Siyaasa Itoophiyaa: Kaayyoon imala qondaalota KFO Obbo Baqqalaafi Obbo Jawaar US fi Awurooppaatti taasisan maali?

Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaa garbaa

Madda suuraa, JAWAR MOHAMMED/FB

Tibbana qondaalonni olaanoon paartii Kongiransii Federaalawa Oromoo (KFO) Obbo Baqqalaa Gabaafi Obbo Jawaar Mahaammad ''Daawwannaa Galataa'' (Thanksgiving Tour) jechuun gara Ameerikaattiifi Awurooppatti imalaniiru.

Obbo Baqqalaa Garbaa gara Ameerikaatti, Obbo Jawaar Mohaammad ammoo gara Awurooppaatti qajeeluutu himame.

Obbo Jawaariifi Obbo Baqqalaan namoota ajjeechaa aartist Haacaaluu Hundeessaa hordofee hokkara umameen shakkamuun gara waggaa fi walakkaan oliif erga hidhamanii booda dhiyeenya kan himanni isaanii adda cituun mana hidhaatii bahan keessaayi.

Osoo hin hidhamiin dura siyaasa keessatti hirmaachuuf jecha paaspoortii US qabu ture deebiisee Itoophiyaarraa osoo hin argatiin kan ture Jawaar, erga hidhaatii baheen booda yeroo jalqabaatiif biyya ollaa, Keeniyaa Caamsaa darbe keessa daawwateera.

Obbo Jawaar erga hidhaatii baheen osoo miidyaatti hin dubbatiin ture dhiheenya gaaffiifi deebii OMN fi midiyaa Ubuntu jedhamu waliin taasiseen, kaayyoo imala isaa gara Keeniyaatti taasisees dubbatee ture.

Dhimma dhuunfaafi dippilomaatota, akkasumas aanga'oota jaarmiyaalee idil-addunyaa waliin wal arguuf akka ta'es himeera Obbo Jawaar.

Kaayyoon imalasaanii tibbanaa hoo maali? Kan dhuunfaa moo kan paartiiti?

Dhimma kanarratti BBCn kan dubbise Itti-gaafatamaan Waajjira KFO Obbo Xurunaa Gamtaa, imalli qondaaltoonni kunneen gara Ameerikaafi Awurooppaatti taasisan kun ''akka dhuunfaatti, garuu kan beekamtii paartii keenyaa qabadha,'' jedhan.

''Imalli miseensota olaanoo paartii keenyaa kunneen haala lamaa-sadiin deebi'uu danda'a.

Tokkoffaan, mana hidhaa turan. Yeroo isaan mana hidhaa turaniitti ammoo namoonni biyya alaafi biyya keessaa maatiisaniif deeggarsa gochaa turan. Kanaaf, imala isaanii marsaa kanaatiin lammilee biyya alaa jiran kanneeniin galatoomaa jechuuf,'' jedhan.

''Lammaffaa waamichi kan godhameef dhuunfaa isaaniin,'' jedhan.

Imalaafi waamicha taasifameef kana paartiin isaanii akka beeku kan himan itti-gaafatamaan kun, gaaffiilee KFO ilaalchisuun hawaasni kaasuuf deebiis ni kennu jedhan.

''Bakka namoonni kun argamanitti KFOn jira. Gaaffiin KFO ilaalchisee ka'u yoo jiraate deebii kennuu ni danda'u, yaada kennuu ni danda'u jechuun irratti mari'annee murteessine,'' jedhan Obbo Xurunaan.

Obbo Xurunaan imalli isaanii kun sochii siyaasaa paartichi qindeesse akka hin taanes akeekaniiru.

Kanaan duras osoo hidhaa hin galiin dura Obbo Jawaar fi Obbo Baqqalaa gara biyya Ameerikaatti imaluun simannaa guddaan hawaasa Oromoo biyyas jiruun taasifamuufiin ni yaadatama.

Yeroo sana Obbo Jawaar daawwannaa Ameerikaa kutaa adda addaatti keessatti taasiseen booda kan duraan ittiin beekamu falmaa mirga namoomaa ykn aktivistii irraa siyaasa keessatti kallattiin hirmaachuuf murteessuu ifa godhe.

Gara biyyaatti erga deebi'ees lammummaa Ameerikaa qabu ture deebisuun miseensa paartii KFO tahuun filannoo Itoophiyaa bara 2021 irratti hirmaachuuf biyya keessatti duula jalqaban.

Haatahu malee, filannoo Itoophiyaa sababa weerara Koroonaavaayirasiin yeroon isaa dheerate. Dabalataan walitti bu'insi mootummaa Federaalaa fi TPLF hammaataa adeeme.

Kana giduutti artisti Haacaaluu Hundeessaa ajjeefame. Sirna gaggeessaa reeffaa Haacaaluu Hundeessaa irratti Obbo Baqqalaa fi Obbo Jawaar qabamuun mana hidhaa galfaman.

Dabalataan miseensotni paartii KFO fi paartilee akka ABO kaanis hedduun hidhaman. Kana hordofes KFO'n dhiibamneera jechuun filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa keessaa bahuun ni yaadatama.

Dhiyeenya raafama siyaasaa biyyattii keessatti mudate furuuf Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundaa'uun hojiitti galame.

Marii kana irratti namoonni siyaasaa hidhaman akka gadhiifaman dhiibba godhamaa tureen booda Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Jawaar Mahaammad, Hamzaa Borranaa fi kan biroo hiikaman.

KFO dhiyeenya kana ibsa haala yeroorratti baaseen, marii biyyaaleessaa warra hidhannoon qabsaa'an dabalatee hunda yoo hirmaachise malee waan hiikaa hin qabaanneef itti hin hirmaannu jechuun isaa ni yaadatama.