Hogganaan finciltoota Sooriyaa Ameerikaan barbaadaa turte eenyu?

Madda suuraa, AFP
Hogganaan finciltoota Sooriyaa Abu Mohammed al-Jawlani maqaa isaa kufaatii pirezidaantii Bashar al-Asad dura jihaadistiin walqabatu sana gadi dhiisee, maqaa isaa isa dhugaa Ahmed al-Sharaa jedhamu ibsa ofiisaa Kamisa irraa eegalee baase keessatti fayyadamaa ture.
Tarkaanfiin kun qaama tattaaffii Jawlaniin seera qabeessummaa isaa sochii haaraa keessatti cimsuuf taasisu yoo ta'u, gareen hidhattoota Islaamummaa Hayat Tahrir al-Sham (HTS) gareewwan finciltootaa biroo dursuun magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo qabachuu labsuun to'annoo isaa irra guddeessa biyyatti irratti taasisseera.
Kun ibsa inni ummataaf kennuu fi gaaffii fi deebii miidiyaalee idil-addunyaa waliin taasisuun qofa osoo hin taane hirmaannaa fi dhiibbaan inni taasisu guddachaa dhufuu isa agarsiisa.
Waggoota darban keessa uffata akkaataa warra dhihaa caalaa uffata aadaa hidhattoota jihaadistii uffachuun mul'ata. Ammas yeroo haleellaa kana hoogganu uffata waraanaa uffatee jira, kunis ga'ee hojii ajajaa waraanichaa ta'uu isaa kan agarsiisudha.
Garuu Jawlani ykn Ahmed al-Sharaa eenyu? maaliifi akkamitti jijjiirame?
Walitti hidhamiinsa IS fi Iraaq
Gaaffii fi deebii PBS bara 2021 Jawlani waliin taasise akka ibsetti,bara 1982 Sa'udii Arabiyaatti kan dhalate yoo ta'u, abbaan isaa hanga bara 1989tti injinarii boba'aa ta'ee hojjechaa ture.
Baruma sana maatiinJawlani gara Sooriyaatti deebi'an, innis naannoo Mezzeh Damaasqoo keessatti guddate.
Imalli Jawlani Jihaadistii Iraaq keessan kan eegale yoo ta'u, garee Islaamummaa (IS) kan al-Qaayidaa waliin hidhata qabu fi boodarra garee Islaamummaa Iraaq (ISI) keessatti ture.
Weerara bara 2003 Ameerikaan durfamu booda, bara 2005tti loltoota biyya alaa biroo Iraaq keessa jiran waliin walitti makamee Kaampii Buccaatti hidhame, achitti hidhata jihaadistummaa waliin qabu guddise. Boodarra ammoo Abu Bakr al-Baghdadi, kan sana booda IS geggeessuuf deemu waliin wal bare.
Bara 2011tti Bagdaadiin garee dhoksaa ISI waliin hidhata qabu Al Nusra Front hundeessuuf fandii barbaachisu waliin Jawlani gara Sooriyaatti erge. Bara 2012tti Nusraan garee walitti dhufeenya ISIS fi al-Qaayidaa waliin qabu dhoksee hundaa'uun humna waraanaa beekamaa Sooriyaa ta'e.

Madda suuraa, Reuters
Waldhibdeen gareewwan kana gidduu jiru kan uumaame bara 2013 yeroo gareen Bagdadii Iraaq keessa jiru gama tokkoon gareewwan lamaan (ISI fi Nusra) walitti makamuu labsuun, Dhaabbanni Islaamummaa Iraaq fi Levantii (ISIL ykn ISIS) akka uumamu yeroo jalqabaatiif walitti dhufeenya isaanii dhaabuu ifatti labsanitti ture.
Jawlaniin garee isaa tooftaa jeequmsaa ISI irraa fageessuu waan barbaadeef mormuun garicha irraa gargar bahe.Rakkoo sana keessaa ba'uuf Jawlani al-Qaayidaaf amanamummaa waadaa seenee, Nusra Front damee isaa Sooriyaa taasise.
Jalqabarraa kaasee deeggarsa Sooriyaa irraa argatu itti fufsiisuuf, gara jabummaa IS irraa of fageessuu fi jihaada irratti mala caalaatti hojiirra ooluu danda'u cimse.
Al-Qaayidaatti makamuu

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ebla bara 2013 keessa Al-Nusra Front dhaaba al-Qaayidaa kan Sooriyaa ta'e IS waliin wal dhabe.
Tarkaanfiin Jawlani kun gam tokkoon deeggarsa biyya keessaa eeguu fi lammiilee Sooriyaa fi gareewwan finciltootaa irraa fagaachuu irraa of qusachuuf yaaliin godhame yoo ta'u, dhuma irratti walitti dhufeenyi gareen al-Qaayidaa dhumarratti bu'aa faallaa ta'uu mirkaneesse.
Bara 2015tti yeroo Nusra fi gareewwan biroo bulchiinsa Idlib qabatanii bulchiinsa ishee keessatti akka tumsan isaan dirqisiise qormaata cimaa ture.
Bara 2016tti Jawlaniin hariiroo al-Qaayidaa waliin qabu addaan kutee, garee kana maqaa biraa Jabhat Fatah al-Sham, boodarra ammoo bara 2017 Hayat Tahrir al-Sham (HTS) jedhee moggaase.
Jalqaba irratti adda ba'iinsi sun, qoqqoodinsa guddaa uume. Al-Qaayidaan Jawlaanii gantummaadhaan himate, garee al-Qaayidaa haaraa Sooriyaa keessatti hidhata qabu Hurras al-Din ijaaruun boodarra bara 2020tti HTS tti adda ba'e.
Miseensonni Hurras al-Din garuu of eeggannoodhaan naannicha keessatti argamu.
HTS'n hojjettoota IS fi loltoota biyya alaa Idlib keessa jiranis irratti xiyyeeffachuun, hidhata isaanii diiguun, sagantaa tokko kan biraa dhabamsiisuu akka raawwatan dirqisiise.
Tarkaanfiiwwan kun qaama tattaaffii humna waraanaa tokkoomsuu fi lola keessaa hir'isuuf godhamu yoo ta'u, tarsiimoon Jawlani kun HTS akka humna fi olaantummaa qabaat gochuun siyaasa Sooriyaa keessatti gadi jabaatu taasisera.
Garichi al-Qaayidaa irraa adda bahee maqaan jijjiiratus, HTS UN, US, UK fi biyyoota birootiin akka dhaabbata shororkeessummaatti farrajamuu itti fufe,
Ameerikaan odeeffannoo bakka Jawlani jiru ilaalchisee kennameef badhaasa doolaara miiliyoona 10 qopheessite. Biyyootni dhihaa kaanis addaan bahuu gareewwan kanneeni akka fuula duraatti hordofan taasise.
Idlib keessatti 'mootummaa' ijaaruu

Madda suuraa, Salvation Government
Jawlani jalatti HTS humna olaantummaa qabu Idlib keessatti ta'e, kaaba dhiha Sooriyaa keessatti bakka cimaa finciltootaa isa guddaa fi namoota gara miliyoona afuriitti dhiyaatan kan keessa jiraatan yoo ta'u, hedduun isaanii bulchiinsa Sooriyaa biroo irraa kanneen buqqa'aniidha
HTS'n bara 2017tti garee hidhattootaa naannoo sana to'achuu ilaalchisee yaaddoo jiru furuuf, qaama siyaasaa fi bulchiinsaa "Mootummaa Fayyinaa Sooriyaa" ("Syrian Salvation Government" SG) jedhamu ijaare
SG'n akka mootummaatti kan hojjetu yoo ta'u, muummichi ministeeraa, ministeerotaa fi kutaaleen naannoo dameewwan akka barnootaa, fayyaa fi ijaarsa deebisanii ijaaruu kan to'atan yoo ta'u, mana maree amantii Shari'aa ykn seera Islaamummaan bulfamu qaba.
Maqaa isaa daran tolfachuuf Jawlani ummata waliin dammaqinaan hirmaata. Kaampiwwaan buqqaatotaa daawwachuu, taatewwaan adda addaa keessumaa yeroo rakkoolee akka kirkira lafaa bara 2023 irratti hirmaachuu, fi tattaaffii gargaarsaa taasisaa ture.
HTS bulchiinsa isaa seera qabeessa taasisuu fi dandeettii tasgabbii fi tajaajila kennuu agarsiisuuf bulchiinsa fi bu'uuraalee misoomaa irratti bu'aa ba'ii argame ibseera.

Madda suuraa, Salvation Government
Kanaan duras Taalibaan, bara 2021 aangootti deebi'uu isaaniitiin, kaayyoo isaanii galmaan ga'uuf araarama tooftaa gochuu dabalatee, tattaaffii jihaadistootaa hawwii siyaasaa wajjin bu'a qabeessa ta'een madaaluuf kaka'umsaa fi fakkeenya ta'uu isaanii jajataniiru.
Tattaaffiin Jawlani Idlib keessatti taasise tooftaa bal'aa dandeettii HTS jihaada gaggeessuu qofa osoo hin taane bu'a qabeessa ta'een bulchuu agarsiisuu calaqqisiisa.
Tasgabbii, tajaajila mootummaa fi deebisanii ijaaruuf dursa kennuudhaan, Idlib keessatti akka moodeela milkaa'ina bulchiinsa HTS jalatti agarsiisuudhaan, seera qabeessummaa garee isaa fi hawwii siyaasaa mataa isaa guddisuuf kaayyeffate.
Garuu hoggansa isaa jalatti HTS aangoo isaa cimsuu fi bakka sanatti ol'aantummaa qabaachuuf carraaqqii taasise keessatti gareewwan hidhattoota biroo jihaadistootaa fi finciltootaa dhabamsiisuun ofitti make.
Mormii farra HTS
Haleellaan finciltootaa HTS'n durfamu Sadaasa 27 dura waggaa tokkoo oliif Jawlaniin mormii Islaamtoota ciccimoo akkasumas aktivistoota Sooriyaa irraa Idlib keessatti mudateera.
Qeeqxonni bulchiinsa isaa kan Al-Asaad waliin wal bira qabuun, HTS abbaa irree, mormii ukkaamsuu fi qeeqxoota callisiisuun himataniiru. Mormitoonni humnoota nageenyaa HTS "Shabbiha" jedhanii moggaasan, jechi kun namoota amanamoo Asaad hordofan ibsuuf itti fayyadamu.
Akkasumas HTS itti yaadee humnoota mootummaa fi jihaadistootaaf qabsaa'ota biyya alaa Idlib keessatti adda baafaman irratti lola hiika qabu irratti akka hin hirmaannee gochuun qooda fudhachuun himataniiru.
Wayita haleellaan dhiyootti raawwatameettillee falmitoonni mirga namoomaa HTS namoota dhuunfaa yaada isaanii ibsachuu isaaniitiin Idlib keessatti hidhaman akka gadhiisu itti fufiinsaan gaafachaa turaniiru.
Qeeqa kanaaf deebii kennuudhaan HTS waggaa darbe keessa haaromsa hedduu jalqabee ture.
Humna nageenyaa falmisiisaa sarbama mirga namoomaatiin himatame diiguun ykn maqaa isaa jijjiiruun lammiileen garee kana irratti komii akka dhiyeessan hayyamuuf "Kutaa Komiis" hundeessee ture.
Qeeqxonni garuu tarkaanfiiwwan kun mormii iratti ka'u to'achuuf qofa malee hojiirra ooluuf akka hin taane ibsu.

Madda suuraa, AFP
Idlib keessatti aangoo cimsachuu fi gareewwan hidhattoota gidduutti garaagarummaa jiru dhabamsiisuuf, HTS hoggansa tokko jalatti tokkoomuun guddina fi xumura irratti ammoo mootummaa Sooriyaa kuffisuuf murteessaadha jechuun falme.
HTS fi harki isaa siiviilii SG'n ummata naannoo fi hawaasa addunyaa mo'achuun maqaa gaarii qabaachuuf, naannoo finciltoonni qabaman keessatti eenyummaa Islaamaa eeguu jiraattota quubsuuf yaaluun sadarkaa gaarii qaba
Fakkeenyaaf, Muddee 2023 keessa, HTS fi SG walga'ii suuqiiwwaan daldalaa keessatti gaggeeffame hordofee "safuu kan hin qabne" jechuun, namoota hedduun qqeeqamee ture.Akkasumas sirni Hagayya darbe tapha Paaraalimpikii irraatti mormii fi qeeqni cimaa muudate SG'n deebi'ee akka of ilaalu taasiseera.
Taateewwan kunniin qormaata HTS gaaffii ummata Sooriyaa, kan waggootaaf bulchiinsa abbaa irree booda bilisummaa fi waliin jiraachuu barbaadan waliin araarsuu keessatti mudatu agarsiisudha.
Daandii Gaggeessumaa haaraa
Haleellaan yeroo dhiyootti raawwatame akkuma mul'achaa dhufeen miidiyaaleen addunyaa seenaa jihaadisummaa Jawlaanii irratti xiyyeeffachuun deeggartoonni finciltootaa tokko tokko akka dhaabatuuf gaafataa turan
Kanaan dura garee isaa diiguuf fedhii qabaachuu isaa ibsuus, gochi inni dhiheenya kanaa fi ummata duratti mul'achuun isaa akka seenaa addatti dhaga'ame.
Milkaa'inni HTS finciltoota sochoosuu fi torban lama hin guunne keessatti biyyattii guutuu to'achuun HTS ijjannoo qeeqxoota ciccimoo fi himannaa hanga tokko callisiise.

Madda suuraa, AFP
Jawlani fi SG'n hordoftooy biyya keessaa fi idil-addunyaa tasgabbeessaniiru. Garee xixiqqaa dabalatee lammiilee Sooriyaadhaaf nageenya waadaa galaniiru; Ollaa fi humnoota akka Raashiyaa waliin hariiroo nagaaf waadaa galaniiru.
Jawlanin buufata waraanaa ishee Siiriyaa akka hin miidhamne Raashiyaaf mirkaneessaniiru.
Jijjiiramni kun tooftaa HTS "jihaada giddu galeessaa" bara 2017 irraa eegalee kan mul'isu yoo ta'u, ilaalcha jabaa caalaa qabatamaa ta'uu cimsa.
Haalli Jawlani kun sochiiwwan jihaadistii addunyaa kanneen akka ISIS fi al-Qaayidaa, kanneen haalli isaanii bu'a qabeessa hin taanee fi itti fufiinsa hin qabnetti ilaalamaa ture kan kuffiseedha.












