaanis kan kaasan yoo ta'u, MM Abiy gaaffii deebisuu kan eeglan nageenyaafi tasgabbiirratti xiyyeeffachuun akka barbaachisu ibsuuni.

Humnaan aangoo qabachuuf fedhiifi muuxannoon jiru, mariifi waliin dubbittii amanuu dhabuun, darbees marii nagaa rakkoo furuu danda'anitti danqaa uumuun muuxannoo Itoophiyaa hanga ammaa rakkoo ta'ee jiru ta'uu MM Abiy ibsaniiru.

''Marii naaga wajjin walqabatee, marii nagaa booda maaltu argame kan jedhu malee waraanicharraa maal arganne yeroo jedhamu hin dhagaahamu'' kan jedhan Abiy, ''walitti bu'insa malee nagaa barbaadaa akka hin jirre agarsiisa'' jedhan. Sababa kanaatti bakka adda addaa lolli jiraa jedhaniiru.

Akka fakkeenyaatti Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) isaan ''Shanee'' jedhan waliin haala jiru kaasaniiru.

''Marii Taanzaaniyaarratti hanqinni iftoominaa jira warra jedhaniif, erga marii egaallee wanta jiru uummata Itoophiyaaf waliigalasaa dhiyeessina jennee marii eegallee, booda maricharraa waan cuunfinee dhiyeessinu hin arganne,'' jedhan.

''Gaafa qalbii horatanii mariin godhamu milkaahe''' waliigalasaa ni dhiyeessina jedhaniiru.

''Amma Shaneen misoomni akka hin hojjetamne gochuu, uummata butuufi badiirratti bobba'eera,'' kan jedhan MM Abiy, Uummata siin qabsaa'a jedhuuf, ''uummata Oromoof wanta buusu hin qabu, osoo aangoon kennameefis bu'aa hin qabu'' jedhan.

Namoota qabsoo WBO tti amananii eeganiin ''gowwummaan hin eeginaa filannoofi dimookrasiin malee qawweedhaan aangoo qabachuun hin danda'amuu' jedhan.

''Abdiin wanta qabatamaa hin taanerratti hundaa'uu hin qabu jechuun'' qabatama amma biyya keessa jiruun jijjiiramni akka dhufe ibsaniiru.

Ammas rakkoon WBO waliin jiru karaa marii nagaa qofa furmaata akka argatu ibsan.

Mariin kun ammoo waliigalteedhaan raawwatamuuf yeroo dheeraa fudhachuu akka danda'u fakkeenya mootummaan Kolombiyaa hidhattoota Faark jedhaman waliin godhu kaasuun ibsan.

Mariin riphee loltoota waliin godhamu yeroo fudhachuu danda'a jedhan.

''Waamicha marii nagaa amma dura Shaniifis hidhattoota naannoo Amaaraafis dhiyeessine ammallee deebisnee dhiyeessuun rakkoo karaa nagaan furuuf ejjennoon qabnu ammallee cimaa ta'uu irra deebiin mirkaneessuun barbaada'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Walitti bu'insarraa bu'aan argamu hin jiru'' jechuun qamni hunduu marii karaa nagaaf gahee isaanii akka bahan waamicha godhan.

Nuti mootummaadha harka marannee hin teenyu kan jedhan MM Abiy, hamma dandeenyetti nageenya mirkaneessuuf ni hojjennaa jedhan.

Olaantummaa seeraa yeroo mirkaneessan ammoo qaama kamuu marii barbaaduuf balballi keneya banaadha jedhan.

Mootummaan gara abbaa irrummaatti ce'aa jiraa gaaffii jedhuuf yoo deebisan, ''seera-alummaan akka kanaa biyya deemokrasiin keessa hin jirretti hin dhufaayii? '' jedhanii gaafachun deebisan.

Biyyi shaakallii dimookrasii keessa waan jirtuuf seera-alummaan dhalatee jedhan.

Itoophiyaa keessa walitti bu'insiifi lolli kan baayyeteef haala duraan biyyi itti bulaa turterraa ''haa jijjiiru'' waan jedhaniif akka ta'e dubbatan.

Sirnoota amma dura mormitootni ni ajjeefamu kan jedhan MM Abiy, ''amma ajjeesuu mitii hidhuunuu rakkisaa ta'eera'' jedhan.

Hidhaa baayyate gaaffii jedhuuf deebii kennaniin ''akka haala amma jiruutiin, akka badii fi seera-alummaa amma jiruutiin paarkii osoo hin taane mana hidhaa ijaaruutu nurra jira ture’’ jedhan.

Itti dabaluun, namootni hidhamuu malan hedduutu jiraa jedhan.

Ammoo biyyi balaarra yeroo buhee jirutti mootummaan gaafatama isaa bahachuutu itti jiraa jedhan.

'Ragaan qabuun beelaan namni du'e hin jiru'

Ministirri Muummee Abiy Ahimad balaa hongee kutaalee biyyattii mudateen walqabatee yaada kennaniin hongeen mudachuu amanan.

Ammoo hongeen walqabatee beela mudateen lubbuun namaa darbaa jira gabaasaalee jedhan fudhatam dhabsiisan. Ragaa qabaniin beelaan namni du'e hin jiru.

Isaan kana haa jedhan malee dhaabbatni Abbagaar Uummataa gabasa torban darbe keessa baaseen sababa beelaan naannoo Tigraayiifi Amaaraa keessatti namootni 400 ta'an lubbuu dhabuu ibse.

MM Abiy sababa beelaa qofaan lubbuun darbe jiraachuu ragaa hin qabuu jedhanii hanqina nyaataatti dabalatee dhibeewwan adda addaan lubbuun namaa darbee jiraachuu akka malu himan.

''Ragaan harkaa qabuun sababa beelaan qofaa lubbuun darbe hin jiru.''

Hongeen mudateera kan jedhu garuu ''gaaffii hin qabu. Hongeen nu mudatee jira'' jedhan.

Hongeen mudate badii mootummaan osoo hin taane sabab jijjiirama qilleensaan akka ta'e kaasuun namni hongee mudate dantaa siyaasaaf oolchuun sirrii miti jedhan.

Ammoo rakkoo kanarraa nama bayyanichiisuuf mootummaan gaafatama qabu bahachaa jiraachuu ibsan.

Raawwii waliigaltee Piritooriyaa

Hojiirra oolmaa waliigaltee Piritooriyaa humnoota Tigraayii fi mootummaa federaalaa gidduutti raawwatame ilaalchisee wayita komiin dhagahamaa jirutti MM Abiy hojiilee gama kanaan mootummaan isaanii milkeesse ibsaniiru.

''Buufataalee xiyyaaraa suphinee balalii qilleensaa eegalsiifneerra. Baasii miiliyoona 100 ta'u ramadnee tajaajilli telekoomii akka eegalu godhameera. Baankiin biyyaalessaa maallaqa biiliyoona 10 kennuun tajaajila baankii naannichaa eegalsiiseera'' jedhaniiru.

Erga waliigaltee kanatti faabirikaawwan 217 hojii eegalaniiru, manneen barnootaafi dhaabbileen fayyaas hojii eegalaniiru jedhaniiru.

Ammoo wanti hanqatu waan jiruuf mariin raawwachaa akka deeman ibsaniiru.

'Liqii alaa kaffaluun raawwii ittiin boonnu qabna'

Waggoota shan dura yeroo gara waajiraa dhufan liqaan biyyootni alaa Itoophiyaarraa qaba guddoo ta'uu kan himan MM Abiy, waggoota darban kana liqaa deebisuun raawwiin agarsiisan kan ittiin boonan ta'uu miseensota paarlaamaatti himan.

''Mootummaan liqaa komeershaalaa homaa hin liqeeffannee. Faallaa kanaan ALI bara 2011-2015 liqii doolaara biiliyoona 9.9 kaffalteetti.''

Waggaa shan dura dhiibbaan liqaa biyyoota alaa Itoophiyaarra ture omisha waliigalaa biyyattii keessaa dhibbeentaa 32 ta'a akka MM Abiy jedhanitti. Haala amma jiruun liqaan kun gara dhibbentaa 17 tti gadi bu'uu ibsan. Karoorri mootummaasaanii gara dhibbeentaa 10 gaditti xiqqeessuu akka ta'e ibsan.

Liqaa boondii yuuroo irra jiru Itoophiyaan kaffaluu dadhabde jedhamee oduun afarfamaa jiru dhugaa miti jechuunis ibsan.