Israa'el maaliif Sooriyaa irratti haleellaa raawwataa jirti?

Madda suuraa, Getty Images
Israa'el buufataalee waraana Sooriyaa irratti haleellaa qilleensaa dhibbaan lakkaa'amu raawwatte. Akkasumas gara Gaarreen Goolaan naannoo waraana irraa bilisa ta'etti ammoo loltoota galchuudhaan, lafa daangaa Sooriyaa irratti argamu to'annoo Israa'el jala olchite.
Israa'el tarkaanfiiwwan kanneen kan fudhataa jirtu nageenya lammiileeshee mirkaneessuuf akka ta'e kan himtu yoo ta'u, kaan garuu mormituu bara dheeraa dadhabsiisuuf akka carraatti itti fayadamaa jirti jedhu.
Israa'el haleellaa qilleensaa attamii raawwachaa turte?
Dhaabbanni To'ataa Mirga Namoomaa Sooriyaa (SOHR) UK keessatti buufate, erga guyyaa Dilbataa mootummaan Asaad kufeen as Humni Raayyaa Ittisaa Israa'el (IDF) haleellaa 310 ol raawwachuusaa galmeessuu ibseera.

Haleellaawwan kunneenis kuusaa meeshaa waraanaa, kuusaa rasaasaa, buufata xiyyaaraa, buufata waraana galaanaa fi wiirtuuwwan qorannoo dabalatee, dhaabbilee waraanaa waraana Sooriyaa kaaba Aleeppoo irraa kaasee hanga kibba Damaasqootti kan xiyyeeffate ta'uun gabaafameera.
Hundeessaan SOHR, Raami Abduul Raahmaan, haleellaawwan kunneenis ''dandeettii waraana Sooriyaa hunda'' barbadeessaa akka ture ibsuun, ''lafti Sooriyaa sarbamaa jira,'' jedhan.
Israa'el tarkaanfiin fudhataa jirtu kun yeroo Sooriyaan gara bara bulchiinsa Asaad boodaatti ce'aa jirtutti, meeshaaleen waraanaa ''harka warra finxaaleeyyii'' akka hin galleef akka ta'e dubbatti.
Yaaddoon Israa'el waa'ee meeshaa waraanaa keemikaalaa maalidha?

Madda suuraa, AFP
Israa'el kuusaa kemikaalaa Bashaar al-Asaad harka eenyu seena laata jechuun yaaddoo ibsiti.
Sooriyaa meeshaa kemikaalaa meeqa akka qabdu ifa miti. Garuu, pirezidantiin duraanii ol ka'achuun isaanii amanama.
Gaafa Wiixataa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti qaami dhimma kemikaalaa hordofu kemikaalonni kuni sirnaan eegamuu isaanii aangawoonni akka mirkaneessan gaafataniiru.
Humnoonni Bashaar al-Asaaditti hidhata qaban bara 2013 haleellaa keessatti gaazii akka fayyadaman beekama.
Kanaanis, namoonni kuma tokkoo ol ajjeefamaniiru.
Israa'el Gaarreen Goolaan irratti maal gooti?

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri mummee Israa'el loltoonni isaanii naannoo waraana irraa bilisa ta'e kan garreen Goolaan irratti argamu to'achuu isaanii himan. Kunis hamma lafa Sooriyaan naannicha keessatti qabdu kan dheeruudha.
Ministirri mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, kun ''hanga qophiin mijaawaa ta'e argamutti ejjannii ittisaa yerootti'' jedhan.
"Israa'el haleellaa akka Onkoloolessa 7 kan Hamaasiin raawwatame kamuu gama Sooriyaa irraa akka hin raawwatame ittisuu akka barbaaddu dubbatteetti," jedhu Yunivarsiitii SOAS Landan irraa Piroofeesar Gilbart Achikaar.
"Garuu kun gara fuulduraatti tarkaanfachuu fi humnoonni biroo gara daangaa zoonii qabameetti akka dhihaatan dhaabuudhaaf carraadha."
Israa'el naannoo waraanaa irraa bilisa ta'e qabachuunshee ibsa biyyoonni Arabaa kennaniin bal'inaan kan balaaleffamte yoo ta'u, tarkaanfiin kun Ministeerri Dhimma Alaa Masriitiin guyyaa Wiixataa akka "naannoo Sooriyaa dhuunfachuu fi Waliigaltee Hirmaannaa Hiikkaa bara 1974 ifatti cabsuuti" jechuun ibsame.
Gabaasaaleen Sooriyaa akka jedhanitti, tarkaanfiin Israa'el naannoo ittisa (buffer zone) bira darbuun, Damaasqoo irraa km25 keessatti akka gale ibsuunilleen, maddeen waraana Israa'el garuu kana haalaniiru.
Humni Ittisaa Israa'el yeroo jalqabaaf loltoonni isaa naannoo waraana irraa bilisa ta'e Gaarreen Golaan keessatti kan argamuun ala socho'aa akka jiran amanee ture, garuu dubbi himaan, Naadaav Shoshaanii waraanni Israa'el kana caalaa keessa akka hin seenne dubbatan.
Gaarreen Goolaan maaliidha? Eenyutu qabate?
Gaarreen Goolaan lafa dhagaa kibba lixa Sooriyaa keessatti argamu yoo ta'u, walakkaa jaarraa oliif Israa'el qabattee turte.
Bara Waraana Baha Giddugaleessaa bara 1967tti Sooriyaan gaarreen kanneen irraa Israa'el irratti haleellaa raawwattee turte. Israa'el garuu humnoota Sooriyaa battalumaan loltoota Sooriyaa duubatti dhiibuudhaan naannawa kaaree kiiloo meetira 1,200 kan ta'u to'annoo waraanaashee jala galchite.
Sooriyaan bara 1973 tibba waraana Baha Giddugaleessaa (Yom Kippur)tti Gaarreen Goolaan deebiftee to'achuuf yaaltee turte, garuu hin milkoofne.
Biyyoonni lamaan bara 1974tti waraana dhaabuu kan mallatteessan yoo ta'u, humni to'ataa UN bara 1974 irraa eegalee sarara dhukaasa dhaabuurratti hojiirra oolaa jira.
Haata'u malee, Israa'el bara 1981tti ammoo adeemsa hawaasa addunyaa harki caalaan beekamtii hin arganneen naannoo kana of jalatti fudhatte.
Sooriyaanis Israa'el hanga guutummaan Goolaan keessaa baatuutti waliigaltee nagaa akka hin raawwanne ibsite.
Jiraattonni Araboota Sooriyaa kanneen Gaarreen Goolaan keessa jiraataa turan harki caalaan tibba waraana bara 1967tti naannoo sana keessaa baqatan.
Ammattis naannoo Goolanitti qubsuma Israa'el 30 ol kan argaman yoo ta'u, kunis namoota kuma 20tti tilmaamaman kan keessa jiraatudha. Israa'eloonnis battaluma battaluma waraanni bara 1967 xumuramee booda ijaarsa qubsamichaa eegalte jechuun ni danda'ama.
Qubsumni kunneenis seera addunyaatiin akka seeraan ala ta'ee kan ilaalamu yoo ta'u, Israa'el kana ni mormti.
Qubattoonni kunneen lammiilee Sooriyaa gara 20,000 waliin jiraatu. Isaanis, irra caalaan isaanii garee Druze irraa kan dhufan yoo ta'u, yeroo Goolaan to'atamu kan hin baqannedha.
Yaaddoon nageenyaa Israa'el qabatamaadhaa?

Madda suuraa, EPA
Aab Netaaniyaahuun Waraanni Israa'el naannoo waraana irra bilisa ta'e kan Gaarreen Goolaan keessaa dhuunfachuunsaa yeroof kan yaadame yoo ta'u, bahuun garuu kan amala mootummaa Sooriyaa ittaanu irratti hundaa'u ta'uu dubbatan.
"Humnoota haaraa Sooriyaa keessatti ka'an waliin hariiroo ollummaa fi hariiroo nagaa uumuu yoo dandeenyeef fedhiin keenya kanuma," jedhan. "Yoo kana hin goone garuu Mootummaa Israa'elii fi daangaa Israa'el ittisuuf waan barbaachisu hunda ni raawwanna."
"Wanti sammuu Israa'el keessa deemaa jiru humnoota Sooriyaa keessa jiran Goolaan keessa seenuun jiraachuu mala. Carraan sun akka hin jirre mirkaneessuuf fageenyatti dhiibaa jiru," jedhu Dr H. A. Heleer, Dhaabbata Tajaajila Rooyaal Yunaayitid, kan Landan keessa jiru irra.
"Haata'u malee, Israa'el kanaan duras akka tarkaanfii nageenyaatti Gaarreen Goolaan irratti argamu qabattee turte. Sana boodas jabeessitee turte. Ammas kana gochuu dandeessi."
Ministirri Dhimma Alaa Israa'el Gidiiyoon Saar, haleellaan qilleensaa buufata waraanaa Sooriyaarratti raawwatame lammiileeshee ittisuuf qofaaf akka ta'e dubbatan.
"Kanaafidha sirnoota meeshaa waraanaa tarsiimoo fakkeenyaaf kan akka haftee meeshaa keemikaalaa ykn misaa'ela fageenya dheeraa fi rookkeettiin harka finxaalessitoota akka hin seenneef haleelu," jedhan.
Haata'u malee, Prof. Achikaar akka jedhaniitti: "Meeshaan waraanaa keemikaalaa Sooriyaa keessatti bal'inaan hin babal'atu. Bakka lama ykn sadii qofatti argama. Garuu Israa'el haleellaa qilleensaa 300 ol ta'uun biyyattii irra caalaa laaffisuuf yaalaa jirtu."
Israa'el Baashaar al-Asaadiin akka "seexanaa isaan beekanitti" ilaalte jedha. Haata'u malee, maaltu ittaanee akka dhufu danda'u mirkanaa'aa miti jedha.
''Sooriyaan gareewwan waraanaa jiran, kan akka Liibiyaa gidduutti akka addaan qoodamtu eegaa jiru. Murni Israa'eliif diinummaa qabukana keessaan dhufa jedhanii sodaatu."
"Murni akkasii kunneenis meeshaa waraanaa Sooriyaatti akka hin fayyadamne ittisuu barbaadu."












